Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hariiroon isaanii kan bushaa'e Putiin fi Tiraamp 'kallattiin walitti bu'uuf' jedhuu?
Dhihooma kana hariiroon Pirezidanti Raashiyaa Vilaadmiir Putiin fi gitasaanii kan US Doonaald Tiraamp akkaataa hin eegamneen cimee ture.
Michummaan qondaalota lameenii addunyaarratti ijoo dubbii ta'ee ture kun amma kallattiisaa gadhiisaa jiraa?
Gaazexaan Raashiyaa baayyee beekamaa ta'e tokko hariiroon aanga'oota lameenii bushaa'aa jira jedha.
Gaazexaan Moskovsky Komsomolets jedhamu kun hariiroo Putiin fi Tiraamp yeroo tokko ho'ee turee fi amma akkaan laafaa jiru kana akka baabura kallattii lamarraa walitti dhufaa jiruutti ibse.
''Mataa baabura walitti dhufe lamaan kanaa walitti bu'uun waan hin oolle,'' jechuun haala hariiroon aanga'oota kunneen amma irratti argamu ibse barruun kun.
''Baaburri lameen kallattii lamarraa walitti dhufaa jiru. Kan duubatti deebi'uuf ykn ammoo dhaabbachuuf fedhii agarsiisaa jiru hin jiru. Walitti bu'uuf deemu.''
Putiin ''Oppireeshinii waraanaa addaa'' jechuun waraana Yukireen cimsanii itti fufaniiru. Kan kanaan duraa caalaa hidhannoo guuttatanii qophaa'aniiru.
Dhukaasa dhaabuu fi marii nagaaf taa'uuf fedhiin tokkollee irraa hin mul'atu.
Gama kaaniin Pirezidant Doonaald Tiraamp ammoo Raashiyaan akka waraana eegalte xumurtuuf doorsisaa fi akeekkachiisa cimsaniiru.
Akeekkachiisa heddummeessuun, doorsisa qoqqobbii fi michuuwwan daldalaa Raashiyaa kan ta'an kanneen akka Indiyaa fi Chaayinaa irratti xiyyeeffachuun Moskoo irratti dhiibbaa uumaa jiru.
Hundaa ol ammoo US doonii meeshaalee waraanaa nukilaraa baatuu fi galaana jala dhokatee imalu Raashiyaatti dhiheessitee qubsiisuu Tiraamp dubbataniiru.
Kun ammoo hariiroo Tiraamp fi Putiin busheessuu caalaa rakkoo duraan ture caalaatti hammeessa.
Kana jechuun Waayit Haawus dhimma Yukireen irratti Kireemlin waliin kallattiin walitti bu'uuf deemti jechuudhaa?
Moo daawwannaan torbee kana keessa ergamaan addaa Tiraamp, Istiiv Witkof gara Moskootti taasisan ammallee Raashiyaa fi Ameerikaan waraana kana dhaabsisuu irratti waliigaluu akka danda'an agarsiisa?
Tiraamp gara Waayit Haawus deebi'uu booda akkatti Putiin waliin hariiroo tolfatan
Doonaald Tiraamp marsaa lammaffaaf filatamuun erga Waayit Haawus seenanii torbanoota jalqabaa keessatti hariiroon Waashingitan fi Moskoo daandii qabatee ture.
Wal qoollifachuu, wal qoccoluu fi wlaitti bu'uu irraa gara wal michoomfachuutti ce'an- kun seenaa US fi Raashiyaa keessatti waan baratame miti.
Kana keessatti ammoo michummaan Tiraamp fi Putiin irruma caalaa cime. Hiriyoota waliif ta'uun addunyaa ajaa'ibsiisan.
Guraandhala darbe kora UN irratti wayita warri Awurooppaa ''weerara'' Raashiyaan Yukireen irratti gaggeessaa jirtu mormuun wiixinee seeraa dhiheessan US gara Raashiyaa gorte.
Ji'uma sana keessa Tiraamp fi Putiin waliif bilbiluun biyya walii akka dawwatan walitti himan.
Yeroo dhihootti Putiin fi Tiraamp akka walarganitti yaadamaa ture.
Inumaa bulchiinsi Tiraamp Moskoo caalaa Kiiv irratti dhiibbaa cimsaa ture. Tiraamp michuuwwan US kanneen akka Kanaadaa fi Deenmaark waliinis waldhibdee keessa galaniiru.
Kana qofa miti, yaadi qondaalonni US kennanis dhaabbata akka ilma Ameerikaatti ilaalamu Nato akkasumas qondaalota Awurooppaa yaaddesseera.
Kun hundi Kireemliniif oduu aagaati, gurra Raashiyaaf gammachuudha.
Raashiyaa, Giddugala Saayinsii dhimma Qorannoo Nageenyaatti hayyuu siyaasaa kan ta'e Konistaantin Bilookin ''Ameerikaan yeroo ammaa Biraaselsi ykn Kiiv caalaa Raashiyaa waliin walitti dhufeenya qabdi,'' jedhe.
Hayyuun siyaasaa kun akkas jechuun Bitootessa darbe gaazexaa Izvestia jedhamutti hime:
''Warri Tiraamp jijjiirama hundeerraa fedhu. Warra sirna ture diiguu fedhanidha. Yoo akkas godhan qofa deeggaramu. Gamtoominni warra lixaa hafeera. Daangaadhaanis siyaasaan walitti hidhamuun hafeera. Gareen Tiraamp ofitti amanamummaa gurmuu Tiraansi Atilaantic hatattamaan balleesseera.''
Ergamaan addaa Doonaald Tiraamp, Istiiv Witkof, qondaala US irra deddeebiin yeroo gabaabaa keessatti Raashiyaa daawwatan ta'aniiru.
Ji'a lama keessatti yeroo afur Moskoo daawwatan, sa'atiiwwan hedduuf Putiin waliin haasa'aniiru.
Walga'ii tokko booda Pirezidant Putiin suuraa bobbacaa Pirezidant Tiraampiif kennaa kennaniiru.
Pirezidant Doonaald Tiraamp kennaa Raashiyaarraa karaa ergamaa addaa isaanii Waayit Haawusitti ergameef kana ''miira addaan simatan.''
Garuu Pirezidant Tiraamp kan isaan Moskoo irraa eegan suuraa badhaafaman kanaa ol ture.
Pirezidant Putiin haald-duree tokko malee waliigaltee nagaa buusuu irratti akka waliigalan barbaadu Tiraamp.
Sodaa fi yaaddoon Tiraamp dabale
Amma Raashiyaan adda waraanaa irratti olaantummaa argachuun ofitti amanummaashee daran dabale.
Pirezidant Putiin dhukaasu dhaabuu irratti rincicaniiru. Moskoon marii dippiloomaasii kamiifuu qophiidha akka jedhan sana hojiidhaan agarsiisaa hin jiran.
Kun ammoo Pirezidant Tiraamp dhimma Raashiyaa daran akka yaadda'an taasise.
Dhiheenya kana haleellaa suukanneessaa Raashiyaan gama hundaan Yukireen irratti raawwachaa jirtu hadheeffatanii baleellaffataniiru.
Putiin tarkaanfii ''jibbisiisaa, gadi bu'aa fi qaanessaa'' ta'e Yukireen irratti raawwata jechuunis himatan.
Ji'a darbe Doonaald Tiraamp waraana kana akka xumuraniif akeekkachiisa guyyaa shantamaa Putiiniif kennanii turan.
Yoo ta'uu baate qaraxaa fi qoqqobbiidhaan akka adabuuf deeman dhaadatan.
Yeroo booda akeekkachiisa sana guyyaa 50 irraa kudhanitti xiqqeessan.
Guyyaan kun dhuma torbee kanaatti xumurama. Garuu hanga yoonaa Putiin akeekkachiisaa fi doorsisa Waashingitan irraa darbuuf bakka hin kennine.