Naannoo Gambeellaatti godaantonni 30 ta'an beelaafi haleellaa irra ga'uun du'an- Komishinii

Naannoo Gambeellaatti yoo xiqqaate godaantonni 30 ta'an beelaa fi haleellaa irratti raawwatamuun du'uu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) ibse.

Godaantonni nyaata barbaacha da'oo keessa jiraatan keessaa ba'anii wayita deemanitti haleellaan irratti raawwatamuu ibse komishiniin kun.

Komishinichi ragaa kana argachuuf jaarmiyaa dhimma godaantotaa fi namoota godaansarraa deebi'anii akkasumas bakka buutota godaantotaa dubbisuu ibseera.

Jaarmiyaan mirga namoomaa kun ibsa ALI Fulbaana 9, 2016 baaseen godaantonni naannoo Gambeellaa keessa jiraatan mooraa baqattootaa keessatti deeggarsi midhaan nyaataa irraa dhaabbachuu eere.

Sababa kanaan baqattoonni beelaa fi miidhaa yaaddessaa keessa jiru jedhe.

Baqattoota kuma 400 ta'aniif dawoo taatee kan jirtu naannoon Gaambeellaa deeggarsa qaamolee gargaarsaa garaagaraatiin jiraachifti.

Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa buufataalee baqattootaa kanneen akka Niguniyel, Tiirkiidee fi Kulee jedhaman keessatti deeggarsi namoomaa dhiyaachaa jiraachuu ilaalchisee hordoffii taasisuu ibse.

Buufata yoo xiqqaate baqattoonni kuma 112 keessa qubatanii jiran Niguniyel keessatti, erga Caamsaa darbeetii deeggarsi midhaan nyaataa akka dhaabbate ibse komishiniin kun.

Mooraan kun mooraalee baqattootaa naannocha keessa jiran keessaa isa guddaa yoo ta'u, keessattuu erga walitti bu'iinsi Sudaan Kibbaatti bara 2016 mudatee as lammiileen biyyattiirraa baqatan baayyinaan keessa jiraatu.

Baqattoota kuma 72 kan qabate mooraan Tiiyarkiidee fi mooraa baqattoota kuma 52 caalaniif dawoo ta'e Kulee keessatti erga Waxabajjii darbeetii deeggarsi midhaan nyaataa qaqqabee hin beeku jedhan komisihniin kun.

Mooraalee baqattootaa eeraman kunneenii fi kanneen biroo naannocha keessatti argaman keessatti rakkoo mudate kanaan walqabatee yeroo ammaa jireenyi baqattootaa yaaddoo keessa jiraachuu ibseera.

Godaantonni kun nyaata barbaachaf jecha bakka dahannoo isaanitiin alatti yeroo deemanitti haleellae akka irra gahu KMNI gabaasasaa keessatti ibseera.

Daandiiwwan buufataalen dahannoo godaantotaa kana mandarootafi magaalotaan wal-qunnamsiisurratti haleellaa raawwatuun hedduunsaanii akka du’an eera gabaasni kun.

Kanneen keessaa nyaata argachuuf jecha kaampii isaanitiin alatti osoo hataniifi milaammilchanii lubbuunsaanii kan darbe akka jiranis gabaasni KMNI kun ni ibsa.

Deeggarsi midhaan nyaataa dhaabbachuufi nyaati madaalawaan hanqachuurraa kan ka’e baay’en du’aniiru.

Biyyattii keessa bakkeewwan garaa garaa keessa kan jiran godaantotaa fi buqqaatotaaf deeggarsi namoomaa godhamu dhaabbachuufi walitti bu’iinsa bakkeewwan garaa garaatti itti fufuun haala qabiinsa namoomaasaanii waan gadi buusaa jiruuf akka isa yaaddesse KMNI ibse.

Biyyoonni godaantotaafi buqqaatota keessumsiisan nageenyasaanii mirkaneessuf itti gaafatamummaa qabaatanis, ba’aa isaanirra jiru hir’isuuf garuu deeggarsifi tumsi idil-addunyaa cimuu akka qabu KMNI ibse.

Deeggarsi dhaabbilee idil-addunyaa kanneen akka USAID, Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) fa’aa dafee akka eegaluuf waamicha dhiyeesse komishinichi.

Gamabeellatti walitti bu’iinsi akka haaratti eegale lubbuu lammiilee galaafachuu hordofee, mootummaan naannichaa gaafa Hagayya 13, 2015 ALI irraa kaasee daangaa yeroo sochii uummataa kaa’ee ture.

Waggaa tokko dura Addi Bilisa Baasaa Gambeellafi Waraanni Bilisummaa Oromoo waliin ta’uun magaala Gambeellarratti haleellaa bananii magaalattiin guyyootaf sochii malee turuun ni yaadatama.

Namoonni nagaan 40 olis ajjeefamanii turan.

Sudaan Kibbaa wajjin kan wal-daangessu Naannon Gambeellaa ji’oota dhiyoo as haleellaa addaa addaa keessummeessaa jira.

Naannichatti yeroo garaa garaatti haleellan sanyii bu’uura godhate kan gaggeeffamaa ture yoo ta’u, dabalataanis hidhattoonni Sudaan Kibbaarraa gara naannichaa seenun haleellaa ni gaggeessu.

Akka gabaasa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti godaantonni Sudaan Kibbaa kuma 300 ta’an Naannoo Gambeellaa keessa buufatanii jiru.