Ameerikaan bidiruu Huutii Yaman sadii Galaana Diimaarratti dhidhimsite

Helokaptaroonni doonii waraana Ameerikaa USS Eisenhower irraa ka'an waamicha birmannaa dhiyaateef deebii kennan

Madda suuraa, Rooyitrs

Ibsa waa'ee suuraa, Helokaptaroonni doonii waraana Ameerikaa USS Eisenhower irraa ka'an waamicha birmannaa dhiyaateef deebii kennan

Dooniin Humna Galaanaa Ameerikaa ''bidiruuwwan xiqqoo'' hidhattoota Huutii barbadeesse.

Namoonni bidiruu sanarra turan Galaana Diimaarratti doonii meeshaalee fe’u butuuf yaalan jedhe Humni Galaanaa Ameerikaa.

Bidiruuwwan afur naannoo hidhattoonni Huutii to’atanirraa gara doonii fe’isaa 'Mariisk Haangizhuu' jedhamutti dhukaasaa turan.

Hidhattoonni Huutii doonii fe’iisaa kanatti meetira muraasi qofti hanga hafutti dhiyaatanii turan jedha ibsi bahe.

Helikoptaroonni doonii waraanaa Ameerikaa dhiyeenyatti argamurraa ka’an hidhattoonni Huutii erga dhukaasa bananii waamicha birmannaa dhiyaate booda bidiruu sadii dhidhimsan.

Hidhattoonni bidiruu sanarra turan yoo ajjeefaman, bidiruu arfaffaan naannichaa dheesse.

Dubbi-himaan finciltoota Huutii dooniin fe’iisaa sun akeekkachiisa kenname fudhachuu dide jechuun taatee mudate kana booda miseensonni Huutii 10 ajjeefamuu ykn dhabamuu himan.

Hidhattoonni Huutii Sadaasarraa eegalee dooniwwaan Gaalaana Diimaarra qaxxaamuran haleelaa jiru.

Huutiin diroonii 100 fi misaayiloota ulaa Galaana Diimaarra qaxxaamuranitti gadhiisuun haleellaa banee ture.

Haleellaa hidhattoonni Huutii dooniiwwaan daldalaarratti qiyyaafatan qolachuuf UK'n qophaa'u Ministirri Ittisa biyyattii Giraant Shaapsi himaniiru.

Barreeffamni gaazexaa Daily Telegraph irratti maxxanfame akka agarsiisutti UK’n ulaa daldala galaanarraa kana eeguuf ''tarkaaanfii kallattiin fudhachuuf fedha qabaachuu'' beeksiste.

Hidhattoonni Yaman Iraaniin deeggaraman kunneen waraana Gaazaa keessatti adeemaa jiruun walqabatee dooniwwan Israa’elitti hidhata qaban akka haleelan ibsaa jiru.

Dooniin fe'isaa Singaappoor ta’ee galmaa'ee fi qabeenyummaan isaa kan dhaabbata Deenmark ta’e dooniin kuni doonii daldalaa ta’uu Ajajni Giddugaleessaa Waraana Ameerikaa beeksisera.

Bidiruuwwaan Huutii afur meeshaalee waraanaa gurguddaa fi xixiqqaan doonii fe’isaa sanatti meetira 20 dhiyaatanii haleelan, akkasuma doonicha ‘’yaabbachuuf’’ yaalan

Sana booda hojjattoonni doonicha wamicha birmaannaa dhiyeeffatan, achumaan qaamoleen nageenyaa deebii kennan jedhe Ajajni Giddugaleessaa Waraana Ameerikaa.

Helikoptaroonni doonii waraanaa USS Eisenhower fi USS Gravely irraa ka’an deebii kennuun dhukaasa itti banan.

Xiyyaaroonni kunneen ‘’haleellaa ofirraa qolachuuf deebii kennanii bidiruu afur keessaa sadii dhidhimsanii warra bidiruu sanarra ture ajjeesan.''