Niiwkaastil waggaa 20 booda Shaampiyoonsi Liigii dirreesaatti taphateen PSG 4-1 injifate

Turtii waggoota 20 booda dorgommii Kubbaa miilaa guddicha Awurooppaatti kan deebi'e Niiwkastil Yunaayitiid shaampiyoonaa Faransaay PSG 4-1 injifate.

Dirreen warra maagpiis Seent Jeems Paark deeggartootni waggoota kurna lamaaf hirmannaa Shaampiyoonsi Liigii kilaba isaanii hawwaa turan dheebu baroota darbanii haala dagachiisuun injifannoo mi'ooftuun machaa'an.

Niiwkastil kan ramaddii du'aa jedhamee PSG, AC Miilaaniifi Doortimuund waliin ramadame dorgommii eda Kiliyaan Imbaappee taphaan ala godhe booda qabxii afuriin ramaddicha dursuu eegaleera.

Migu'eel Almiiroon daqiqaa 17ffaarratti erga bar 2003 goolii Niiwkastiil isa jalqabaa akkasumas ofii gooliisaa jalqabaa Shaampiyoonsi Liigii lakkoofsise.

Boqonnaan gahuu dura Daan Barn kubbaa addaan rukute galche daqiiqaawwan dheeraaf adeemsa mirkaneeffannaa VAR keessa erga darbee booda mirkaneeffameera.

Boqonnaa booda PSG kubbaa qabatee dirree walakkaa Niiwkaasiil keessatti yaaddoo uumaa turus daqiiqaa 50ffaarratti Siyaan Loongistaaf goolii sadaffaa lakkoofsisee injifannoon Niiwkaastil akka hin hafne mirkaneessee, warra PSG rifaatuu keessa galche.

Dhiibbaa uumuurraa booda kan hin jenne PSG daqiiqaa 56rratti goolii Hernaandez addaan lakkoofsiseen PSG taphatti deebisa abdii jedhu horee ture.

Daqiiqaa xumuraarratti Faabiyaan Shaar goolii bareedduu lakkoofsiseen shaampiyoonaan Faransaay gooliiwwan afur keessummeesse. Faallaan Niiwkaastiliif guyyaa injifannoo mi'ooftuu ta'eera.

Leenjisaa Eedii Haaw ''baayyee gammadneerra. Taphattootni tattaaffii jabaa godhan'' jedhan.

Taphichi adda kan jedhan leenjisaan Niiwkaastil ''gareen lamaan akka antuutaafi adurree wal-ari'atan'' jedhan. Yeroo carraawwan argatanitti gooliiwwan gaggaarii lakkoofsisuu danda'uu isaanii baayyee gammaduus dubbatan.

Loongistaafiifi Daan Barn dhalattoota Niiwkastil eda gooliiwwan tokko tokko lakkoofsisaniidha. Miirri kilaba magaala itti dhalataniif injifannoo argamsiisuun itti uume guddaadha.

Bara 2003 Niiwkaastiil yeroo dhumaaf dirree isaarratti dorgommii Shaampiyoonsi Liigiin Baarseloonaa morkatee 2-0'n injifatamu, akaadamii Niiwkaasil keessatti kan guddate Loongistaaf daa'ima ganna shanii ture.

Anaafii Barniif halkan addaati kan jedhe taphataan kun, ''galgala addaa akka ta'u miira dirree keessa jirurraa kaane yaadaa turre. Nu lamaaaniif halkan akkasiitti goolii galchuun adda. Jechatu na duraa bada dhugaatti.''

Taphataan warri Niikaasil sodaatan, Imbaappeen eessa ture?

Taphataan colleen kilabasaa waliin mugguutii keessa ture Kiiliyaan Imbaappeen taphataa deeggartootni Niiwkaastil sodaatan ture.

Tapha kanarratti Imbaappeen daqiiqaawwan jalqabaatti kubbaa bareeda goolii ta'uu male Osmaan Dembeeleef dabarsee kennee, Dembeeleen gooliitti jijjiiruu dhabe.

Ergasii yaaddoo guddaan taphataan ijji addunyaa irra jiru kun uume hin turre.

Erga yaalii jalqabaa sanaa Imbaappeen kubbaa hedduu hin arganne warra argatees saffisa isaa dur ittiin beekamuun ari'ee ittisa Niiwkaasil qoruu hin dandeenye.

Guutummaatti caalamee murtee taphachiisaa mormuu, kubbaa akka gaarii argachuu dhaabuu komachuu fi gooliiwwan Niiwkasiil itti galchuun nahuusaatu irra deddeebiin mula'achaa ture.

Halkan edaa kubbaawwan jifattoota garee Luuwis Eneriikee hedduun xiyyeeffanno isaanii kan rukutan hin turre.

Aggaammii gooliitti godhan 11 keessa 2 qofatu qiyyaafannosaanii rukute. Faallaa kanaan aggaammii warri Niiwkaasil taasisan 12 keessaa saddeet manii keessatti godhame.

Haata'u malee, PSG to'annoo kubbaatiin caalmaa guddaa agarsiisan, yeroo 664 kubbaa walii dabarsaniiru.