Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waayee goolii Garnaachoo 'isa ajaa'ibaa' wantoota jedhaman
Goolii ofirra garagaluun (overhead kick) akka kana miidhagu Istaadiyeemii keessa taa'ee argee waanin beeku natti hin fakkaatu...Waaynee Rooniin wayita Maanchistar Siitiirratti galchu achin ture.''
Kana kan jedhe taphataa kubbaa miilaa duraanii amma xiinxalaa Kubbaa miilaa ta'e Gaarii Neeviili. Ammoo gooliin Alehaandiroo Garnaachoo Evertan irratti lakkoofsise dhugumattis goolii akkaan miidhagduudha.
Piriimiiyeer Liigii keessatti gooliiwwan miidhagoo jedhaman keessaa tokko ta'uunis gaaffii hin qabu.
Tapha Maanchister Yunaatiid dirree Evertan irratti goolii 3-0n injifate irratti Garnaachoon daqiiqaa sadaffaarratti kubbaa Diyeegoo Daaloot irraa dabarfameef ofirra gargalee dhiituun lakkoofsise.
Gooliin kun nama hedduu raaje, dinqisiifannaas argate.
Garanaachoo tapha booda yaada kenneen ''dhugaa dubbachuuf hin amanne. Akkan itti galche hin argine. Sagalee deeggarsaa dhagaheen 'oh my God' jedhe'' jechuun dubbate.
Taphataan sarara gidduu duraanii Evertan Leyoon Osmaan yaada BBCf kenneen taatee ajaa'ibaati. Goolii sadarkaa akkasii arguutti namuu naheera'' jedhe.
Haala itti gara gooliitti jijjiirame qofa osoo hin taane, kubbaa dhiyaateef, akkatti kubbaa san argachuuf socho'eefi haalli itti utaalee ofirra garagalee dhiite marti ajaa'iba jedhe.
Dursaan taphattoota duraanii Yunaatiid Neevil ''raajiidha, goolii raajiiti. Waan akkasii bara kana keessa muraasa qofa argina. Gaarii akkasii garuu takkaa hin arginu'' jedhe.
''Kana hin amanu'' kan jedhu Neevil taphataan kun sadarkaa ''kanaan ol goolii miidhagaa galchuu waan danda'u natti hin fakkaatu'' jedhe dinqisiifate.
Taphataan Kiristaal Paalaas Oliseenis goolii ajaa'ibaa lakkoofsiseera. Garuu ammoo gooliin Garnaachoo kun hundayyuu callisiise. Gooliin Oliisee miidhagduun sunis goolii bareedaa torbanichaa ta'uufillee hiree hin arganne.
Leenjisaa Eriik teen Haag ''haalli kubban sun itti xumura argate amanuuf ni rakkisa, kan sadarkaa olaanaadha. Gara jalqabaa bara dorgommichaarra jiraannus, goolii bara dorgommii kanaa ta'eera'' jechuun BBC Sport'tti himan.
Ammoo Garnaachoon akka taphataatti bakka gahuu malu gahuuf ammallee kan isa hafu akka ta'e dubbatan.
''...Taphataa akka Waaynee Roonii fi Kiristiyaanoo Ronaaldoo ta'uuf piriimiyeer liigii keessatti bara baraan goolii 20 fi 25 galchuu qabda.''
''Achi gahuun salphaa miti, jabaattee hojjechuu qabda, iddoo si dhukkubullee gahuu qabda. Kanaaf wanta bayyeetu as adeema. Garuummoo inni dandeettii hin baane qaba.''
Dursaan taphattootaa 'Seexanoota Diddiimoo' Buruunoo Fernaandees, ''goolii kana jechan itti ibsu hin qabu. Akkisaa adda dha'' jedhe.
''Waan addaa, mucaa adda ta'erraa'' jechuunis ibse.
Komentaatara BBC Radio 5 kan ta'e Joon Mariiy goolii Garnaachoo gooliiwwan amma duraa haala wal-fakkaatuun lakkoofsifaman akka yaadachiisu dubbate. sadarkaa goolii Roniin Maanchistar Siitiirratti galchetti ilaalama jedhe.
''Waaynee Rooniin yaadadhe, goolii ajaa'ibaa Darbii Maanchistar irratti lakkoofsise, kunis sadarka sanitti jira.''
Goolii ajaa'ibaa ijaan arge keessaa isa tokko akka ta'es dhugaa bahe.
Gooliin akiroobaatikii akka kanaa kana dura lakoofsiman keessa kan Rooniin bara 2011 Maanchistar Siitiirratti galche isa tokko.
Zilaataan Ibraahimoovich ammoo bara 2012tti biyyisaa Ingilaandiin 4-2 yeroo mo'attu fageenyarra lakkoofsiseera.
Goolii Kiristiynoo Ronaaldo bara 2018 Riyaal Maadriid osoo jiruu Juveentus irratti lakkoofsises warra ajaa'iba jedhaman keessaayi.
Isin goolii Garnaachoo kanaafi kanneen amma duraa raajiidha jedhaman akkamiin wal-biratti madaaltu?