Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liigiin Biyyoota Arabaa waliigaltee Itoophiyaafi Somaalilaand balaaleffate
Liigiin biyyoota Arabaa waliigalteen Itoophiyaafi Somaalilaand ''tokkummaa daangaa Somaaliyaa waan sarbuuf'' fudhatama hin qabuu jechuun balaaleffate.
Liigiin biyyoota Arabaa ibsa Amajjii 3, 2024 baaseen waliigalteen Itoophiyaafii Somaalilaand walii mallatteessan ''birmadummaa biyya Somaalii waan sarbuuf cimsinee fudhatama dhabsiisnna, ni balaaleffannas'' jedheera.
Waliigalteen Itoophiyaaf handaara galaa argamsiisu kan mallatteefame rakkoo keessoo Somaaliyaa akka carraatti fayyadamuun akka ta'e ibsi Liigichaa akeekeera.
Dubbii Himaan Barreessaa Olaanaa Liigii Biyyoota Arabaa Gamaal Rooshdii ''gochaan akkasii, kutaa lafa Somaaliyaa hir'isuun, Seera idila addunyaa sarbuufi tokkummaa daangaa biyya Somaaliyaa kan rakkoo keessa galchuudha'' jedhan.
Qondaalli kun Liigiin Biyyoota Arabaa murtee kaabineen Somaaliyaa waliigaltee mallatteefame ''seerawaa kan hin taaneefi raawwii kan hin qabaanne'' jechuun dabarse guutummaan guutuutti akka deeggaru ibsaniiru.
Dubbii himaan barreessaa olaanaa liigichaa gochaan kun(waliigalteefi raawwiin isaa) gochaan finxaalessummaa akka babal'atu hiree bal'isaa jechuunis akeekkachisaniiru.
Ibsichi waliigalteen Itoophiyaafi Somaalilaand Amajjii tokko mallatteessan tokkummaa daangaa fi walabummaa Somaaliyaatti bu'aa jechuun ejjennoon isaa Somaaliyaa waliin akka ta'e ibseera.
Mootummaan Itoophiyaa handaara galaanaa fi buufata humna galaanaa qabaachuuf waliigalteen Somaalilaand waliin mallatteesse muddama uumuu hordofee deebii kenneen, ''waliigaltee kanaan amantaan cabes, seerri sarbames hin jiru'' jedhe.
''Dhugaan jiru kana ta'us, gariin waliigaltee kanaan hin aaran, hin rifatan, tarkaanfii gaarii kana gufachiisuurraa of qusachuufis hin yaalan jechuu miti'' jedha ibsi mootummaa Itoophiyaa.
Kanumaan walqabatee mootummaan Somaaliyaa ibsa galgala kana baaseen ejjennoo fi ibsa IGAD dhimma kanarratti qabatetti mufachuu ibseera.
Barreessaa Olaanaan IGAD Dr Warkinaa Gabayyoo ibsa ganama kana karaa waajira hogganiini baasaniin haala mudachaa jiru xiyyeeffannaan hordofaa jiraachuu fi boodarra dhiibbaa inni nageenyaa fi tasgabbii naannoorratti fidu akka hubatu ibsaniiru.
Biyyoonni lameen, Itoophiyaa fi Somaaliyaan, duudhaa biyyoota miseensa IGAD ta'an walitti hidhetti cichuun rakkoosaanii karaa nagaan furuu akka qabanis akeekkachiise.
Waajirri Haajaa Alaa Somaaliya ibsa baaseen ibsi IGAD irraa bahe akka isa mufachiise hime.
Ibsichi ''gochi mootummaa Itoophiyaa birmadummaa Somaaliyaafi tokkummaa daangaa biyyattii kan sarbe akka ta'e tuqee hin balaaleffanne'' jedha.
Kanaafis Barreessaa Olaanaan Dhaabbatichaa dhiifama gaafachuun, ibsa bahe akka haqu darbees tarkaanfii barbaachisu akka fudhatu gaafate.
Liigiin Biyyoota ARabaa miseensota 22 kan of keessaa qabu yeroo ta'u Somaaliyan meensota keessaa tokko.