Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidantiin Tarkii waligaltee Itoophiyaafi Somaaliyaa hordofuuf biyyota lamaanitti imaluuf
Pirezidantiin Tarkii Resiip Tayib Erdohaan jaarsummaa Itoophiyaa fi Somaaliyaaf taa'anii araaran xumuruu isaanin biyyootaa fi dhaabilee adda addaarraa dinqisiifannaa guddaa argataniiru.
Pirezdaantichi akkatuma waliigaltee torban darbe dureewwan Itoophiyaafi Somaaliyaa Ankaaraatti waliigalaniin baatii Amajjii ykn Guraandhala 2025 keessa Itoophiyaafi Somaaliyaa dhaquun dhimma araaraa irratti hordoffii taasisuuf akka jiran miidiyaan Tarkii Anaaduuluu jedhamu gabaaseera.
Erdohaan, "yoo Waaqni jedhe baatii Amajjii ykn Guraandhala keessa Itoophiyaafi Somaaliyaa daawwadheen tarkaanfii jiru addunyaaf beeksisa" jedhan.
Akkaataa 'Waliigaltee Ankaaraa' Muddee 11, 2024 marii jaarsummaa Pirezidaantii Tarkii Rasiip Tayip Erdohaaniin Ankaaraatti gaggeeffameen Tarkiin marii teeknikaa akka eegaltuufi marichis hanga baatii afurii keessatti akka xumuramu waliigalan.
Waliigalteen mallatteessan sana keessatti Itoophiyaafi Somaaliyaa birmadummaa, walabummaafi tokkummaa daangaa, akkasumas seerota idil-addunyaa UN akkasumas Gamtaa Afrikaa jalatti eeraman kabajuuf akka waliigalan ibsanii ture.
Kana malees, dhibdeewwaniifi dhimmoota falmisiisaa dhiisuun fuuladuratti akka wal tumsan waliigaluun isaanii kan yaadatamuudha.
Haata'uu malee, akkaataan raawwi waliigaltichaafi qabxiwwaan murteessoon ammalee ifa hin taane akka jiran qeeqni ka'aa tureera.
Kana keessaa tokko dhimma waliigaltee Itoophiyaafi Somaaliland yoo ta'u, kana malees waliigaltichi haala tokkummaa daangaa Somaaliyaa kabajeen, Itoophiyaan ulaa galaanaa kan argattu ta'a jechun ala haala kamiin kan jedhu irratti ibsi bal'aan kenname hin jiru.
Labsii Ankaaraa kanaan boonuu kan ibsan Erdohaan,"biyyoonni hedduun hanga dhimma Somaaliyaafi Itoophiyaa mariin fixuu keessatti hirmaataniiru, garuu dhimma kana furuu hin dandeenye," jechuun dabalaniiru.
'MM Itoophiyaa waliin hiriiroo addaa qabaachuun..'
Kana malees, Pireezidantichi Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin "hiriiroo addaa " qabaachuun isaanii mariin sun akka milkaa'uuf haala mijeessuu eeran.
Akkasumas, Tarkiin biyyoota lamaanifuu deeggarsa akka taasiftu ibsaniiru.
"Somaaliyaa keessatti hojiiwwaan invastimantii hojjennerra. Kana malees, dhaabbilee shororkeessummaa Somaaliyaa keessatti argaman irrattis tarkaanfii fudhanneerra. Itoophiyaafis deeggarsa dinagdeefi ittisaa irratti waan dandeenyu hunda gooneerra," jedhan Erdohaan
Waliigalteewwan gam-lamee haala Itoophiyaan karaa Somaaliyaatin ulaa galaanaa itti argattu ilaallatan xumuruu dabalatee mariin teeknikaa Guraandhala 2025tti eegalamee ji'oota afur keessatti xumuramu akka jiraatu waliigalticharratti eerameera.
Waliigaltichi gumaacha loltoonni Itoophiyaa Ergama Gamtaa Afrikaa jalatti Somaaliyaa keessatti taasisaniif beekamtii kenneera.
"Somaaliyaan wareegama loltoonni Itoophiyaa kaffalaniif beekamtii kenniti," kan jedhuufi kanneen biroo waligalticharratti eeraman jiru.
Jalqaba bara 2024 Itoophiyaan naannoo Somaaliyaa irraa adda baatee kan of bulchaa jirtu Somaalilaand waliin waliigaltee ulaa galaanaa mallatteessuu hordofee Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu waldhabdeen uumamuu ni yaadatama.
Marii araaraa Tarkitti marsaa 3n taasifameen waligalteen xumuramuun kan yaadatamuudha.
Waliigaltichi Ameerikaa, Yunaayitid Kingidam fi Gamtaa Afrikaa dabalatee biyyoota fi dhaabbileen garagaraan dinqisiifatameera.