'Inaaffaatu fiilmii akkan hojjadhu na kakaase'- Leencoo Fiqiruu

Madda suuraa, Leencoo Fiqiruu
Aartii ijoollummaa isaa irraa jaalata. Dandeettiidhaanis hin komatamu. Aartii umamaan qabu barnootaan gabbiifatee, walleewwan Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraa hanga jahaatamaa ta'an qajeelcheera.
Daareektarri Leencoo Fiqiruu dhiheenya kana ammoo xiyyeeffannoo isaa taatuummaarratti taasiseera.
Leencoon ogummaa taatummaa ijoollee lafaa dhufoo gabbiisuun maqaa Aartistii gameessa Adimaasuu Biraanuu- Abbaa Lataan beekamu mana baroomsaa Akkaadaamii Taatummaa Abbaa Lataa (Abbaa Lataa Acting Academy) banee barsiisaati jira.
Amma ammoo bu'aa mana barnootaa kana kan ta'e filmii Abbaa Malkaa jedhu hojjachuun Dilbata dhufaa eebbaaf qopheesseera.
Fiilmii mata dureen ''Abbaa Malkaa'' jedhuun qophaa'ee kunis Dilbata dhuftu Finfinnee galma Tiyaatiraa Biyyaaleessaatti eebbifamuun daawwattootaaf dhiyaatuuf jira jedha Leencoon af-gaaffii BBC waliin taasiseen.
Fiilmiin kanas kan barreessee fi qajeelche isuma Leencoo Fiqiruu yoo ta'u, taatummaadhaan ammoo barattoota Akkaadaamii Abbaa Lataatti leenji'anitu harka caalu itti hirmaate jechuun BBCtti hime.
''Otoo saba, aadaa fi ogbarruu bal'aa qabnuu sinimaan dhiyeeffamu dhabutti inaaffeen ''hojii fiilmitti ciche jedha Leencoon.
Ofii attamiin gara aartii seenee?
''Gama barnootaan tiyaatiran baradhe. Tiyaatirri ammoo filmiidhaan walitti dhihoodha. Isaan boodas namoonni akkan gara filmii (move) dhaquuf na affeeraa turan'' jechuun attamiin akka itti gara ogummaa fiilmiitti akka gale dubbate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haata'u malee gaafa hojjachuu jedhuutti rakkoon taatoota hedduu jiraachu hubachuu kaasuun, sana furuudhaaf ammoo mana barnoota taatootaa kana eegaluu ibseera.
Akkaadaamiin Taatummaa Abbaa Lataa kan waggaa tokkoon dura hundeeffamee yeroo ''ammatti barattoota leenjiisaa, taatummaa (acting) irra ispeeshalizi godha. Walumaa galatti marsaa sadaffaa leenjiisaa jirra'' jedhe Lencoon.
Itti dabaluunis leenjiitoota akkaadamiichatti baratanis barsiisuun gadhiisuu qofaa osoo hin taane, ''Pirojektoota adda addaa ni kenniinaaf. Kanaaf ijolleedhuma barsiifneen filmii Abbaa Malkaa jedhu hojjannee Dilbata dhufaa argaa dhageettii qaqqabsiisuuf jenna'' jechuun BBC'f ibse Leencoon.
Filmii Abbaa Milkii kana hojjachuudhaa waan isa kakaasee yoo dubbatu Leencoon, ''Inaaffaadhuma, xiiqiidhuma. Ummanni Oromoo aadaa, afaan fi saba bal'aa baattee, 'folklore' bal'aa qabaattee garuu isa sana gara fiilmiitti jijjiruun gurguruu dadhabuun akka saba omaa hin qabneetti yoo lakkaa'amtu si aarsa, xiiqii keessa si galcha'' jedhe.

Madda suuraa, Leencoo Fiqiruu
Fiilmii Abbaa Malkaarratti eenyutu hirmaate?
Leencoon akka jedhuutti Akkaadaamiin Taatummaa Abbaa Lataa hanga ammaatti barataa 140 ol leenjiiseera.
Isaan keessayis, ''warri marsaa tokkooffaan baratan filmii hojjataniiru, warri marsaa lammaaffaa ammoo barataa jiru. Filmii amma eebbisiisuuf jiru kanas irra caalaa kan keessatti hirmaatan barattootuma akkaadaamichatti barataniidha'' jedha.
Taatoota fiilmii Abbaa Malkaa eebbiifamuuf jiru kana keessatti hrimaatan gara %98 barattootuma akaadamichichaa yoo ta'an kan alaa dhufan ammoo %2 qofaa akka ta'an kaasa. ''Kunis kan kaastiidhaan warra umurii keenyaan ala ta'an bakkeedhaan kan itti fayyadamneedha'' jedha.
''Kana malees taatoota bulleeyyii taatoota keenya waliinis wal barsiisuu barbaadna'' kan jedhu Leencoon, sababi kanaaf taatoota akaadamichaafi kan alaa walitti makuun fiilmii kana akka hojjatan dubbata.
Moggaasa filmichaa yeroo ibsus''Abbaan Malkaa'' ilaalcha Oromoo keessatti hiikaa baayyee qaba jechuun walumaagalatti kan abbuummaan wal qabatuudha jedheera.
Abbaan Malkaa taatoota hedduu irratti hirmaachisuudhaan fiilmii jalqaati jedhaan yaada fiilmii afaan Oromootiin kan jedhu Leencoon, ''taatoota 100 olitu irratti hirmaata'' jedhe.
Fakkeenyaaf hawaasa Oromoo keessatti ''Abbaa karraa, Abbaa gadaa, Abbaa Malkaa, Abbaa qe'ee, Abbaa Manaa, kkf jedhu. Kun mataansaa kan qorannoo bal'aa barbaachisuudha'' jedhe.
Filmiin amma hojjatame kunis sadarkaa qulqullinsaatiin akka biyya keessa qofa osoo hin taane, oggeessoota beekamoo irratti hirmaachuusuudhaa akka sadarkaa gabaa addunyaatiif ta'utti akka hojjatan himeera.
Dargaggoon ganna 27 kan ta'e Leencoon daarektara kilippii sirboota afaan Oromoo waggoota muraasaan as hawaasa biratti fudhatama argataniiti.
Muquxaa'ee-Leencoo Gammachuu, Obonboleetti-Margituu Warqinaa, Duraanuu-Galaanaa Gaaromsaa, Waahoyyee Anduhaalam Gosaa, Bulloo-Yoosan Geetahuun dabalatee waliigalatti kilippii sirboota 50 hanga 60 qajeelchuu dubbata.

Madda suuraa, Leencoo Fiqiruu
Leencoon indastrii fiilmii Oromoo geeddaruuf kaayyeeffatee akka hojjatu dubbata. Aadaa Oromoo fiilmiin beeksisuun barbaada jedha. Kana milkeessuuf Akkaadaamii Taatoo Abbaa Lataa hundeessuu dubbate.
Fiilmii Abbaa Malkaa vidiyoo qulqullinaan sadarkaa 4K qabuun hojjachuu fi huccuu ofumaaf harkasaanitiin dizaayinii tolfachuu hima. ''Fiilmii yaada Afrikaanizimii jajjabeessu'' hojjanne jedha Leencoo Fiqiruun.
Filmii Abbaa Malkaa eebbisuuf deeman kanaan feestivala fiilmii adda addarratti hirmaachuuf karoora akka qaban hima.
Fiilmiin kun Finfinneetti erga eebbifame booda magaalota Oromiyaa biroo keessa deemanii akka agarsiisanii fi hawaasa Oromoo biyyoota Awurooppaa fi Ameerikaa jiranitti agarsiisuuf karoorfachuu ibse Leencoon.
Kana malees, hawaasa bal'aa bira karaa toora YouTube fi Netflix fa'iitti gargaaramuu akka karoorfatan dubbata.
Akkaadaamii taatoo Abbaa Lataa
Akkaadamii Abbaa Lataa waggaa tokko dura magaalaa Finfinneetti hundeeffame. Bakka kanatti namoota ogummaa taatummaan leenji'aan baayisuuf akka hojjataa jiran hima Leencoon.
''Humna namaa ogummaa kana barateen aartii Oromoo geeddaruu barbaanna'' jedha. Namoonni bakka kanatti leenji'an irra caalan isaanii dargaggoota.
Abbaan Lataa ykn Artist Admaasuu Biraanuu sirboota koomeedii, diraamaa gaggabaaboo hedduurratti taatoo ta'uun guddina aartii Oromoo keessatti ga'ee guddaa nama qaban turan.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












