Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dirooniin fageenya dheeraa tibbana Itoophiyaatti tajaajila milkaa’aa kenne maali?
Diroonii fageenya dheeraa deemuu danda’u yeroo jalqabaaf Itoophiyaatti bakkeewan qaqqabuun ulfaataa tahan jahatti qorichaafi tajaajila talaallii dhaqabsiisuun milkaa’uu himame.
Dirooniin kun guyyoota 30 keessatti balalii 44 kan taasise yoo tahu, bakkeewan fagoofi tajaajila fayyaa qaqqabsiisuun hedduu ulfaatuttiti qorichootaafi talaalliiwan geessuu isaa dhaabbanni ‘Red Lighting’ jedhamu hime.
Diroonichi balalii 44 keessatti talaallii doozii 6,936 tahu bakka karoorfame qaqqabsiisuu hime dhaabbatichi.
Diroonii kana dhaabbata Awustiraaliyaa Swoop Aero jedhamu hojjete. Diroonichi al takkaatti fageenya km 120 balali’uu danda’a. Kana gidduutti ammoo bakkatti baatiriin isaa jijjiiramuuf hundaa’uun, dabalataan km 120 akka balali’u taasifamuu hima ibsi dhaabbatichi kenne.
Waliigalaan fageenya km 240 tahu balali’uun qorichootaafi talaaliiwwan dhiyeessuu dandeessi. Diroonichi qoricha hanga kg sadii ulfaatu fe’uun balali’uu danda'a.
Dhiyeessiin jalqabaa lamaan Onkoloolessa 20 bara 2023 kan gaggeeffame yoo tahu, talaallii dhibee Daranyoo Sombaa, Pooliyoo, Tiitanesii, Heppatesis B fi kaan qaqqabsiise. Dirooniin kun qorichootaafi talaallii bakka yaadameef qaqqabsiisuun haala fayyaa naannichaa fooyyeessuun danada’ameera jedhe dhaabbatichi.
Pirojektiin qorichaafi talaallii bakkeewan dhaqabuun ulfaataa tahaniif dhiyeessuu kun qindoomina dhaabbilee akka Tajaajila Nageenya Odeeffannoofi Tika Biyyaalessaa, Swoop Aero, Red Lighting, fi dhaabbata Freight in Time Limited jedhamaniin hojiirra oole.
Tajaajilli Nageenyaafi Tika Biyyaalessaa Itoophiyaa akka gaarreniifi mukatti hin buunetti toora duraan karoorfamerra akka balali'u gochuun deeggaraa ture.
Diroonii tajaajila fayyaa fooyyessuuf oolu kana dhaabbata Awustiraaliyaa Swoop Aero jedhamutu dhiyeesse. Hojii teeknikaafi suphaa, akkasumas leenjii nama diroonii kana balaliisuu kenna.
Ejensiin Tajaajila Nageenya Odeeffannoofi Tika Biyyaalessaa ammoo diroonii kun karaa kam irra bahuun Ministeerri fayyaa Itoophiyaa namuu akka talaallii hin dhabneef jecha Tajaajila Dhiyeessii Qoricha Itoophiyaa [EPSS] Global Fund jedhaman waliin tahuun erga bara 2020 hojjechaa turan.
Guyyoota 30 darbaniif qorichi akka dhiyaatuuf deeggars agochaa kan ture dhaabbanni ‘The UPS Foundation’ fi GAVI jedhaman tajaajilicha babal’isuuf bara 2024’f kan oolu doolaara miliyoona tokko ramaduu dhaabbanni Red Lighting ibseera.
Tajaajilli dhiyeessii qorichaafi talaallii kun guyyoota 90’f ammas akka itti fufu kan ibse dhaabbatichi iddoowan dhaqaban bal’isuuf karoorsuus ibseera.
Kun jalqaba bara 2024 irraa eegaluun itti fufa jedhe. Kalaqaa fi teeknoloojii fayyadamuun tajaajila fayyaa Itoophiyaa keessaa fooyyessuuf akak hojjetu himeera.
Itoophiyaa biyya rakkoo nageenyaa keessa jirtu keessatti iddoowan adda addaatti hanqinni dhiyeessii qorichaa jiraachuun lubuu namootaa akka darbuuf sababa tahuu himamaa ture.