Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Badhaasni Noobeelii Nagaa MM Abiy akka mulqamu hawaasni Somaalii iyyate: Ofii seerri maal jedha?
Itoophiyaan handaara galaanaa qabaachuuf Somaalilaand waliin waliigaluu hordofee hawaasni diyaaspooraa Somaalii duula badhaasni Noobeelii Nagaa MM Abiy Ahimadiif kenname akka mulqamu gaafatu eegalan.
Ministirri Muummee Iyoophiyaa Abiy Ahimad handaara galanaa qabaachuuf hojii dippiloomasii hojjechaa turaniin milkaahuun Galoo Galaana Adenitti handaara galaanaa qabaachuuf akka ta'e Amajjii 1, 2024 beeksisan.
Guyyaa bara haaraa faranjootaatti MM Abiyyifi pireezidantiin Somaalilaand Muusee Biihii Abdii waliigaltee Itoophiyaaf handaara galaanaa fi buufata humna galanaa kennuuf mallatteessan, biyya Somaalilaand bulchiinsa koo jala jirti jettu, Somaaliyaafi michootashee dheekkamsiiseera.
Somaaliyaan murtee kana mormuun ambaasaaddarashee Itoophiyaa jiru ofitti waamtee, labsii haaraa waliigaltee Somaalilaandiifi Itoophiyaa fudhatama dhabsiisus baafteetti.
Hawaasni Diyaaspooraa Somaalii ammoo Somaalilaand qaama mootummaa Federaalaa Somaaliyaa waan taateef waliigaltee Itoophiyaaf handaara galaanaa kennuuf irra gahe birmadummaa Somaaliyaa kan sarbe, naannichas jeequmsatti kan galchu jechuun duula eegalaniiru.
Duulli gama onlaayiniin mallattoo namoota kuma 25 walitti qabuuf Amajjii 5, 2024 eegalame badhaasni Noobeelii Nagaa Ministira Muummee Abiyyiif kenname akka mulqamu gaafata.
Hanga Roobii ganamaatti namootni kuma 15 ol ta'an gama onlaayiniin waamicha kana deeggaraniiru.
Qindeessaan duula kanaa Ali Mohamed xalayaa banaa qopheesseen ''gochisaa alanaa(Abiy Ahimad), keessumaa qaama galaanaa Somaaliyaa fudhachuuf yaaluun...kan of danda'e ta'uu, tokkummaa daangaa fi walabummaa Mootummaa Federaalaa Somaaliyaa sadarkaa olaanaan kan sarbuudha'' jedha.
Naannoon Tigraay akka qaama Itoophiyaa ta'e, Somaalilaand qaama Somaaliyati jedha iyyatni qophaaye kun.
Waliigalteen MM Abiy Somaalilaand waliin mallatteessan ''sochii hamaa Gaanfa Afrikaatti godhame'' jechuun duula mootummaan Somaaliyaa garee shororkeessaa al-Shabaab balleessuuf godhu walxaxaa gochuun yaaddoo qaama kanaan mudatu ittuu hammeessa jedheera.
''Badhaasni Noobeelii Nagaa lola jajjabeessuuf waraqaa ragaa jajjabeessituu ta'uu hin qabuu'' jechuun koreen badhaasicha kennu ''atattamaan akka irraa mulqu'' gaafate.
Ministirri Muummee Abiy irra jireessaan dhibdee Eertiraa waliin jiru karaa nagaa furuu isaaniif akkasumas qilleensa jijjiiramaa Itoophiyaa keessatti fidaniif Mudde 2019 badhaafamaa Noobeelii Nagaa 100ffaa ta'an.
Ergasii haala siyaasaa Itoophiyaa keessatti dhalateen, keessumaa walitti bu'iinsa naannolee adda addaa keessatti mudateen, walqabatee badhaasa Noobeelii Nagaa injifatan irratti qeeqniifi gaaffiin irra deddeebiin ka'aa tureera.
Amma dura badhaasni isaanii kun akka mulqamu ifatti gaaffii kan dhiyeesse Waldaa Ogeessota Seeraa Oromoo Idila-Adunyaati.
Waldichi Adoolessa 2020 keessa xalayaa banaa koree Noobeelii Nagaaf barreesseen, ''bulchiinsa Abiy Ahmad jalatti tasgabbiin biyyaa dhabamaa dhufeera. Ajjeechaan namoota bebbekamoo dabalaa jira. Hidhaan namoota bulchiinsa isaa irratti qeeqa jajjabaa dhiyeessaniifi hoggantoota siyaasaa irratti himata jajjabaa banuun gochoota bulchiinsa isaa jalatti ibsamanidha. Filannoo yeroo hin beekamneef akka turu taasise,'' jechuun sababa dhiyeessee ture.
Ofii badhaasni Noobelii Nagaa kenname ni mulqamaa?
Badhaasni Noobeelii Nagaa kennameef akka mulqamu yeroo gaafataman MM Abiy Ahimad looreetii jalqabaa miti.
Dureen biyya Miyaanmaar Aang Saan Suuki dhumaatii Musliimoota gosa Roohiingaa biyyattii keessa jiraataniin walqabatee himannaa guddaa fi iyyatni irraa haa mulqamu jedhu dhiyaatee ture.
Haata'u malee kan Saan Suukis ta'e sana dura iyyata dhiyaateen badhaasni mulqame hin jiru.
Inumaa dhaabbatichi gaaffii kanaaf deebii ifa ta'e marsariitiisaa gubbaatti maxxanseera.
''Badhaasa Noobeelii Nagaa kenname mulquun hin danda'amu,'' jedha.
''Fedhiin Alfireed Noobeelis ta'e, seerri Faawundeeshinii Noobeel carraan akkasii akka jiru hin eeru.''
Faawundeeshiniin Badhaasa Noobeelii kennu marsariitiisaa gubbaatti barreefama kaahe keessatti, ''badhaasa kenname ilaalchisee iyyatni kamuu qaama badhaasicha kenneef hin dhiyaatu,'' keewwatni jedhu jiraachuu ibseera.
Koreeleen badhaasaa Istookholmiifi Oosloo jiranis takkaahuu iyyata akka badhaasni takkaa kenname akka mulqamu dhiyaate ilaalanii hin beekanis jedheera.
''Badhaafamtootni erga badhaasa isaanii fudhatanii booda wanta jedhan ykn hojjetan irratti koreen Noobeelii Noorweey yaada kamuu hin kennu,'' qajeeltoon jedhus jiraachuun eerameera.
Gaheen koree kanaa hanga yeroo badhaasichi kennamuutti waan jiru akka ta'es akkasuma barreefamee jira.
Badhaasa kenname mulquuf hireen hin jiraatiniyyuu malee komiiwwan dhiyaatan hin hordofan jechuu mitis jedheera.