Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Birmadummaa biyyaaf jecha buufataalee xiyyaaraafi dhaabbilee federaalaa Tigraayiitti argaman nan to'adha' – Mootummaa Itoophiyaa
Tarkaanfiin ittisaa Kaaba Itoophiyaatti fudhatamaa jiru walabummaa fi tokkummaa daangaa biyyaa mirkaneessuun barbaachisaa waan ta’eef jedhe Mootummaan Federaalawaa Itoophiyaa.
Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibsa Onkoloolessa 17, 2022 baaseen, haleellaa bal’aa Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) gaggeessu humnoota diinaa alaa irra deddeebiin daangaa qilleensa Itoophiyaa cabsaniin kan deeggramudha jedheera.
Kanaaf, mootummaan Itoophiyaa buufataalee xiyyaaraa fi dhaabbilee federaalaa naannoo Tigraay keessaa jiran atattamaan to’achuun barbaachisaadha jechuun ibseera.
Mootummaan Federaalaa kana kan jedhe humnoonni Tigraay waamichi Gamtaa Afrikaa akka hojiirra ooluuf wayita gaafatanittii fi haleelleeaawwan qilleensarraa Tigraay keessatti gaggeeffaman baayyachuu isaa yeroo itti ibsanittidha.
Humnoonni Tigraay waamicha Gamtaan afrikaa waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru atattamaan haal-duree tokko malee dhabbatee gargraasi namoomaa akka dhiyaatuuf taasisan akka hojiirra ooluuf gaafatanii ture.
Waamicha Komishanirii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaat baase ni fudhanna jechuun humnoonni Tigraay ibsa Onkoloolessa 16, 2022 baasaniin himaniiru.
Komishinar Muusaa Faakii Mahaamaatdabalee biyyoonniifi dhaabbileen idil-addunyaa waraanni Tigraay atattamaan dhaabbatee qaamooleen wal waraanan gara marii nagaatti akka deebii'aniif waamicha taasisuun isaanii ni yaadatama.
Gamtaan Afriikaa kan marii nagaa mootummaa Itoophiyaafi humnoota TPLF jidduutti gaggeeffamu hogganus, ibsa Onkoloolessa 15, 2022 baasaniin waraanni Kaaba Itoophiyaa dhaabbatee gargaarsi namoomaa akka dhiyaatuuf cimsanii gaafate turan.
Haleellaa qilleensarraa naannoo Tigraay, keessumaa magaalaa Shireetti raawwatamaa jira jedhameen hoggantuun dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa (USAID) Samaantaa Paawor haleellichi hedduu yaaddessaa ta'u ibsite turte.
Haleellaa qilleensarraa guyyoota darban keessa magaalaa Shireetti raawwatameen hojjetaan dhaabbata gargaarsaa tokko ajjeefamuu dhaabbanni lubbuu baraaru International Rescue Comittee ibsuun isaa ni yaadatama.
“Marii nagaaf qophiidha”
Mootummaan Federaalaa ibsa baase kanaan, waraana kaaba biyyattii mariidhaan furuudhaaf ammallee qophiidha jedheera.
Ibsi mootummaa kun waamicha marii nagaa Gamtaa Afrikaa jalatti taasifamuuf qophiidha jechuun, mootummaan “mariin nageenya waaraa fiduu danda’u gaggeeffamuu qabas,” jedhee akka amanu eereera.
Mariin nagaa torban lama dura hoggansa Gamtaan Afrikaatiin, Afrikaa Kibbaatti gaggeessuuf turerratti mootummaan Itoophiyaafi humnoonni Tigraay akka hirmaataniif waamicha dhiyaatee irratti, qaamoleen lamaanuu hirmaachuudhaaf fedha akka qabanis ibsanii ture.
Haata’u malee, rakkoo ‘loojistikiitiin’ jechuun alatti sababa ifatti hin ibsameen guyyaan mariin itti gaggeeffama jedhame yeroo biraatti akka darbe himam.
Namoota jaarsummaa kana gaggeessu jedhaman sadan keessaa Pirezidantiin duraanii Keeniyaa Uhuruu Keniyaataa, sababii karoora dura qabataniitiin marii tibbanaa irratti argamuu akka hin dandeenye ibsanii ture.
“Raayyaan Ittisaa seeraaf bitamaadha”
Tajaajilli Komunikeeshinii mootummaa ibsa isaa keessa, “Mootummaan Itoophiyaa Raayyaan Ittisa Biyyaa mirgoota namoomaa idil-addunyaatiif akka bitamu ifa gochuu barbaada,” jedheera.
Raayyaan ittisaa miidhama namoota nagaa hir’isuudhaaf naannawaa magaalotaatti waraana taasisuu dhiisuudhaaf ni carraaqa jechuun, kana hojiirra oolchuuf ammoo miseensota raayyaatiif qajeelfamni kennamuu ibseera.
Dabalataan, bakkawwan to’annoo mootummaa jala jiranitti gargaarsa qaqqabsiisuuf, akkasumas nageenya hojjetootaa mirkaneessuuf dhaabbileen mirgoota namoomaa waliin akka hojjetu ibseera.
TPLF namoota nagaafi dhaabbileen sivilii akka dahootti gargaaramuu muuxannoo isaa waan qabuuf, namoonni nagaafi dhaabbileen gargaarsa namoomaa dhiyeessan sochii waraanaa TPLF irraa akka of fageessaniif gaafateera.
Dhuma irrattis nageenya lammilee naannoo Tigraay eegsisuudhaaf dirqama heeraa nan qaba kan jedhe mootummaan, hanga ammaatti namoota nagaafi hojjetoota gargaarsa namoomaarra miidhaa qaqqabuu maluuf gadda itti dhaga’me ibsuun haala rakkoon kun itti mudate nan qoradhas jedheera.