Tarkaanfii nukilaraa Tiraamp fudhateef Raashiyaan deebii akkamii kennite?

Gulaalaan BBC Raashiyaa Istiiv Roosenberg tarkaanfii nukilaraa Tiraamp fudhateef Raashiyaan deebii akkamii akka kennitu ilaaleera.

Kun seenaa keessatti qoccolloo miidiyaa hawaasaarratti jalqabamee gara muddama nukilaraatti geessuu isa jalqabaa ta'aa laata?

Pirezidant Doonaald Tiraamp ergaa pirezidantiin duraanii Dimiitirii Medveedev miidiyaa irratti maxxanseen aaruun dooniiwwan nukilaraa lama akka gara Raashiyaatti dhiyaatanii bakka qabatan ajajuu hime.

Kanaaf, Raashiyaan akkamiin deebii kennitii? Morkiifi gaarerfannaa nukilaraa Ameerikaa fi Raashiyaa gidduutti arguuf deemnaa? Koppii rakkoo misaa'elaa Kuubaa bara 1962 labata interneetii ta'innaa?

Deebii jalqabaa Raashiyaa keessatti dhaga'amuun kun ta'uu isaa ani nan shakka.

Sabaa-himaaleen Raashiyaa ajaja Tiraamp dabarse ilaalchisuun callisaan bira darbuu waan filatan fakkaata.

Gaazexaa Moskooviskii Komsomoletis waliin haasawa taasiseen, xiinxalaan dhimma waraanaa tokko Tiraamp ''jecha aarii darbachaa jira,'' jedha.

Leetinaan Jeneraal akkas jechuun Komersaantitti hime: 'haasaa pirezidantiin Ameerikaa waa'ee doonii [nukilaraa] ilaalchisuun taasise, "iyya hiika hin qabnedha. Kun wanta inni itti gammadudha".

"Ani afaan guuteen dubbadha, Tiraamp [doonii nukilaraa] ajaja hin dabarsine," jechuun yaada isaa gaazexaadhuma kanaaf kenne ekispartiin nageenyaa Raashiyaa tokko.

Akkasumas, Komersaant akka eeretti bara 2017 keessa Tiraamp Kooriyaa Kaabaa akeekkachiisuuf doonii nukilaraa lama Galoo-galaanaa Kooriyaatti bobbaaseera jedhee ture.

Akkuma kana isaan booda osoo hin turiin, Tiraamp hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un waliin walga'ii tokko gaggeesse.

Kanaaf, waan nama ajaa'ibu, dubbiin Doonaald Tiraamp doonii nukilaraa bobbaasuu/bakka qabsiisuu waan kora Ameerikaa fi Raashiyaa dursee ta'uu danda'aa?

Kana caalaa darbee yaada kennuu hin fedhu.

Haata'u malee, deebiin aanga'oota Raashiyaarraa eeegame waan akkamii seetan? Callisuu.

Hanga ani kana barreessutti, deebii tokkollee hin kennine.

Kireemiliin irraa deebiin tokkoyyu hin jiru. Ministeera dhimma alaarraa deebiin tokkoyyu hin jiru. Ministeera ittisaa irraa deebiin tokkoyyu hin jiru.

Beeksisa dooniin nukilaraa Raashiyaa akka gara Ameerikaatti siqanii bakka qabatan jedhu hanga ammaatti hin argine.

Kan jechuun, waan lama keessaa tokko ta'uu hin oolu. Mooskoon haala jiru kana qalbiin qorachaa kan jirtuufi maal gochuu akka qabdurratti hojjechaa kan jirtu ta'a. Yookaan ammoo, Mooskoon dhimma kanarratti deebii kennuun barbaachisaa miti jettee itti dhiiste ta'a.

Miidiyaaleen Raashiyaa ani jalqaba kaase, isa lamaffaa kana kan akeekudha [callisuu filachuu].

Tiraamp guyyoota hedduudhaaf miidiyaa hawaasaa irratti Medvedev waliin waldhabaa tureera.

Pirezidaantiin Ameerikaa Raashiyaan waraana Yukireen keessatti geggeessaa jirtu dhaabuuf guyyaa 50 duraan kaa'ee ture, torban lamaa gaditti erga hir'isee booda, Medvedev Tiraamp ''tapha guyyaa daangessuu Raashiyaa waliin taphachaa jira...Daangaan guyyaa (Ultimatum) haaraan tokkoon tokkoon isaa balaa fi tarkaanfii gara waraanaatti geessudha'' jechuun maxxanseera.

Tiraamp ammoo akkas jechuun deebii kenne: "pirezidaantii duraanii Raashiyaa kufeeru kan ammallee aangoorran jira jedhee yaadu, Medvedev, waan dubbatuuf akka of eeggatu itti himaa. Inni daangaa baay'ee balaa hamaa qabu keessa seenaa jira."

Barreeffamni Medvedev itti aanu "[Harka Du'e] Dead Hand", sirna haaloo ba'uu awutomaatik nukilaraa bara Sooviyeet Yuuniyen keessa hojjetame eeru qaba.

Ifaan ifatti, sun hogganaa Waayit Haawus waliin kan deemu miti.

Bara 2008 hanga 2012 gidduutti yeroo pirezidantii Raashiyaa turetti Medvedev bira qabaan hanga tokko hogganaa bilisa [liberaal] ta'e ture.

"Bilisummaan bilisummaan dhibiirra wayya," jecha jedhu dubbachuun beekama.

Haata'u malee, caalaa hamaa ta'aa dhufe. Erga Raashiyaan weerara guutuu Yukireen irratti bantee ergaawwan miidiyaa hawaasaa ciccimoofi farra biyyoota lixaa ta'e baasuun beekamtii argataa dhufeera.

Hedduun isaanii [ergaawwan miidiyaa hawaasaarratti pirezidantiin duraanii Raashiyaa] kun baasu osoo hin hubatamiin darbameera. Sababiin isaa ammoo inni sagalee ykn dubbi-himaa Kireemiliin miti.

Akka tasaa ammoo beekame: Pirezidantii Yunaayitid Isteetiin beekame.

Callisee beekamuu qofaayyu hin turre. Dubbii hanga hidda Tiraamp keessa seenee itti dhaga'amu dubbate.

Ergaa miidiyaa hawaasaa akka jibbamu kan godhe waan tokkodha. Nuti hundinuu achirra jirra.

Baayyee jibbuu agarsiisuudhaaf doonii nukilaraa bobbaasuun akka waan ajjeefteetti sitti dhaga'ama.

Kanaaf, Tiraamp maaliif kana gochuu filate?

Ibsi Tiraamp ofiidhuma isaa gaaffiifi deebii Newsmax waliin taasiserratti jedhe kunooti: Medvedev waan baayyee badaa ta'e tokko jedhe, waa'ee nukilaraa haasa'a. Yeroo jechu nukilara jedhu maqaa dha'amu iji kiyya na diimata waan ta'eef, ani of eeggachuun nurra jiran jedha. Sababiin isaa ammoo kun sodaachisa isa dhumaati."

Haata'u malee, Medvedev karaa midiyaa hawaasaatiin nuukilaraan doorsisuun yeroo dheeraatiif himatamaa tureera. Kun waan haaraas miti.

Wanti ifa ta'e garuu, ergaa Medvedev dhiyeenya kana miidiyaa hawaasaarratti maxxanse kana fudhatee baayyee dhuunfaa gochuun akkaataadhuma jedhameen deebii itti kennuu isaati..

Kana gochuutiinis tooftaan itti gargaaramuun barbaadame jiraa laata? Tilmaamamuu dhabuun ykn waan hin eegamiin raawwachuun karaa Tiraamp waan gara garaa ittiin hojjetudha.

Tiraamp biizinasii keessatti, siyaasa keessatti murteewwan hin eegamiin morkattoota ykn masaanota waliin dubbachuu dura ykn marii nagaa gaggeessuu dura akka madaallii gadhiisan gochuu danda'a.

Fakkeenyaaf, Yukireen keessatti waraana dhaabuu keessatti.

Dooniiwwan nukilaraa tasa osoo hin eegamiin bobbaasuun kun tooftaa kana keessaa ta'uu mala.