''Mariin WBO fi Mootummaa nuuf boqonnaadha''- jiraattota

Mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ‘ABO-Shanee’ jedhee waamu gidduutti mariin nagaa biyya Tanzaaniyaa odola Zaanzibaar irratti eegalameera.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad (PhD) Dilbata Ebla 23, 2023 ture kan ifatti mootummaan isaanii WBO waliin marii eegaluuf ta’uu dubbatan.

Haasaa isaanii kana hordofees ibsa kan baase WBOn tarkaanfiin kun nageenya buusuuf murteessaa ta'uu himee ture.

Murtee qamooleen lamaan kunneen waliin mariif taa'uuf taasisan kana ilaalchise, miirri hawaasaa mal fakkata kan jedhu hubachuuf BBC’n jiraattota Oromiyaa lixaa tokko tokko dubbiseera.

Haaluma kanaanis jiraataan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa tokko “uummanni baayyee gammadeera,” jechuun BBC’tti hime.

“Uummanni dararameera, buqqa’eera, kanaafuu mootummaan gara kanatti dhufuu fi jarri mormanis kana fudhachuu isaanii yemmuu dhageenyu dhugaadha hin seene, baayyee gammadne,” jedhu.

Maatii awwaallachuu dadhabuu, qabeenya ofiitti fayyadamuu dadhabuufi ba’anii galuuf sodaachuu dabalatee uummanni rakkoo cimaa keessa ture jedha jiraataan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuu kun.

“Uummanni kanarraa aara galfachuu danda’uu isaatti gammadeera,” jechuun dubbateera.

“Akka inni milkaa’uuf kadhanna,” jedha jiraataan Shaambuu kun.

Kutaalee Godina Horro Guduruu Wallaggaatti haleellaa yeroo adda addaatti raawwachaa tureef mootummaan Itoophiyaa hidhattoota WBO himachaa turuun isaa ni beekama.

WBO ammoo ibsa yeroo gara garaatti kennuun himannaa mootummaa kana waakkachaa tureera.

Uummanni naannichaa qe’ee irraa buqqa’aa, dararamaafi rakkoo adda addaaf saaxilamaa ture, waltajji argate hundatti “adaraa nuuf araramaa” jechuun qamoota lamaan gaafachaa akka ture jiraataan kun BBC’tti hime.

Marii kana booda qaamni lamaanu, ''nagaa buusanii, namnis hojii isaatti, gara qe’ee isaatti ni deebi’a,” abdii jedhu akka qaban jiraataan Shambuu kun ibsaniiru.

'Sabni aara galfata'

Magaalaa Gimbii irraa jiraattuun BBC’n dubbise gama isheen, waliigalteen kun yaada gaarii ta’uu isaa ibsuun, gaaffi WBO yeroo dheeraaf tureefis deebii kan kennu ta’uu akka qabu ibsiteetti.

“Mariin kun maree dhugaa, akka isa kanaan dura gowwomsaa yoo hin taane gammachuutu nutti dhaga’ama,” jetti.

Namootni qe’ee isaanirra buqqa’uurra, lubbuun namaa darbuurra nagaan yoo jiraate akka ishee gammachiisus himteetti.

Waldhabeen yoo qaama lamaan kana gidduttii uumame “waraanni mootummaa aarii WBO dhufee asitti si ajjeesee sibira darba,” kan jettu jiraattuun kun araarri yoo bu’e sabni aara galfata jechuun ibsiteetti.

Dabaluunis, “araara callisee utuu hin taane fedhii WBO’s yoo galma ga’edha uummani keenya kan gammadu,” jetti.

''Gaaffiin abbaa biyyummaa WBO biraa dhufaa ture mirkaanaa’uun isaa fedhii Oromoodha,'' jettee akka yaaddus himun, araara kanaan sun dhugoomfamuu akka qabus yaada kenniteetti.

Magaalaa Shambuu irraa jiraataan biraa BBC’n dubbise, araarri kun keessuma jiraattota Wallaggaaf gamachuu guddaa ta’uu akka malu ibsaniiru.

“Mariin kun jijjiirama guddaa, aaragalfii guddaa ni fida jennee yaadna,” jedhu.

Keessumaa hawaasa baadiyyaa kan dhimmi isaanii miidiyaa irratti hin beekamne rakkoo guddaa keessa jiraniif mariin kun jijjirama fiduufi akka malus ibsaniiru.

Mariin kun garuu “faayidaa uummataa irratti utuu xiyyeefatee gaaridha,” jechuun yaada isaanii kennaniiru.

ABO-WBO erga Addi Bilisummaa Oromoo Ertiraa irraa gara biyyaatti galee gara qabsoo nagaatti deebi'uuf ''mootummaa irraa amantaa hin arganne'' jechuun paartii duraan jalatti beekamu ABO irraa adda bahuun bosonatti hafee mootummaa Itoophiyaa waliin wal waraanaa turedha.

Waggaa afur dura irra caalaa Kibbaa fi Lixa Oromiyaa keessa socho'aa kan ture humni WBO kun dhiyeenya gara godinaalee Oromiyaa kaaniittis babal'achuun mootummaa waliin wal waraanaa jira.