Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barattuun kollejjoota US 54tti simatamteefi carraa barnootaan dolaara mil.1.3 argatte maal gorsiti?
Daayaa Biraawuun shamaren ganna 18 yoo taatuu, Ameerikaa Joorjiyaa irraa koollejiiwwan hedduutti iyyata galfatte.
Waan gaarii dhagahuudhaaf abdataa turte. Gonkumaa kan waan saanduqa ishee keessa guute kana yaaddee hin beektu ture.
Innis koollejjiiwwan 50 ol iyyanni ishee fudhatama argachuu ilaalchisee xalayaa fi carraa isikolaarshiippii akka argatte ergaa itti ergani.
Amma barattoonni biroo akkuma isheetti carraa akka argatan gargaaruu barbaaddi.
Yeroo weerara koronaa vaayirasii Daayaa Biraawuun akkuma barattoota sadarkaa lammaffaa addunyaa maraa miliyoonaan lakkaa'amanii mana teesseedhuma barnootashee toora interneetiin fudhachaa turte.
Mana barumsaa sadarkaa olaanaa West Lake Atlaantaa Joorjiyaatti barachaa turte.
Garuu sana booda kolleejjii itti barachuu barbaaddu tarreessuuf murteessite.
“Kanan ittiin miliquudhan, ofii koon: 'Netflix cufuun waan gochuu qabnu karoorfachuu haa jalqabnu,'' jechuun Biraawuun BBC'tti dubbatte.
Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa keessatti jaalala gaazexeessummaa, walaloofi falmii qabdu kan argatte yoo ta'u, karoora daftee akka jalqabdu kan ishee gargaare hojiiwwan barnootaan ala ta'an irratti hirmaatte akka ta'e dubbatti.
''Addunyaan dhaabbattee jirti, garuu ammas egeree argachuu qabda jedheen hojii kanaatti fufe.”
Tarree manneen barnootaa ta'uu danda'an tolchuu waliin ta'uun, scholarship barbaaduu fi iyyachaa turte.
"Kolleejjiif kaffaltii kaffaluun anaaf filannoo ta'ee hin beeku," kan jette Biraawuun, warri ishee barnoota ishee deeggaruuf akka hin yaaddofne filannoo kennuu akka barbaaddu dubbatteetti.
Ji'a afur booda xalayaa fudhatama argachuu ishee qaqqabuu eegalte.
"Fedhatama kolleejjii 50 ol argadheera, scholarship adda addaatiin doolaara miliyoona 1.3 ol argadheera."
Garuu dhaabbata baayyee jaalattu irraa xalayaan ishee qaqabnaan, kan dhiyaateef hunda dhiifte.
"Manneen barnootaa 70 olitti iyyadheera. Garuu ergan Yunivarsiitii Duke'tti fudhatama duraa argadheen booda hedduu isaanii irraa of baasuun (withdraw gochuu) narra ture."
Shamarreen ganna 18 kun Yunivarsiitii Duke irra gargaarsa maallaqaa waggaa tokkoo fudhattee, birraa bara 2023tti barnoota miidiyaatiin waggaa jalqabaa ishee ni jalqabdi.
Akkasumas ‘The Gates Scholarship’ kan ganna keessa barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa xiqqaa US keessatti sadarkaa olaanaa qaban 300f kennamu irrattis dorgomtee xumuraati.
"Anaaf akka dhuunfaatti baayyee barbaachisaadha sababiin isaas scholarship biyyattii keessatti sadarkaa olaanaa qabu keessaa tokko waan ta'eef barnoota waggaa afuriif ni kaffalan," jetti.
Kanaaf, scholarship baay’ee guddaa akkasii argachuuf iyyachuun wanti baay’ee ulfaataa ta’e maali?
Kan nama ajaa'ibu Biraawuniif waraqaa hunda guutuu hin turre.
"Deebii eeguu natti fakkaata - sun hunda caalaa ulfaataa ta'uun isaa hin oolu. Garuu dhuma irratti obsuu na barsiise," jetti.
Amma Biraawuun barattoonni biroo galma barnootaa isaanii akka gahan gargaaruu barbaaddi.
"Dubartoonni biroo fi barattoonni biroo: 'yoo isheen gochuu dandeesse, ani nan danda'a' jedhanii akka dubbataniif kaka'umsa ta'uuf abdiin qaba," jetti.
Gorsa iyyata kolleejjii mo'achuu isan dandeesisu. Biraawuun wantoota sadii yeroo iyyattu ishee gargaaran gorsiti:
1. Gargarsa gaafachuu: "Gorsitootaa fi leenjistoota hojii waliin haasa'aa."Yeroo baayyee barattoonni qamoota beekumsa qaban isaan bira jiru gaafachuu sodaatu.Manneen barnootaa hunda keessa namoonni kan jiran yoo ta'u hojiin isaanii si gargaaruu qofa".
2. Qindaa'aa ta'uu qabda: "Kun adeemsa baayyee namatti ulfaatu, sodaachisaa fi kan jeequmsaa ta'uu danda'a."Waltajjii iyyannoo kee hunda itti tarreessitu uumi.Barreeffamoota walfakkaatan irra deebitee fayyadamuullee dandeessa. Garuu kolleejjii iyyattutti sirreessuu dandeessa."
3. Hojiiwwan barnootaan ala ta'anin of gurguruuf fayyadami: "Sochiiwwan barnootaan ala ta'an eenyu akka taate kolleejjii itti iyyattuuf ibsu gargaaru."Akka nama tokkootti si ilaaluu barbaadu.
Akkasumas, sochiiwwan kee fayyadamii waa'ee eenyummaa kee, fi maal gochuu akka barbaaddu caalaatti baruuf."
Biraawuun kolleejjii jalqabuuf yeroo qophooftu duubatti hin deebitu. Yeroo ammaa kana dhaabbata mataa ishee kan yeroo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa turte uumuu dandeesse hojjechaa jirti.
Kaayyoon dhaabbata ishee walaloo, muuziqaa, aartii fi fiilmii dargaggoota umrii kurnanii fi dargaggootan uumaman beeksisuuf akka ta'e dubbatti.
"Yeroo tokko tokko 'Maaliif kana godha? jettee of gaafatta. Garuu yaadachiisi: ‘jireenya namootaa jijjiiruuf yaalaa jirta, sun immoo gaarii’ jechuudha.Dhiibbaan itti fufuu qabda."