Pirezidantiin Kolombiyaa kora UN irratti Filisxeemiif sagalee taanaan US viizaa isaanii haqxe

Madda suuraa, Reuters
Ministeerri dhimma alaa US viizaa Pirezidantii Kolombiyaa haquu ibse. Pirezidantichi wayita kora 80ffaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif gara Niw Yoork imalanitti bulchiinsa Tiraamp cimsanii balaaleffatan.
Pirezidantiin Kolombiyaa kun bulchiinsa US amma jiru kan himatan haasaa kora irratti taasisaniin qofa miti. Ala ba'anii fuuldura teessoo UN kan magaalaa Niw Yoork keessatti argamuttis mormii dhageessisaniiru.
Ammoo namoota Filisxeemiif hiriira ba'an faana ba'uun haasaa taasisuun isaanii akka viizaan irraa fudhatamuuf sababa ta'uu ibse ministeerri dhimma alaa US.
AFPn miidyaalee Kolombiyaa wabeeffachuun akka gabaasetti Pirezidant Gustavo Petro halkan Jimaata kaleessaa Niw Yoork irraa gara Bogota imalaa turan.
Jalqaba torbee kanaatti Pirezidant Gustavo Petro wayita BBC waliin gaaffii fi deebii taasisan, haleellaa qilleensaa bulchiinsi Tiraamp maqaa dooniiwwan qoricha seeraan alaa daddabarsan haleeluu jedhuun Galaana Kaaribiyaan irratti raawwate ''gocha abbaa irrummaa'' jechuun ibsaniiru.
Pirezidant Gustavo Petro Jimaata darbe wayita sagalee guddistuudhaan tuuta namootaatti dubbatan viidiyoo mul'isu miidiyaa hawaasummaasaaniirratti maxxansaniiru.
Pirezidantichi namoota daandiitti ba'anitti afaan Ispeeniin kan dubbataa turan yoo ta'u, namni haasaa isaanii kan hiiku ''biyyoonni addunyaa hundi'' loltoota gumaachuun humna waraanaa ''dachaa meeqa kan US caalu'' akka ijaaran waamicha dhiheessuu ibse.
''Kanaafan, as Niw Yoork dhaabbadhee, loltoonni Humna Waraanaa US keessa jiran hundi akka dhala namaa hin haleelle gaafataa jira,'' jedhan.
''Ajaja Tiraamp didaa. Ajaja namummaa jala deemaa hojii keessan hojjedhaa!" jedhan Pirezidant Gustavo Petro.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministeerri dhimma alaa US gocha pirezidantichaa akkaan balaaleffachuun deebii kenneera.
''Har'a Pirezidantiin Kolombiyaa Gustavo Petro daandii magaalaa Niw York irratti ba'uun loltoonni akka ajaja didan fi hookkarri akka ka'u waamicha dhiheessaa turan,'' jechuun X irratti maxxanse Ministeerri dhimma alaa US.
In response, the State Department strongly criticised his action.
''Haala itti gaafatamummaa hin qabneen hookkara kakaasuuf yaaluu isaaniif viizaa isaanii ni haqna,'' jedhe ibsi jaarmiyaa Ameerikaa kun.
Ministirri dhimma biyya keessaa Kolombiyaa Armando Benedetti viizaa Pirezidant Gustavo Petro osoo hin taane kan Ministira Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuutu haqamuu qaba ture jechuun X irratti barreessan.
''Garuu impaayeerichi [US] waan isaaf [Neetaaniyaahuu] dhaabbateef kan isaa dhiisee kan pirezidantii ija jabinaan dhugaa jiru dubbatee ifatti baasee irraa haqan.''
Biyyi Pirezidant Gustavo Petro addunyaarratti Kokeenii oomishuun beekamtuudha.
Pirezidantichi haleellaawwan US dooniiwwan qoricha sammuu namaa hadoochan fe'u jettu irratti raawwatteen kanneen ajjeefaman lammiilee Kolombiyaa ta'uu ibsan.
US daldala qoricha sammuu namaa hadoochanii kanneen handaara Venezuweelaa irra yabaluun gara isheetti seenan irratti oppireeshinii eegaltee akka jirtu ibsiti.
Tarkaanfiin haleellaa kunis qaama oppireeshinii kanaati jetti.
Waashingitan pirezidantiin Venezuweelaa daldal qoricha sammuu namaa hadoochu keessa jiru jechuun himatti.
Kolombiyaan ammoo bulchiinsa Tiraamp jalatti hariiroon isheen US waliin qabdu kan yeroo kamuu caalaa laafeera.
US Pirezidantii Filisxeem Mahmuud Abbaas fi aanga'oota biyyattii 80 ta'anis viizaa dhowwachuun kora 80ffaa UN irraa hambisteetti.












