Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dogoggorri Onaanaa Yunaayitid gatii baasise, ten Haag 'gafatamaan ana' jedhe
Leenjisaan Maanchistar Yunaayitid Eriik ten Haag tapha Chaampiyoonsi Liigiirratti dursa gareensaa qabatee ture dabarsee laachuu isaaf ''gaafatamaan ana'' jedhe.
Tapha Turk magaalaa Istaanbul keessaatti gaggeefame kana, Yunaayitid yeroo lama garaagartummaa goolii lamaan hiree dursuu argatee ture. Garuummoo eegsifachuu dadhabee 3-3 xumure.
Yunaayitid ramaddii kana keessatti tapha sadii mo'amee tokko qixxee bahee, tokkommoo injifachuun qabxii afur argateen sadarkaa dhumaarra jira. Hireen gara marsaa itti aanutti ce'uuf qabu guutummaatti cufame jedhamuu baatus, hireen harkaa baateetti. Tapha ramaddii isa dhumaa yoo mo'atellee qabxii garee kaanii eeggata.
Taphaan booda leenjisaa ten Haag qabxii kanaaf eenyu gaafatama jedhamee TNT Sports gubbaatti yoo gaafatamu ''yeroo mara anuma'' jedhe.
Taphoota hanga ammaa shananuurratti dursee goolii kana galche Yunaayitid isaan keessaa taphoota lamarratti garaagartummaa goolii lamaan dursaa erga turee tokko qixxee bahe, tokkommoo ni injifatame.
Ten Haag ''kanaaf anatu gaafatama. Piroojektiirra akka jirru beekna. Fooyya'insa fidaa jirra, kanaafuu wanta abdii horuudha'' jedhe.
''Kallattii sirriirra deemaa jirra. Kanaaf yeroo dheeraa keessa akka milkoofnu nan beeka, garuummoo Chaampiyoonsi Liigii keessa turuuf taphoota kunniin injifachuu qabda.''
Tapha edaarraa qabxii sadii argachuun akka irra ture kan dubbatu ten Haag ''haala taphaan gammadullee, gareen kun akka gaariitti waan hin ittisneef nan qeeqa.''
Osoo dursaa jiranii dogoggora bu'aa jijjiiru raawwachuu akka hin malles dubbate.
Dursaan taphattootaa Yunaayitid Buruunoo Fernaandees yaada TNT Sports irratti kenneen taphataan hunduu badiisaaf gaafatamummaa fudhachuu qaba. Amma hireen keenya ofirratti hin hundaa'u...'' jedhe.
''Wanti Chaampiyoonsi Liigiirratti hojjechaa jirru gahaa miti'' jechuunis dubbate.
Xiinxaltootni maal jedhu?
Yunaayitid carraa goolii 33 uumee isaan keessaa afur xiyyeefaannaa isaanii kanneen rukutan turan. Ammoo gahumsi taphaa agarsiisanis gaarii ture.
Wanti qabxii dhabsiisuuf sababa guddo ta'e goolii eegaan garichaa lammii Kaameruun Andiree Onaanaa rukuttaa adabbii lama Hakiim Ziyaach irraa dhufan akka salphaatti akka goolii ta'an hayyamuu isaati.
Taphataan sarara gidduu duranii Yunayitii Pool Iskools tapha kana dura yaada kenneen garee Yunaayitid kana waliin ''maal argachuu akka dandeessu tapha dura beekuun ni cima'' jedhe.
Baayeer Miiyuunikiin ni injifatu jedhee kan hin yaadne Iskools, garee kana keessa waggootaaf hanqinni hooggansaa akka jiru argaa jirra'' jedhe.
''Yeroo 2-0n dursitu cimsuudha qabda. Ittisa jabeessuu qabda. Guutummaatti maraatummaadha.''
Ittisni duraanii Liiverpuul Isteefan Waarnook Onaanaan ''galgala badaa qabaate'' dogoggoroonnisaa ''badii guddoo geessisan'' jedhe.
Taphataan sarara gidduu duranii Yunaayitid Roobii Saaveej ammoo goolii eeguu isa akkaan laafaadha, anaaf dogoggoroota lama'' jechuun Onaanaafi leenjisaa gaafatamaa godhe.
Barreessaan kubbaa miilaa Fiil Maaknaalitiy Onaanaan Miilaan irraa gara Yunaayitid dhufee turtii waggaa 12 Deeviid Dehiiyaatti xumura yeroo godhu, gahumsa olaanaarra osoo jiruu ta'us, wanti agarsiisaa jiru garuu kan eegame akka hin taane dubbate.
''Paawundii miiliyoona 47n gara Yunaayitid dhufus wanti agarsiise gatii itti bahe madaalee hin mul'anne, ammoo halkan kaleessaa gahumsa isaa isa baayyee gad aanaadha'' jedhe.