Haati Doonaald Tiraamp ijoollee namaa guddisuurraa akkamiin Niwu Yoork keessatti dubartii beekamtuu taate?

Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp biyya haadha isaa Iskootilaand waliin hidhata addaa qaba. Haadha Doonaald Tiraamp kan taate Meerii Aan Maaklewood Iskootilaand oddola Lewiis keessatti dhalattee guddatte.

Haata'u malee, umurii dargaggummaatti hojii barbaachaf jecha gara US, magaalaa Niwu Yoorkitti godaante.

Hojii barbaachaf jecha yeroo Iskootilaand irraa gara US deemtu shamarree ganna 18 turte.

Waraana Addunyaa 1ffaa booda kufaatii diinagdee mudateen namoota kumaatamaan lakkaa'aman Iskootilaand irraa gara USfi Kanaadaa imalan keessaa tokko haadha Doonald Tiraamp kan taate Meerii Aanidha.

Meeriin bara 1930tti hojii mana keessaa qacaramtee hojjachuuf Iskootilaand oddola Lewiis irraa gara Niwu Yoork erga deemtee waggaa jaha booda magaalaa Niwu Yoork keessatti nama dureessa beekamaa ta'e Fireedirik Tiraamp waliin gaa'ela dhaabbatan.

Haatifi abbaan Doonaald Tiraamp: Meerii Aan fi Fireediriik lamaansaanituu Awurooppaarraa baqachuun US dhufan.

Meeriin Iskootilaand irraa yoo taatu Fireedirik ammoo maatinsaa Jarman irraa baqachuun US qubatan.

Meeriifi Fireedirik ijoollee shan godhatan keessaa inni arfaffaan, Doonaald Tiraamp, dureessa beekamaafi pirezidaantii Ameerikaati.

Haati Doonaald Tiraamp, Meerii Aan bara 1912tti Iskootilaand, magaalaa xiqqoo Toong jedhamtu keessatti dhalate.

Qorataa hidda dhalootaa kan ta'e Biil Laawusan achii dhufa maatii haadha Doonaald Tiraamp hanga jaarraa 19ffaatti qorachuu hima.

Akaakayyuun Tiraamp, karaa haadhasaa, mana poostaa gaggeessaa akka tureefi suuqii xiqqoo akka qabu hima Biil.

Yeroo Waraana Addunyaa 1ffaa mandara haati Tiraamp itti dhalatte keessaa namoonni 1,000 ta'an waan du'aniif dargaggoonni heddu achii bahuun jireenya fooyyee qabu barbaacha gara USfi Kanaadatti baqataa akka turan hima Biil.

"Meerii Aan Maaklewood maatii lakkoofsan baay'ee guddaa ta'e keessaa dhuffte. Obbolaa sagal qabdi," jedha.

Yeroo Waraana Addunyaa 1ffaa diinagdeen cimee hojiin wana hin jirreef dargaggoonni hedduun gara Kanaadaafi US akka imalan hima.

Kanarraa kan ka'e namoonni heddu fira Kanaafi US irraa qabu akka turan ibsa namni hidda sanyii haadha Doonaald Tiraamp qorate kun.

Akka Biil jedhutti, maatii haadha Tiraamp waanti adda godhu obbolaan Meerii saddeettanuu gara UStti godaanuu isaati.

Obboleettinshee Kaatiriin jedhamtu ishee dursitee Kanadaa deemuun boodarra Niwu Yoorkitti deebitee jiraataa turte.

Kaatiriin bara 1930 maatiishee ilaaluf gara Iskootilaand, oddola Lewiisitti deebite. Yeroo kana haati Tiraamp, Meeriin, ishee waliin gara US deemuun hojii barbaaddachuu akka feetu ibsuun si biraa hin hafu jetteen.

Meerin obboleettiishee Kaatiriin waliin yeroo gara Niwu Yoork deemtu shamarree ganna 18 turte.

US, maagaalaa Niwu Yoork akka deemteen maatii dureessa tokkoof hojii ijoollee guddisuu argachuun qacaramte.

Isheen hojii argattee heddu osoo hin turen kufaatiin diinagdee US mudate. Meerinis hojii malee teesse.

Bara 1934tti yeroo gabaabadhaaf gara Iskootilanditti deebite; yeroo kana Niwu Yoork keessatti nama dureessa ta'e Fireed Tiraamp waliin wal-baranii turan. Baay'ee osoo hin turin gara Niwu Yoorkitti deebi'uun Fireed, abbaa Doonaald Tiraamp, waliin mana dhaabbatan.

Magaalaa Niwu Yoork mandara dureeyyin jiraatan 'Kuwiinsi' keessa jiraachuu eegalan. Meerin hojii deeggarsa namoomaa irratti hirmaachuun beekamti turte.

Tiraamp ammayyuu durbii sadi Iskootilaand, Lewiis keessaa qaba. Isaan keessaa lama qe'eedhuma ganamaa warra haadha Doonaald Tiraamp jiraatu.

Durbiiwwan Tiraamp kun sadanuu miidiyaatti dubbachuuf fedha hin qaban; sabani ammoo na argii warra baay'isan miti jedhu namoonni isaan beekan.

Joon A Maaklevar durbiiwwan Tiraamp kana bareechee akka beeku bara 2017 yeroo Tiraamp jalqaba pirezidaantii Ameerikaa ta'un filamu BBCtti himee ture.

"Maatii kana bareechen beeka. Maatii baay'ee gaaridha. Baay'edhuma of agarsiisuu hin barbaadan. [Fira pirezidaantii Ameerikaa] jedhamuun waa'eesaa dubbachuuf akka isaan fedhii hin qabnen hubadha," jechuun ibsa.

Haati Tiraamp, Meeriin, hawaasa keessatti baay'ee nama kabaja qabduufi deddeebitee qa'ee dhalootashee akka daawwataa turteefi yeroo maatiishee dubbisuu dhuftu ammoo waldaa Kiristaanaa hirmaataa akka turte hima Joon.

Haati Doonaald Tiraamp lammummaa US kan argatte bara 1942tti yoo ta'u, bara 2000 keessa ganna 88tti du'aan boqotte.

Yeroo heddu Iskootilaanditti deddeebi'uun qe'ee warrashee daawwataa akka turteefi afaan lixa Iskootlaand keessatti dubbatamuufi loqoda Seeltik qabu Gaayelik dubbataa akka turtes Joon.

Hidda dhalootaa qorachuun kan beekamu Biil Laawusan ammoo hanga jaarraa 19ffaa dudduubatti deebi'uun hortee warra haadha Doonaald Tiraamp qorachuu hima.

Wari abbaashee Iskootilaand mandara Toong gara Kaabaa irraa dhufan. Akaakileenshee Aleeksaandar Rooyifi ilmisaa Maalkoom osoo qurxummii qabanuu bara 1850oota keessa bidiruun ittiin dhidhimtee du'an.

Karaa haadhashee ammoo warra sibiila tumuun beekaman yoo ta'an, bara 1826tti Kibba Loochis irraa buqqifaman.

Biil akka jedhutti abbaan warraa akkawoo Tiraamp, Doonaald Ismiiz, bara 1868tti bidiruun ittin qurxummii qaban dhidhimuun du'e.

Haati warraasaa ijoollee sadi abbaa malee guddiste.

Haati Doonaald Tiraamp, Meerii Aan, obbolootashee keessaa ishee dhumaati.

Doonaald Tiraamp bara 2008 Iskootilaand deemun mana haadhaasaatii daawwatee ture.

Yeroo sana gara Iskootilaand, Oddola Leewis deemaa akka jiru himuun, yeroo "waggaa sadii ykn afurii" dhaqee akka daawwate himee ture.

Yeroo qe'ee haadhasaa daawwate sana daqiiqaa muraasa qofa turee ariitin achii deeme.

"Addunyaarratti hojii garaa garaa waanan hojjadhuuf as turuuf yeroo hin qabu," jechuun battalumatti achii deeme.

Garuummoo deebi'ee qe'ee haadhasaa Iskootilaand jiru akka daawwatu yeroo sana waadaa galee ture Tiraamp.

Obboleettiin Tiraamp Maariyaan, yeroo sana isa waliin turte. Maariyaan haadha alangaa mana murtii federaalaa US yoo taatu, yeroo heddu deddeebitee qe'ee warrasaanii ilaalaa turte.

Biil Laawusan Tiraamp caalaa obboleettinsaa Maariyaan qe'ee warrasaanii Iskootilaaditti argamuuf quuqama akka qabdu hima.

"Jajamuu kan qabu Maariyaanidha, isheen oddola [Leewisiif] waan heddu hojjatte.

Doonald Tiraamp xayyaara irraa bu'ee dhufee mul'ateetuma bade. Suuradhuma ka'ee deeme," jechuun ibse.