Barattuu waraqaa qormaataarratti amantii Islaamaa arrabsite jedhamuun himatamte

Madda suuraa, Getty Images
Qondaaltonni Moritaaniyaa barattuu mana barumsaa sadarkaa lammaffaa tokko waraqaa qormaataa deebisteerratti qooste, amantaa Islaamaa arrabsuun himatan.
Shamarreen Nabii Mohaammad torbee darbe kana nama amantii Islaamaa bu’uuresse kabaja dhorkite jedhamtee to'atamte.
Shamarree kun balleessaa dalaguun ishee yoo irratti mirkanaa'e, ol-iyyannoo fudhachuufillee carraa otoo hin argatiin du'aan adabamti.
Moritaaniyaan waggoota dhiyoo asitti seera arrabsoo amantiin walqabatu cimsiteetti.
Biyyattiin keeyyata seeraa kana gaalee yakkamaan yoo gaabbee adabbii du’a jalaa miliquuf eeyyamu haqxeetti.
Taatullee waggoota 30 oliif biyyattii keessatti arrabsoo amantiin walqabatuun adabbiin du’aa hojitti hin hiikamne.
Barattuun kun Adoolessa 18, 2023 magaalaa Kaaba-Dhiha biyyattiitti argamtu Atar keessatti "Nabi Mohaammad kabaja dhowwachuu fi itti qooste'' jedhamte.
Akkasumas miidiyaa hawaasummaarratti "duudhaalee qulqullummaa Islaamaa salphiste" jedhamuun to'atamtee jechuun waajjirri abbaa alangaa hawaasaa magaalaa guddoo biyyattii Nuhaakshot, AFP'tti himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Addatti shamarreen kun wanti barreessite jedhamtee ittiin himatamte hin ibsamne.
Boodarra maatiin barattuu kanaa gaazexaa Al-Quds al-Arabi jedhamuuf ibsa kennaniin dhibee sammuutiin akka rakkattu eeruun, dhiifama gaafatan.
Dhaabbanni oduu biraa al-Quds al-Araby jedhamu akka gabaasetti, shamarreen himatamte kun saba Haraatin keessaa dhalatuu himan.
Haraatin qomoo namoota gammoojjii Sahaaraa gadii garboofaman keessaa bahaniiti.
Hidhamuun shamarree kanaa ifatti kan ibsame erga abbootiin amantaa biyyattii namoonni Nabi Mohaammad arrabsuun irratti mirkanaa’e du'aan akka adabaman ajajanii booda.
Manni Maree Hayyoota Islaamaa Moritaaniyaa torban darbe ajaja kana kan dabarse erga Pirezidantiin Mohaammad Oold Ghaazhuwaani abbootiin amantaa arrabsoo amantaarratti ejjennoo isaanii akka ifa godhan gaafachuu hordofeeti.
Adabbii du’aatiin cinatti, namni yakka arrabsoo xiqqaan badii raawwachuun irratti mirkanaa’e hidhaa waggaa lamaa fi maallaqaan adabamuu danda’a.












