'Warra Diruuz Sooriyaa keessa jiraniin loluutti ni deebina'- loltoota Beeduhinoota

Gareen haala nageenya Sooriyaa hordofu tokko magaalaa Suweyidaa keessa Dilbata tasgabbiin jira jedhe.
Ibsa waa'ee suuraa, Gareen haala nageenya Sooriyaa hordofu tokko magaalaa Suweyidaa keessa Dilbata tasgabbiin jira jedhe.

Loltoonni Beeduhin kanneen magaalaa kibba Sooriyaa, Suweedaa cinaa buufatan hawaasa Diruuz waliin dhukaasa dhaabuu akka barbaadan BBC'tti himuun, haata'u malee, wal waraanutti deebi'uu akka malan ibsan.

Loltoonni Beeduhin walitti bu'iinsa loltoota Diruuz fi humnoota mootummaa gidduutti torban tokkoof gaggeessaniin erga lubbuu namootaa galaafate booda, Israa'el Diruuz deeggaruudhaan haleellaa qilleensaa raawwachuu ishee hordofee ture kan magaalattii keessaa gara gandoota naannoo bulchiinsa kanaatti duubatti deebi'an.

Guyyaa Dilbataa gareen UK keessa buufatee fi dhimma wal dhibdee Sooriyaa keessatti dhalate kanaa hordofu tokko, naannicha keessatti ''tasgabbiin of eeggannoon guutame'' bu'eera jedhe.

Gareen haala nageenya Sooriyaa keessa jiru hordofu kun boodarra ammoo hidhattoonni gosaa araddaa warra Diruuz haleelu ibse.

Magaalaa al-Mazara'a, hanga torban darbe garee Beeduhiin irraa fudhatamuutti magaalaa Diruuz kan ta'e, amma to'annoo mootummaa Sooriyaa jala jirtu keessaaaarri ol ka'aa jiru magaalaa Suweedaa qaxxaamuree mul'achaa ture.

Buufata sakatta'iinsa naannoo magaalaa kanatti daandin cufameera.

Maatii warra Beeduhin magaalaa Suweyidaa keessaa buqqa'an
Ibsa waa'ee suuraa, Maatii warra Beeduhin magaalaa Suweyidaa keessaa buqqa'an

Qaamoleen nageenyaaa mootummaa Sooriyaa danuun karaa cufame kana cinaa dhaabatu. Qaamoleen nageenyaa hundi isaanii meeshaa waraanaa cimaa hidhatanii warri Beduuhin akka deebi'anii magaalattii hin seenne dhorkaa turan.

Loltoonni Beeduhin dhibbaan lakkaa'aman, irra hedduun isaanii qawwee gara samiitti dhukaasaa turan.

Warri Beduuhin kun hidhattoonni isaaanii madaa'anii magaalaa Suweedaa keessatti hafan magaalicha keessaa akka bahan barbaadu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ta'uu baannaan buufata sakatta'iinsaa bira darbanii gara magaalattiitti deebi'uuf doorsisaa jiru.

"Waan mootummaan nu ajaje hojjenne, waliigaltichaa kabajuuf kutannoo qabna, Suweedaan as irraa km35 fagaatti" jechuun jaarsi gosa Beeduhin tokko BBC'tti himeera.

"Yeroo ammaa kana booji'amtoonnii fi namoonni madaa'an achi jiru, namoota madaa'an kana nuuf kennuu didaa jiru... Yoo waliigaltee irra gahame hojiitti hiiku didan deebinee magaalicha seenuuf deemna, yoo Suweyidaan bakka itti awwaalamnu taatellee duubatti hin deebinu" jedhe.

Waldhabdeen yeroo dheeraaf gosoota Diruze fi Beduuhin gidduu ture torban darbe gara walwaraansa lubbuu namootaa galaafatetti ce'e. Kunis daldalaan Diruuz karaa magaalaa guddoo Sooriyaa, Damaasqootti geessu irratti butamuu hordofee mudate.

Pirezidantii Mootummaa ce'uumsaa Sooriyaa Ahimad al-Sharaa humna waraanaa gara magaalattiitti bobbaasuun deebii kennan.

Jiraattonni Diruuz Suweyidaa BBC'tti akka himanitti, yeroo hidhattoonni qawwee hidhatan humnoonni mootummaa fi loltoonni biyya hambaa jiraattoota haleelan ''gocha hara jabumaa hamaa'' argane jedhan.

Israa'el humnoota kana xiyyaaraan haleelurratti kan xiyyeeffattee, humnoota Diruuz eeguuf akka ta'e ibiste.