Haleellaa Huutiin dooniiwwan Galaana Diimaarratti raawwatu daldala addunyaarratti dhiibbaa akkamii uuma?

Madda suuraa, Rooyitars
Dhaabbileen doonii gurguddoon addunyaa Galaanaa Diimaarra imaluu dhiisuun, karaa biraa imaluu filachuun daldala sadarkaa idil-addunyaa jeeqa.
Finciltoonni Huutii Yaman dooniwwaan daldalaa torban haleeluu hordofee dhaabbilee danuun karaa daldalaa sadarkaa addunyaatti sochiin dooniwwan hunda caala itti baayyatu kanarra imaluu lagatan.
Hidhattoonni Huutii Hamaas tumsuuf jecha dooniwwaan gara Israa’elitti imalan haleeluuf akka irratti qiyyyaafatan ibsan.
Haata’u malee, dooniwwan haleelaman hundi gara Israa‘elitti imaluufi dhiisuun isaanii ifa miti.
Amma yoonaatti maaltu ta’e?
Waraanni Israa’eli fi Hamaas giddutti Onkolooleessa 2023 erga eegalee as Huutiin haleellaa dooniwwanirratti raawwatu cimseera.
Gareen hidhattoota Iraaniin deeggaraman Hutiin dooniwwaan biyyoota biroo meeshaalee fe’uunii ulaa galaanaa Baab al- Maandab qaxxaamuran diroonii fi rokkeettiin haleelu.
Baab al- Maandab ulaa galaanaa Afrikaa [Ertiraa fi Jibuutii] fi Yaman addaan qoodu fi maayila 20 bal’atu.
Dooniwwaan ulaa Siwiz Kaanalii Masriirraa gara Kaabaatti argamutti karaa kana ce’u.
HalleellaaHutiin raawwatee fi doorsisa garee hidhattoota kanarraa ka’e dhaaabbileen doonii gurguddoo otoo hin hafiin kallattii imalaa geeddaruun, karaa dheeraa fiixee Afrikaa Kibbaa imaluuf dirqaman.
Karaan imalaa Galaana Diimaa maaliif baayyee murteessaa ta’e?
Dooniin ulaa Siiwiz Kaanal keessaa darbu ykn garba guddaa Indiyaarraa gara ulaa Baabal- Maandabi fi Galaana Diimaatti qaxxamuran karaa kana darbu.
Siwiz Kanaal, karaa hunda caala saffisaaf mijatu, Eshiyaa fi Awurooppaa gidduutti argamu, akkasuma boba’aa fi gaaziin umamaa irra geejjibamuudha.
Boba’aa barmeeliin miliyoona sagal guyyaa guyyaan walakkeessa bara 2023tti ulaa Siwiz Kanaal jedhamu kanaan geejjibama, akka xiinxalli dhaabbata 'Vortexa' jedhamuu agarsiisutti.
Xiinxaltoonni akka himanitti, meeshaaleen gara Awuurooppaa, Baha- giddugaleessaa fi Kaaba Afrikaatti geejjibaman %15tti dhiyaatu karaa kana geejibama.
Boba’aan calalame % 21.5 fi jikitni boba’aa %13 ol ulaa galaana kanarra geejibama.
Boba’aa qofaayyuu otoo hin taane, meeshaaleen suuqiitti arginu TV, uffata fi meeshaalee biroo karaadhuma kana geejjibamu.
Dhiibbaa akkamii maamilarraaan gaha ?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dooniiwwan Galaana Diimaarraa kallattii biraatti jijjirachurraa kan ka’e
walitti hidhata gabaa dhiyeessii meeeshaaleerra dhiibbaan ni gaha.
Dhaabbata S&P Global Market Intelligence jedhamutti qorannoo hidhata gabaa kan dursan Kiriis Roojars, maamiltoota meeshaalee kanatti gargaramaniirra ‘’dhiibbaa guddatu’’ qaqqaba jedhe.
Meeshaaleen yeroon suuqiiwwan qaqqaban ni harkifata.
Sababa fageenya karaa gara Afrikaa Kibbaarraan kan ka’e imala galaanarraa duraanirratti gara maayilii 3,500tu dabalama.
Dooniwwaa konternara baatan yoo xiqqaate guyyoota 10 imaluutu irraa eegama.
Fageenyi dabalataa kun dhaabbilee geejjibaa baasii guddaa baasisa.
Torban darbe keessa hangi kaffaltii geejjibaa %4 kan dabale yoo ta’u, baasiin kun maamiltoota biras ni qaqqaba.
Haata’u malee, ammaaf hammii kaffaltiin geejjibaa kan bara darberraa baay’ee gadi bu’eera.
Muddamni naannoo Galaana Diimaatti dhalate kun gatii boba'aa ol kaasuu mala sodaan jedhu uumera.
Gatiin boba’aa dabaluun, qaala’iinsa jireenyaas akka dabala.












