Hoggansi Taalibaan gariin dhimma mirga dubartootaa irratti mari'achuuf qophiidha - Qondaala Olaanoo UN

Madda suuraa, Getty Images
Dhorkaa Taaliibaan akka dubartootni Afgaanistaan jireenya hawaasaa keessatti hin hirmaanne dabarse kaasuu irratti jijjiiramni hammi tokko mula’teera jechuun qondaalli olaantuu UN himan.
Itti aantuun Barreessituu Waliigalaa UN Amiinaa Mohaammad, guyyoota afuriif Afgaanistaan erga daawwatan booda Taaliibaan murtee isaa irra deebiin akka ilaaluu qabu hubachiisaniiru.
Ji’a darbe, qondaalonni Taaliibaan biyyattii bulchaa jiran dubartootni dhaabbilee miti mootummaaf hojjechuu akka hin qabne murtee dabarsan.
Murteen kun ammo dhaabbileen deeggarsa namoomaa hedduun akka hojii isaanii biyyicha keessaa dhaaban taasiseeera.
Aadde Amiinaan xumura daawwannaa isaanii irratti BBC'tti akka himanitti, qondaalonni Taaliibaan ani wal arge mirga dubartootaa fi shammarranii irratti mari'achuuf qophii tahuu himaniiru jedhan.
Haa tahu malee, marichi baay’ee ulfaataa fi yeroo dheeraa kan gaafatu tahuu ibsan.
''Dhiibbaan nuyi taasifnee fi deeggarsi gochaa turre waan gaariidha jedheen yaada. Daawwannaan koo kunis kana caalaa sagalee kan kennuufi wal morkii keessaan taasifamu irrattis dhiibbaa gochuu danda’udha’’ jedhan.
Aadde Amiinaan hawwaasa idil adunyaa kaanis qeeqan. Sababni isaas mootummootni Islaamaa kaan dhimma kana irratti dhiibbaa gahaa tahe hin goone jechuudhaani.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggaa darbe erga aangoo deebisanii qabatanii as Taaliibaan ariitiidhaan ture mirga dubartootaa irra dhorkaa gurguddaa kan kaa’e.
Bulchiinsi isaanii si'a bara 1990 keessaa caalaa fooyya’aa tahuu fi dubartootaaf mirga kan kennu tahuu waadaa galanis hojiirra hin oolchine.
Shammarran yuunvarsiitii galanii akka hin baranne murtee dabarsuun kunis humna waraanaa isaaniin hojiirra oolaa jira.
Bulchiinsa adda addaa keessaa ammo maneen barnootaa sadarkaa lammaffaa shamarran akka hin baranneef cufameema jira.
Akkasumas dubartootni paarkii adda addaa fi jiimii seenuun ispoortii akka hin hojjenne dhorkamaniiru.
Dubartootni haala uffannaan walqabatee dhaabbilee miti mootummaaf akka hin hojjennes dhorkaniiru.
Dubbiin qondaala UN Amiinaa Mohaammad yerootti Afgaanistaan qorra hamaa keessa jirtutti dhagahame.
Bulchiinsi Taaliibaan ammoo hawwaasni idil-addunyaa qoqqobbii isaan irratti dabarsuufi bulchiinsa isaaniif beekamtii kennuu dhabuudhaan qeequ.
Amiinaan ammo qondaalonni Taaliibaan jalqaba duudhaalee akka idil-addunyaatti fudhatamoo tahan kabajuun kaka’umsa isaanii agarsiisuu qabu.
Bakka dubartootni Afgaanistaan hin gargaaramneef akka hojjetaniif hin eeyyamamnetti deeggarsi namoomaa hin kennamu jedhan.
‘’Qoollifannaan dubartoota irra gahaa jira. Kanneen akka hin mul’anne taasifaman, ammallee deebii eegaa jiru. Kun ammo tahaa hin jiru,’’ jedhan.
Yaadni Taaliibaan ammo UN fi dhaabbileen namoomaa kaan deeggarsa namoomaa kennuu ‘’dhimma siyaasaa taasisan’’ kan jedhudha.
Ministeerri Fayyaa Taaliibaan dubartootni damee fayyaa keessa hojjechuu akka danda’an ibseera.
Narsoonni fi hakiimonni dubartootni barbaachisoo tahuu himuun. Amiinaa Mohaammad garuu kun qofaan gahaa miti jedhan.












