Lammiilen biyyoota Baha Eshiyaa maaliif amantiisaanii jijjiiraa jiru?

Namoota sagadaa jiran

“Joon” Kooriyaa Kibbaa keessatti maatii Kiristaanaa keessatti dhalatee guddata. Akkuma namoota biyyasaa kan biroo jireenyi amantiisaa amma akka kan yeroo ijoollummaa sana miti.

Amma nama waa’ee amantii shakkuudha [aginoostikii). “Waaqayyo jiraachus dhiisus danda’a,” jedha.

Maatiin Joon ammayyuu Kiristaanota cimoodha; ilmisaanii osoo amantiirraa duubatti deebi’ee dhagahanii “baay’ee gaddu”.

Kanaaf jecha, Joon maqaasaa isa sirrii akka hin fayyadamne gaafatee BBCtti dubbate.

UStti kan argamu Wiirtun Qorannoo Piwu akka ibsetti addunyaarratti namoonni heddu kan amantiisaanii jijjiiran biyyoota Eshiyaa Bahaa keessatti. Muuxannoon Joonis kanuma kan akeekudha.

Akka qorannoo kanaatti namoonni 10,000 ol gaafatamanii hedduunsaanii amantii yeroo daa’imummaasaanii hordofan akka jijjiiran ibsan.

Kanneen Kooriyaa Kibbaafi Hoong Koong irraa gaafataman keessaa %53 kan ta’an amantiisaanii dhiisuu dabalatee amantii dur ittiin beekaman jijjiiruu himan.

Taawinaatti ammoo %42 kan ta’an amantiisaanii yoo gadhiisan, Jaappaanitti ammoo %32dha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2017 qorannoon Awurooppatti gaggeeffame, dhibeentaa 40 kan ta’an amantiisaanii yoo jijjiiran Ameerikaatti ammoo dhibbeentaa 28 kan ta’an amantii dur ittiin beekaman dhiisuu himatu.

Joon amantiisaa ganamaa dhiisunsaa umurii inni itti manaa bahee of danda’ee jiraachuu jalqabe wajjin kan wal-qabatuudha.

Yeroo maatii wajjin jiraataa ture, ganama sa’aatii 12tti isa dammaqsuun akka kadhatuufi Macaafa Qulqulluu dubbisu isa taasisu ture.

Waggaa 19 yeroo guutu manaa bahee yaadota garaa garaa dur hin beeknef saaxilame. Waldaa guddaa magaala See’ul jiru tokko deemuu eegale. Waldattiin miseensota kuma heddu kan qabdu yoo ta’u, Macaafa Qulqulluu akkaataa galuumsaa [context)dhaan osoo hin taane kallattiidhumaan hiikanii yeroo barsiisan arge. Kuni ammoo saayinsii inni beeku wajjin wal-jalaa dhahe.

Fakkeenyaf tiyoorii jijjiirama tiraanaa inni barate wajjin wal-dhiitunsaa amantiisaatti akka dugda galu isa taasisuu hima.

“Akka natti fakkaatutti Kiristaanummaan adiin adii, guraachan ammoo gurraacha jedha. Garifi gadhees akkasuma. Ergan hawaasa dudduubbee garaa garaa qabu wajjin wal-argee wal-baree booda, addunyaan fuula biraas akka qabdu baruu eegale,” jedhan Joon.

Joon akka jedhutti hiriyootasaa keessaa walakkaan amantiisaanii dhiisuu hima. Biyyoota Eshiyaa Bahaa keessatti namoonni Kiristaanummaa qofa osoo hin taane Budizimiis dhiisaa jiru. Namoonni Budistii ta’anii guddatan %20 kan ta’an amma amanticha dhiisaniiru.

Hoong Koong fi Jaappaanitti %17 kan ta’an amanticha keessaa bahaniiru.

Naannichatti namoonni amantii haaraa fudhachaa jiranis danuudha. Fakkeenyaf, Kooriyaa Kibbaatti Kiristaanummaan %12 namoota haaraa argateera. Budizimiin ammoo %5 miseensota haaraa argate.

Hoong Koongitti ammoo Kiristaanummaafi Budizimiin %12 fi %4 wal-duraa duuban namoonni fudhataniiru.

Naannichatti sekularizimiin hidda gadi fageeffataa waan dhufe fakkatus ammayyuu lammiilen biyyoota naannoo kana jiranii hedduunsaanii jireenya hafuuraa akka shaakalan himu.

Namoonni qorannoo kana keessatti hirmaatan irra guddaansaanii waaqoliin/waanti ijaan hin argamne wayii akka jiru akka amanan himan.

Naannoo Eshiyaa Bahaatti namoonni amantiisaanii jijjiirun waan haaraa akka hin taane himu ogeessa qorannoo amantii kan ta’an Dr. Woong Koo.

“Eeshiyaa Bahaa keessatti addatti amantii tokkotti cichanii hafuun baay’ee baramaa miti. To’istii yoo taate, yeroo wal-fakkaatatti Budistii ykn Konfuushininii hin taatu jechuu miti. Akka warra lixaa daangan [amantiiwwan gidduu jiru] kan adda bahee sirriitti ifa ta’e miti.”

Mallattoo Fannoo

Jaarraa 19ffaa keessa biyyoonni Eshiyaa kunneen warra lixaa wajjin qunnamtii eegaluurraa ka’eeti bifa amma beeknu kanaan yaadumti amantii jedhuyyuu kan dhufe.

Dr. Woong harmeesaanii kan si’a heddu amantii jijjiirte akka fakkeenyatti fudhachuun, amantiifi barsiifata garaa garaa qabaachun ammayyuu naannicha keessatti beekamaa ta’uu kaasu.

“Torbee darbe miseensa Waldaa Kaatolikii taatee galmooftetti. Torbee itti aanu achi ni deemti jedheen yaadee ture,” jechuun garuummoo waldaa Warra Wangeelaa sagantaa fayyinaa irratti hirmaachuf akka deemtu itti himuu ibsu.

“Waldaan Kaatolii maal taate, maaf achi hin deemtu harmee?” jennaan, “ammatti kanin barbaafu fayyina [dhibeerraa fayyuu]” akka ta’e harmeesaarraa dhagahuu himu namni waa’ee amantiiwwanii qoratan kun.