Jaalalleewwan adda bahanii waggaa 20 booda wal-fuudhan garuu kaansariin gargar fo'e

Seenaan jaalalaa fi bu’aa bahiin jireenyaa amma isinitti himnu, dhuma bara Dargii keessa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, magaalaa Shaambuutti jalqabe.

Obbo Olqabaa Burqaa jedhamu waggaa afur dura ture du’aan lubbuun isaanii kan darbe. Haadha warraa fi jaalallee isaanii ijoollummaa fageenyi adda hin baasne gidduu dhukkubni kaansarii galee gargar baase.

Haati warraa isaanii maqaan isaan akka hin eeramne fedhan seenaa akkasiin nuu qoodaniiru. Seenaa isaanii akka isaan nutti himanitti katabneeerra. Itti dhiyaadhaa!

Olqabaa wajjin ijoollummaadhumaa qabee Shaambuutti naannoo tokkotti waliin guddannee, jaalalas yeroosuma jalqabne.

Mana barumsaa sadarkaa lammaffaas wajjin baranne, dareedhuma tokko keessatti jechuudha. Waliin qo’anna, waliin baanee galla ture. Yeroo kanatti ture egaa kan jaalala jalqabne. Garuu ijoollee gatii turreef jaalalas sirnaan qabachuu hin beeknu ture.

Kana booda sababa bu’aa bahii jireenyaan ani Wallaggarraa gara Gondar obboleettii koo heerumtee achi jirtu biran deemee. Innis barnoota sadarkaa lammataa xumuruuf gara Naqamtee deemee achumaan adda baane.

Ergasii takkaa wal arginee hin beeknu, yeroos wal-arguun rakkisaa ture. Bilbilli badaa hin turree, xalayaa yoo walii barreessines hin qaqqabuu ture. Sagaleen lamaan keenyaayyuu badeema hafe waggaa dheeraaf!

Innis yeroo Naqamtee ture sababa siyaasa bara Dargii tureen yeroo gaarii hin dabarsinee, waggaa sagaliif hidhamee ture. Ani barnoota sadarkaa lammataa xumuree narsiingii baradhee, hojii qabadhee jireenyuma koon jiraachaa ture.

Olqabaan immoo mana hidhaatii bahee, barnoota sadarkaa lammataa isa addaan kutee ture sana itti fufee Adaamaattii baratee, hojii qabatee akkuma koo innis karaasaa jireenyasaa jiraachaa ture.

Egaa kan deebinee wal-agarre karaa namaati. Dubartiin anaaf fira taate, innimmoo sababii naannoo tokko tahuufi biyyoomiidhaan ishee beeku tokko Finfinnee jiraattutu jirti ture.

Inni akka carraa mana niitii kanaa dhaqeeti, albama suuraa keessaa, suuraa koo argee intala kana eessatti beekta? jedhee gaafate. Dubartiin fira koo sun immoo, ‘’maaliifi? Fira kooti’’ jetti.

Eessa jirti jedhee gaafannaan, narsiidha, as hospitaala Raas Dastaa hojjetti jechuun itti himti. Innoo osoo oole hin buliin na barbaacha hospitaalan ani hojjedhu sana dhufe.

Ani egaa bara Dargii sana ajjeefameeraa kan jedhudha odeeffannoon qabu, lubbuudhaan jira jedhee takkaa yaadee hin beeku ture.

Hospitaalaa na waamsise gaafan isa argu isa hin barre tureyyuu. Boodarra gaafan baru, waan ajaa’ibaa natti ta'e. Sodaa guddaanin guutame ture. Nama du’aa ka’ee dhufe waanin arge natti fakkaate.

Ergasii akka haaraatti wal-arguu jalqabne. Jaalala keenya ijoollummaa irraanfatameefi du’e lammata haaromsuu jalqabne.

Gaafa haasofnuufi mari’annuu, garaa lamaan keenyaa keessa jaalalli hin dune ture jechuudha. Ani isa keessa, innis ana keessa ture. Sababiinsaas waggaa sana hundumaaf innis otoo hin fuudhiin, anis otoo hin heerumiin wal-agarre.

Akkuma nama walii kakatettiidha kan wal-eegaa turre jechuun danda’ama. Jireenyi bu’aa bahiidhaan jaalala keenya addaan kuttus nutimmoo deebisnee ijaaruuf waliigalle.

Kanumaan gara gaa’elaatti galle. Waaqni haa galatu cidha bareedaadhaan wal-fuunee jireenya haaraafi bareedaa tahe jiraachuu jalqabne.

‘Olqabaan jaalalli inni hawaasa tajaajiluuf qabu adda ture’

Jabinaafi kutannoo isaarraa yoon ka’e, Olqabaan nama waggaa sagal mana hidhaa Naqamtee turee bahee, akka ijoolleetti barnoota sadarkaa lammataa baratee xumure. Kooleejjii galee digiriidhaan eebbifamedha. Kun jabinasaa natti agarsiisa.

Erga hojii jalqabee immoo, hojiisaa kennama guddaan kan dalagu, naamuusa nama qabu, hawaasa fi uummata nama jaalatu, hojiisaarratti mudaan tokkoyyuu akka uumamu nama hin barbaanne ture.

Kanaaf immoo ragaa kan ta'u yeroo hogganaa distiriiktii, dhaabbata mootummaa yeroos Humna Ibsaa Itoophiyaa jedhamu turetti, jireenya qananii Finfinneetti dhiiseetu baadiyyaatti hawaasa tajaajilaa ture.

Hojiisaarratti qoosaa hin beeku. Iddoowwan inni hogganaa turetti '‘ibsaan bade’’ yoo jedhame Olqabaan rafee hin bulu. Halkan hojjettoota wajjin lafa rakkoon ibsaan mudatee soqaa nama buludha. Akka hawaasni dukkana keessa hin bulleef jechuudha.

Manasaa caalaa hojiisaa jaalata, sababa kanaan anaa wajjiniyyuu yeroo baayyee walitti buuna ture. Hojiin qofti jireenya hin tahu jedheen itti dheekkama ture.

Guyyaa ayyaanaa irrattillee yeroo namni handaaqqoo, hoolaa bitee maatiisaatti galu, yeroo inni ciruma gara manaa hin dhufne fa’itu ture.

Distriiktii ramadame hundatti rakkoo ibsaa ture furaafi sirreessaa ture. Fakkeenyaaf Naannoo Amaaraa iddoo Alam Katamaa jedhamutti ibsaa sa’atii jaha qofa ifu, itti gaafatamummaa isaaf kennameen ala bahee, tattaaffii ofiisaatiin dhaabota tola-oolaa kadhatee, ibsaa gara sa’atii 18 guddiseeraa.

Horro Guduruu Wallagaa, magaalaa Finca’aa yeroo ramadamee tures, laga ijoolleen durbaa bishaan waraabduufi ibsaa alaa kan hin qabnetti daandii isaaniirra ‘paawuzaa’ guddaa galchee isa duraan dukkana keessa miidhaa saalaaf saaxilaman, akka ifaan deeman taasiseera.

Ibsaa karaa irraas akkasuma galchaa fi rakkoo ibsaa furaa gatii tureef uummanni magaalaa Finca’aa baay'ee isa jaalatu ture. Yeroo dhukkubsatee turellee qarshii walitti buusanii erganiifi turan.

Carraa kanaan isaaniifi hojjettoonni waajirasaa Finfinnee qarshii walitti buusanii isa gargaaran mara ulfaadhaa jechuun fedha.

Kanaan ala Olqabaan hoji-maata badaa sirreessuudhaan maallaqa mootummaaf galuu qabu mootummaaf, tajaajila hawaasni qixaan argachuu qabummoo uummataaf akka tahuutti hojjechaa ture.

Magaalawwan Baakkoo fi Amboo yeroo hojjetaa tures akkasuma jaalala hawaasaa guddaa qaba ture.

Jireenya dhuunfaasaatiin immoo garraamii, nama jaalalaa, garaa qulqulluu kan qabuufi hamaan afaanii nama isa hin baane ture. Keesumaa anaaf jaalala adda tahe qaba ture. Maatii koos baayyee jaalataa, warra rakkatan ni gargaara ture. Maatiin koos akka ilmasaanii malee akka soddaatti isa hin ilaalan ture.

‘Rakkoonsaa sammuu isaa irraati jennee tasuma hin yaadne’

Yeroo Ambo hojjetaa turetti akkuma yeroo kaanii ani Finfinneedhaa marmaareen isa dubbisa ture. Alana garuu Olqabaan dhibamee ture. Nyaanni nyaatu takka garaa isaa keessa hin taa’u ni balaqqama ture. Nyaatee maaddiin otoo hin ka’iin nyaanni garaasaa keessaa baha ture.

Achuma Ambotti qorannoo fayyaa gara garaa taasisee garaacha, kalee, tiruufi kaaniin illee homaa rakkooo akka hin qabne itti himame.

Boodarra inni otuma hojii dhiisee hin dhufu jedhee diduu, kadhaa meeqaan Finfinneetti isa waamee akka yaalamu taasise. Ammas garraacha, rajiijii, tiruu fi kaleesaa keessaa dhukkubni argamuu hin dandeenye. Garuu immoo nyaanni garaasaa keessa hin taa’uu hinuma balaqqama.

Yaalii kana otoo taasisaa jirruu gidduutti immoo iji koo inni tokko hin arguu naan jedhe. Ija kee isa fayyaa qabiitii isa kaaniin ilaaluu yaali, yeroon jedhuun dhugumattu ijisaa inni tokko hin argu ture.

Gaafa dhaqee hospitaalatti ilaalamu, Gilaakoomaa (dhiibbaa ijaa) qabdaa, iji inni tokko jaameeraa, inni kaan immoo miidhamuu jalqabeeraa jedhame. Isaaf garuu qoricha fudhateeti nagaa tahuu jalqabe.

Amma immoo rakkoon biraa dhufe, yeroo tarkaanfatu madaalasaa hin eeguu, akka nama machaa’etti gatantara ture.

Anaafi hiriyyaankoo hakiima taate kan Dr Hiruut Dimtsuu jedhamtu maali rakkoon kuni, ija tokkoon qofa ijaa deemuu hin barreefi madaalasaa eeguu dadhabee jenne akka ogeessota fayyaatti tilmaamuu yaallus, waliisaa hin barre.

Dhumarratti hakiimni narvii ykn niiwurolojistiin ilaalee sammuunsaa qorannoo MRI jedhamu akka taasisu yeroo ajajee bu’aan qorannoo dhufu, sammuusaa karaa duubaa, mormasaa gararraa dhiitoon kaansarii guddaan akka jiru baramee jechuudha.

Nyaati garaasaa keessa akka hin teenye kan godhes, madaalasaa akka hin eegne kan isa taasise sanuma ture jechuudha.

Hakiimonni Finfinneetti isa ilaalaa turan dhiitoon kaansarii kun kutaa sammuu narviiwwan gurguddaa kan hargansuu, madaala sochii fi rukuttaa onnee keenyaa to’atan jiranitti biqile gatii taheef guutummatti baasuun hin danda’amu, irraa hir’isuu qofatu danda’amaa jedhan. Kunis yoo biyya alaa deemtan qofa danda’ama jedhan.

Yeroosuma hakiima biyya Hindii jiru waliin haasa’u jalqabnee innis dhiitoo sammuusaa keessa jiru guutummaan guutuutti baasuun akka hin danda’ame, harka 90 baasanii, 0 immoo yaalii carallaa raadiyooteeraappii akka taasifamu nutti hime. Garuu qarshiin yaalii kanaaf tahu eessaa dhufa?

Hiriyyaan koo hakiimii Dr Hiruut jedhamtu sun, '‘obboleessi koo haa fayyu malee qarshiin bakka buufama,’’ jettee birrii 400,000 baankiishee keessaa, horii dafqa isheetiin argattee naa kennitee, gaarummaa daangaa hin qabne natti agarsiiste. Galata ishees Rabbii haa deebisu malee ani jecha hin qabu.

Akkasiin waggaa kudhan har’aa taha gara biyya Hindii isa fudheen deemee jechuudha.

Achitti wal’aansi baqaqsanii yaaluu sa’atii torba fudhate adeemsifameef. Dhiitoon sammuusaa keessaa bahes ykn maqaan kaansarichi ‘’Ependymoma’’ kan jedhamu yoo tahu, akka gosa kaansarii biraa gara kutaa qaamaa kaanitti hin faca’u. Garuu narviiwwan sammuu murteessoo tahan akkaan miidhaa jedhe hakiimni isa yaale.

Yeroo dhiitoon sun bahus kaansarii sadarkaa lammaffaarra gahe tahuu natti hime. Gosti kaansarii kun deebi’ee biqilaa jedhee gafannaanis, biqiluu danda’a garuu carraansaa baayyee xiqqoodha naan jedhe.

‘Garraamiin maaliif hin barakatu?’

Kana booda deebinee gara biyyaatti dhufne. Garuu Hindiidhaa otoo hin bahiin rakkoo dhiphina sammuu agarsiisuu jalqabe. Kanaanis ani isaa wajjin baayyee rakkadhee ture, biyyattin galaa yaalii kana hin barbaadu naan jedha ture.

Achiin hakiimni fayyaa sammuu isa ilaaltee, qoricha fudhatee fooyya’uu jalqabe.

Erga biyya dhufes hakiima Hindii jiru wajjin haala irra jiru beeksisaa, yaalii sammuusaa itti fufaa gara waggaa torbaaf xiqqoo rakkoo madaala eeguu qaba malee nagaan hojiisaa hojjechaa, jiraachaa ture.

Waggaa torbaaffaa irratti akkuma yeroo kaanii haala sammuunsaa irra jiru, MRI ka’ee yeroo hakimichatti ergu, kaansariin sun deebi’ee biqiluu akka jalqabe nuu barreesse.

Yeroo kaansariin kun lammata biqiluu jalqabe garuu, madaalasaa eegee socho’uu cirumaa dadhabee, karaa irratti kufuu jalqabe, eessa akka jiru fa’i irraanfachaa dhufe. Jijjiiramni irratti mul’ate baayyee saffisaa ture.

Kanaan deebiseen isa fudheen gara Hindii deemee jechuudha. Garuu miilana gaafa deemnu ofiin deemuu ijaa hin dandeenyeef yeroo buufata xiyyaaraa deemnuyyuu wiilcheerii irra taa’etu ture.

Egaa sun anaaf gidiraa guddaa ture, guutummaatti naa fayyaa abdii jedhu qabaachuu baadhus, akka yeroo duraa waggaa muraasa yoo jiraate kan jedhunin isa fudhee deeme.

Garuu erga achi geenyee amma kaansariin sun akka duraa miti gatii taheef, yeroo wal’aansa baqaqsanii yaaluu gochuuf jennu narviinsaa waan miidhamuuf achumaan lubbuun darbuu danda’a naan jedhan.

Furmaatnisaa raadiyooteeraappiidha jedhan, hakiimni raadiyooteeraappii immoo dhiitoonsaa xiqqoo yoo irraa ka’e malee duudaa gatii taheef yaaliin carallaa kun keessa bahuu hin danda’u, kanaaf jijjiiramni hin dhufu naan jedhe.

Kanaan wal’aansi baqaqsanii yaaluu taasifameefi garuu yaalii booda hargansuu isaa dabalatee rakkoon wal-xaxaa tahaa dhufe.

Anis wajjin gidiraa arge, akka lubbuun naa hin oolle yeroon baru, Waaqni nagaan akka isa boqochiisu kadhachuun jalqabe. Dhumarratti lubbuunsaa darbitee, reeffa gara biyyaatti fidee dhufeen awwaalee jechuudha. Kana seenaansaa.

Ragaan dhaabbata fayyaa Ameerikaa Joohon Hopkiins akka agarsiisutti kaansariin sammuu kutaa sammuu kamirrayyuu biqiluu danda’a.

Kaansariin sammuu gosa kaansarii kaan irra adda kan tahu, yeroo baayyee qaama keessa faca’urra narviiwwan keenya murteessoo tahan miidhuun du’aaf nu saaxiluu mala.

Ameerikaatti ga’eessota 100,000 keessa 30 dhukkuba kanaan qabamu.