Waraanni Sudaan laaboraatoorii qorannoo biyyaalessaa balaaf saaxiluu danda'a- WHO

Waraana Sudaan keessa jiruun Laaboraatorin Fayyaa Hawaasaa Biyyaalessaa Sudaan Kaartum jiru "balaa baayolojikaalii cimaaf" saaxilamuu danda'a jechuun Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) akeekkachiise.

Hojjattoonni Laaboraatoorii Fayyaa Hawaasaa Biyyaalessaa seenuu akka hin dandeenye ibsuun, qaama laaboraatoorii kana harkaa qabu adda hin baasne jedhe WHOn.

Magaalli Kaartum lola garee Humna Addaafi Humna Waraana Sudaan gidduutti gaggeeffamuun raafamaa jirti.

Lolli kun erga eegalee amma torban lammaffaa qabatee jira. Humna ibsaafi bishaan argachuun rakkisaa ta'ee jira.

Humni ibsaa adda cituun ammoo keemikaalota laaboraatoorii keessa jiran to'achuun rakkisaafi balaan baayolojikaalaa cimaan akka uumamu godha jechuun qondaalli WHOn BBCti himan.

Akka qondaalli kun jedhanitti laaboraatoorii biyyaalessaa kana keessa qabiyyeewwan keemikaalaafi baayolojikaalaa heddutu kuufamee jira.

Akkasumas paatojiiniwwan gifiraafi koleeraa dabalatee keemilaalota balaa cimaa uumuu danda'antu laaboraatooricha keessa jira.

Gama biraan ammoo humni ibsaa baduun dhiigni laaboraatoorii keessa jiru akka faalamuufi namoonni dhiigni isaan barbaachisu rakkachuu akka malan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa yaaddoo qabu ibse.

Laaboraatoorin kun bakka lolli cimaan itti gaggeeffamu buufata xayyaaraa Kaartum keessa jirurraa fagoo hin jiru.

Biiron gidddu galeessaa Humna Waraanaa Sudaanitti baay'ee dhiyaachuunsaa ammoo caalmatti balaa dhukaasaf laaboraatoorii kana akka saaxilu WHOn yaaddoo qabu ibse.

Gama biraan bakki lolli cimaan itti gaggeeffama jru: buufanni xayyaaraafi biiron gidddu galeessaa Humna Waraanaa Sudaan bakka namoonni heddumminaan jiraatanitti dhiyaachunsaa balaa hedduuf namoota saaxilaa jira.

Bu'uuraalee fayyaa Kaartum jiran keessaa harka nuusa kan ta'u qofaatu tajaajila fayyaa kenna.

Sababa waraana kanaan ogeeyyin akkatti deemanii nama yaalan hin qaban; adda ciituun humna ibsaa, hanqinni dhiyeessii qorichaafi wantoota wal-dhaansaf barbaachisaanii ammoo rakkinicha akkaan hammeessera.

Ministeerri Fayyaa Sudaan akka jedhetti bu'uuraalee fayyaa Kaartum jiran keessaa 36% qofaatu tajaajila kennaa jira.