Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Niiwkaasil Paarisitti injifannoo 'saamame': Seerri kubbaa harkaa maal jedha?
Alaay Makkoost rukkuttaa peenaalitii PSG'n daqiiqaa dhumaatti argateen ''saalfachiisaa'' yoo ittiin jedhu, Jermeen Jenees ammoo Niiwkaasiil injifannoo seena qabeessa PSGirratti argate ''ni saamame'' jechuun ibse.
Taphoota Chaampiyoonsi Liigii ramaddiirraa darbuuf godhamuufi xumuratti dhiyaachaa jiruun ramaddii ''du'aa'' isa jedhamerraa PSG fi Niiwkaasil morkii miidhaga agarsiisan.
Aleeksaander Iyizaak boqonnaa dura goolii tapha miidhagaan dhufe erga lakkkoofsisee booda haalli taphaa warra keessummaa, PSG, deeggartoota isaa kumoota hedduu duratti rifaasisee ture.
Carraalee goolii uumaniifi carraawwan goolii PSG goolii eegaa warra Maag Piisiin qolaman Niiwkaasil marroo lamaan PSG mo'atee galuuf abdii guddaa horee ture.
Haata'u malee daqiiqaan 90 raawwatee, daqiiqaa dabalataa saddeettaffaarratti kubbaan Osmaan Dembeeleen dhiite qaama Tiinoo Livrameentoositti buutee achiis harka isaa gara ciqileettis utaaltee dabarte.
Murteessaan taphichaa iyyaafi watwaannaa taphattootafi deggartootaan muddaman. Booda iskiriiniitti fiiganii kubbaan akkam akka adeeme laalan. Achiis rukuttaa peenaalitii kennan. Kiiliyaan Imbaappee galchiitti geeddaree tokko qixxee xumurame.
Murteen daanyichaa garuu baayyee falmisiisaadha.
''Livrameentoon harkasaa akkam gochuutu irra ture? maree duubatti hidhataa? Ani gubachaan jira'' jedhe taphataan sarara gidduu duraanii Niiwkaasil Jenees yaada TNT Sports gubbaatti kenneen.
''Taphattootni waan qaban hundaan taphatan, injifannoo seena qabeessa kilabichaa keessaa tokko ta'uu qaba ture. Niiwkasiil ni saamame.''
TNT gubbaatti taphicha gabaasaa kan ture Alaay Makkoost gama isaan '' kubbaan sun gonkumaa peenaalitii miti. Waan akkasiif peenaalitii ni kennina yoo ta'e saalfachiisaadha'' jedhe.
Daanyaan tapha sana taphachiise Maarkiniyaak addunyaarratti warra jiru jedhaman keessaa tokko. Tapha xumuraa waancaa addunyaa bara 2022 Arjentiinaa fi Faransaay isatu taphachiise. Tapha Chaampiyoonsi Liigii isa xumura bara darbee Maanchistar Siitii fi Inter Miilaan gidduutti gaggeefames isatu taphachiise.
Daanyaan kun boqonnaa booda Gordoon Ashraaf Hakiimiirratti tapha hin malle taphate jedhanii iyyata warri PSG dhiyeessan kufaa godheera. Isuma peenaalitiidha jedhee murteesse kanas jalqaba didee ture. Gargaaraa daanyaa viidiyoodhaan hordofutu dhaqee akka ilaalee murteessu isa dirqe.
''Daanyichi hojii kanaan isa baayyee jabaadha, tapha kanas gara caalu akka gariitti taphachiise'' jedhe Maakkoost.
Kubbaan ''gara lapheesaatii dhuftee ciqileessaa bitaatti buute...kuni gonkumaa peenaalitii hin ta'u. Halkan sun guutummaan isaa murtee kanaan yaadatama.''
Jifataan duraanii Niiwikaasil Aleen Shireer yaada X gubbaa katabeen ''dirree ormaatti falmaa ajaa'ibaa tokkoon tokkoon taphattootaan godhame. Murtee jibbisiisaa kanan faalamuu hin malle'' jedhe.
Seerri kubbaa harkaa maal jedha?
Akka seera kubbaa miilaa kan waayee kubba harkaan tuqamuu jedhutti, kubbaa harkaan tuqameedha jedhamee yeroo murteen kennamu, daanyonni wantoota sadii ilaalcha keessa galchuu qabu:
- Gocha ta'e jedhamee taphataa sanaan rawwatame ta'uufi dhiisuu adda basuudha. Kana jechuun taphataan sun harkaan tuquuf jecha harkasaa gara kubbaatti sochoosee yoo jiraate ilaaluudha.
- Dhiyeenya/fageenya/ kubbaa fi taphataa sana gidduu jiruuufi saffisa ittiin harka taphataa sanii tuqe.
- Harki sochii idilee hin fakkaannerra yoo jiraate, kana jechuun ammoo harki bakkee faca'aa jira yoo ta'eedha.
Tapha kana keessatti Livraamentoon ta'e jedhe kubbaa harkaan tuquu baatullee, harkisaa sochii idilee (uumamaa) ala ture jedhee murteesse murteessan taphichaa.
Seerri kun akka fedhettuu haa hiikamuu adabbiin peenaalitii kenname sun ''sirrii miti'' jedhee akka amanu leenjisaan Niiwkaasil Eedii Haawu taphaan booda dubbateera.
Haaw kubbaan jalqaba lapheessaatti buutee achii ciqileesaa tuquun tasumaa peenaalitii hin kennisiisu jedha. Ammoo osoodhuma jalqaba kubban harkasaa tuqee jiraatee fageenyi jirurraa kan ka'e innumtuu peenaalitii hin ta'uu jedhee ''miira keessookoo dubbachuu hin danda'uu'' jedhe.
Osoo rukuttaan peenalitii kun kennamuu batee Niiwkaasil injifatee ramaddii F keessaa darbuuf hireen harka isaa galti ture.
Amma garuu qabxii qooddachuu isaarraa kan ka'e tapha tokko dirree ofirratti Milaan waliin qabu injifachuun, injifatamuu PSG eega.