Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Buqqee mataa namaa mana reeffaatii hatame waggoota 150'f magaalaa tokko addaan hire
Siidaan adda ta'e tokko, wirtuu magaalaa guddoo Taasmaaniyaa keessatti addabaabayiirra kaa’ame miila namaa agarsiisa. Albuuda nahaasaan miidhageera.
Siidaan sun kan ogeessa baqaqsanii wal’aanuu beekamaa fi hogganaa Tasmaniyaa ture kan Wiliyaam Kiraawutar jedhamuuti.
Siidaan kun jaarraa tokkoo oliif paarkii magaalaa Howbaart jedhamurratti mul'ata.
Garuu galgala tokko koronyoo irratti muramee, jechi "what goes around" jedhu jalasaa bakka cirrachaan hojjatametti barreeffame.
Waggoota 150 oliin dura, Wiliyaam Kiraawutar mana reeffaa Taasmaaniyaa cabsee seenee buqqee mataa hogganaa hawaasaa ganamaa biyyattii tokko muree hate fudhate jedhamee himama.
Taasmaaniyaan wiirtuu koloneeffattoonni hawaasa ganamaa Awustiraaliyaa keessaa dhabamsiisuuf itti yaalan turte.
Namni qaamni irraa muramuun eeramu kun ammoo Wiliyaam Leen jedhama.
Namoonni muraasni Kiraawutar haqa malee bara sana maqaan isa bade jedhu, akkasuma siidaan isaa seenaa biyyattii keessatti akka barbaachisaa ta’eetti kaasu.
Garuu qomoo Wiliyaam Leenif, hogganaan duraanii Tasmaaniyaa Kiraawutar akka malattoo gara jabummaa koloneeffataa, sheekkoo hawaasni ganamaa Taasmaaniyaa duguugamaniiru jedhu fi seenaa odola kanaa kan darbe itti yaadanii dhoksuufi jedhu.
"Magaalattii keessa deemtee, warri hawaasa ganamaa as turaniiru jettee gonkumaa hin tilmaamtu," jetti rogeettiin hawaasa ganamaa Taasmaaniyaa Naala Mansel.
Amma siidaan miilli qofti hafe kun mallattoo magaalaa Howbaart ta’eera.
Hawaasa ganamaa Taasmaaniyaaf tulluu handaara magaalaa Howbaartittii argamu "iddoo weerarri itti eegalamedha,'' jedhanii ibsu.
"Kun jalqabaa koloneeffattoonni buufatanii malee iddoo itti jumlaan ummata keenyaa duguuguun eegalame miti ," jechuun Nunami Iskutorpi-Giriin BBC'tti himti.
Leen otoo hin du’iin dura umrii isaa gara xumuraatti nama dooniirra hojjatu yoo ta’u, hawaasa isaaf dubbataa ture.
Namni kun sababa dhibeetiin bara 1869 tti umrii ganna 34 du’uutu eerame.
Otoo hin awwaalamiin dura harkii fi miillisaa akka murameetti hatameetti himama.
Namoonni seenaa barreessaan muraasni awwaallisaallee akka diigametti samaametti himu.
Wiliyaam Kiraawutar garuu hannaa reeffasaatii keessaa qooda akka hin qabne yeroo hunda waakkaataa ture.
Namoonni isa deeggaran dubbii dharaati jedhan. Magaalitti keessatti garuu dubbiin kun rifaatu uumee ture.
Kiraawutar otoo hin turiin miseensa paarlaamaa ta'ee filatame. Boodarra hogganaa Tasmaaniyaa ta'e.