Mootummaan Ertiraa Bishop tokko dabalatee luboota Kaatolikii sadii buufata xiyyaaraa Asmaraatti to'ate

Lubni Kaatolikii Abuna Fikiremaariyam Hagoos Sambata darbe ganama buufata xiyyaaraa Asmaraatti qaamolee nageenyaa Ertiraan to’ataman.

Maddeen oduu biyya keessaafi alaa BBCtti akka himanitti, Abuna Fikiremaariyam Awurooppaaarra gara Asmaraa akkuma qaqqabaniin to’ataman.

Mootumaan waa’ee hidhamuu luba kana amma yoonaatti waan jedhe hin qabu.

Abuna Fikiremaariyam hidhamuu hordofee, manni amantii Kaaatolikii lubni kun eessa akka jiru qondaaltoota mootummaa dhimmichi ilaallatu gaafateera.

 Qondaaltoonni mana amantii Kaatolikiit byyattiitti akka himanitti lubni kun to’atamaniiru.

Abuna Fikiremaariyam Sagannatitti luba jalqabaa yoo ta’an, bara 2012 lubummaa argatan.

 Kanatti dabaluun qaamoleen nageenyaa mana amantaa Kaatolikii Paarish Seent Mikaa’il kan turan Abbaa Mihretaab Isxifaanoos Kibxata darbe to’atamuu maddeen oduu BBCtti himaniiru.

Qeesiin kunis erga hidhamanii as eessa akka jiran mootummaan odeeffannoo homaa hin ibsine.

Manni amantii Kaatolikii qeesiin kun eessa akka jiranii i sababii maaliif akka hidhaman quba hin qabu.

Maddeen oduu akka himanitti, qaamoleen tika biyyattii luba miseensa ‘Capuchin Society priest,’ kan ta’an Abbaa Abrihaam, magaaalaa Teseney jedhamtuu qabanii hidhan.

Sababii luboonniifi qeesonnii mana amantii Kaatolikii hidhamaniif amma yoonaatti hin beekamu.

Taatullee tibbana waraanni Itoophiyaatti wayita hammaate kanatti mootummaan Ertiraa loltoota gurmeessaa jira. Hojiiwwan biizinasii cufuudhaan namoota waraanatti akka dargaggoonni hin dabalamne dhorkan adamsaa jira.

 Magaalaa guddoo biyyattii Asmaraatti manaa manarra deemuun qaamoleen nageenyaa kan barbaadan yoo ta’u, namoonni hedduun abdii kutannaa keessa jiraachuu maddeen himaniiru.

Mootummaan Ertiraa lola mootummaan Itoophiyaa humnoota Tigiraayi waliin gaggeessaa jiru tumsuuf loltoota garasiti ergeera.

Ertiraan waraana Itoophiyaa keessatti hirmaachuun yeroo dhiyoon asitti mufii hawaasa keessatti uumera.

Luboonni waldaa Kaatolikii biyyattii mootummaan Ertiraa sirna dimokiraasii qaamoota hunda hammatu fiduun, amala abbaa irrummaa akka dhiisu gaafataa turan.

Mootummaan Ertiraa garuu jijjirama luboonni waldaa Kaatolikii gaafatan kanatti hin gammadne.

Qondaaltonni mootummaan biyyattii bara 2019 manneen barnootaafi hospitaalota mana amantii Kaatolii jalatti argaman cufuun deebii kennan.

Sanatti aansuun qaamni amantii dhaabbileen akka manneen barnootaafi hospitaalaa bulchuu akka hin dandeenye dambii duraan dhorkaa ture deebsanii akka hojiirra oolchan himan.

Hawaasa Ertiraaa keessaa %4 Kaatolikii Roomaa hordofu.

Waldaan Kaatolikii Roomaa amantaawwan Ertiraa keessa akka jiraatan eeyyameef afran keessaa tokkodha .

Kaatolikiin alatti kanneen biyyattii keessa akka socho’an eeyyamameef; Ortodoksii, Warreen Wangeelaa Luteeriyaan fi Islaama Sunniiti.

Mootummaan Ertiraa gartuuwwan amantaa biroo akka meeshaa mootummoota biyyoota alaatti lakkaa’a.

Ertiraan ganna 30’n darban Pirezedant Isaayaas Afawarqiin hogganamaa kan turte yoo ta’u, heera tumattee hojjiirra oolfatte hin qabdu, akkasumallee filannoo gaggeesitee hin beektu.