'Qabamneerra kana booda waan taanu hin beeku, nagaatti naan jedhe'- Maatii barsiisaa Wallootti ajjeefamee

Barsiisaa Efreem Indaaluu

Jimaata darbe Guraandhala 23, 2024 barsiisonnii fi namoonni biroo Finfinnee irraa gara Walloo Kamisee imalaa turan konkolaataa keessaa buufamuun ajjeefamuun isaanii ni yaadatama.

Barsiisota yeroo boqonnaatif gara Finfinnee maatiisaanii biratti dabarsuun yeroo barnoonni egaluuf jedhu gara bakka hojii isaaniitti osoo deebi’aa jiranii ajjeefaman keessaa tokko barsiisaa Efreem Indaaluu jedhama.

Efreem dhalatee kan guddate naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Lixaa aanaa Najjoo Ganda Waggaarii Bunaa jedhamutti.

Barsiisaan kun Godina addaa Saba Oromoo aanaa Harxummaa Fursiitti kanneen barsiisummaan tajaajilaa turan keessaa tokko ture.

Maatiin barsiisaa kanaa haala ajjeechaa sanaa, haala maatiifi miidhaa isaanirra gahe BBCtti dubbataniiru.

Maatiin waan jedhan

Aadde Eebbisee Magarsaa haadha warraa barsiisaa Efreem yoo taahan, ijoollee lamas waliin horataniiru. Isaanis yeroo dheeraaf hojiidhuma barsiisummaa kana abbaa warraa isaanii waliin Godina addaa Saba Oromooti hojjechaa akka turan dubbatu.

Haalli nageenya naannichaa tasgabbii dhabuufi miidhaa irraa deddeebiin isaanirra gaheen achitti hojiin itti fufuun ulfaataa taanaan yeroo dhihoo keessa hojii isaanii gadhiisanii gara giddugaleessa biyyaatti dhufan.

“ALI bara 2014 irraa kaasee haalli ture baayyee ulfaataadha. Lola Oromoo fi Affaar jidduutti tureerrattis baayyee miidhamne. Waan qabnu hundas saamamne. Yeroo hidhattoota naannoo Amaaraa waliin lolli uumamus irra deddeebiin saamichii fi miidhaan nurra gahaa ture” jedhu haala bakka hojiisaaniitti isaan mudataa ture yoo ibsan.

Aadde Eebbiseen Abbaa warraa isaanii waliin mari’achuun ijoollee isaanii lamaan waliin achii godaananis abbaan warraa isaanii barsiisaa Efreem garuu achumatti hojii itti fufanii ture.

“Boqonnaadhaaf barnoonni cufamee jennaan anaafi ijoollee dubbisuuf dhufee nu bira ture. Barnoonni jalqabamuuf jennaan hojiisaatti deebi’iuuf ture kan gaafa Gurraandhala 13 bara 2016 Finfinneerraa gara Kamisee deeme,” jechuun waa'ee guyyaa sanaa yaadatu.

Ergaa haadha warraaf dhaamee fi ajjeefamuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barsiisaa Efreem waahilootasaa waliin Guyyaa Kibxataa konkolaataa Otobisiin Finfinneerraa gara Kamisee ganamaan imala jalqaban.

Obboleessa Efreem quxisuun, Fayyisaa Indaaluu gama saatiin, hidhattoonni Faannoo konkolaataa isaanii kana dhiheenya magaala Shawaa Roobit bakka Dabra Siinaa jedhamutti dhaabsisuudhaan haleellaa sabummaa irratti xiyyeeffate raawwatan jedha.

“Obboleessikoo kunis ta’e barsiisonni isa waliin ajjeefaman kaan wanni ajjeefamaniif sababuma Oromummaa isaanitiif malee yakka hojjetan tokkollee hin qaban,” jedha.

Haati warraa barsiisaa Efreem Aadde Eebbiseen ammoo, Efreem battala hidhattoota Faannoo kanneenii qabametti bilbileefii waan keessa jiru itti dubbachuu himti.

“Gaafa 13 guyyaa keessaa naannoo sa’aatii 6tti yoo ta'u qaama hin taaneen qabamanii miidhaan kun irra gaheera. Akkuma qabameen naaf bilbilee ture. Qabamneerra waan ta’eef wanni ta’u hin beekamu chaw naan jedhe,” jechuun haala keessa turan irraa ka'uun maatiitti dhaamsa dhumaa dhaamuu dubbatu.

Erga qabamanii addatti foo’amanii boodas bilbiluma jara isa qabeetiin bilbiluun “qabamnee harkumasaanii jirra. Ammaaf jirra. Kana booda waan ta’u hin beeku” naan jedhe kan jedhan haati warraasaa barsiisaa Efreem, ergasii sagaleesaa akka hin dhageenye himu.

Barsiisonnii fi namoonni konkolaataa kana keessaa buufamuun ajjeefaman jedhaman saddeeti guyyaa Kibxataa erga hidhattoota kanaan qabamanii booda ajjeefamuun reeffisaanii kan argame garuu guyyaa Jimaataati.

“Erga qabamanii dararaa akkamii keessa akka turan wanti beeknu hin jiru. Garuu guyyaa lama harkumasaanii turan. Eessa akka tursiisanis hin beeknu,” jedha Obboleessi Barsiisaa Efreem, Fayyisaan.

Ajjeefamuun obboleessasaa kanaas maatiin kan dhagahan hiriyoonnisaa waliin hojjetan erga adda baasanii booda bilbilanii isaan irraa akka dhagahnis hima.

“Qaamni nageenyaa erga achi gahee booda aanichatti bilbilanii hiriyoonni isaanii ammoo bilbilanii nutti himan. Reeffa isaas nuuf hin ergine achumatti awwalaman,” jedhan.

Barsiisaa Efreem abbaa ijoollee dubaraa lama kan umurii wagga 3 fi 2 ta’anii akka turan kan himan haaati warraasaa Aadde Eebbiseen, ajjeefamuun abbaa warraasaanii humna kootiin ijoollee kana guddisuu waanin hin dandeenyeef rakkoo keessa nagalcheera jedhu.

Efreem namoota saddeet konkolaataa keessaa buufamuun ajjeefama keessaa tokko yoo ta’an, maatii isaaniitiif mucaa hangafaa ture.

Harmeen barsiisaa Efreem kan ijaan hin argineefi obbolaa quxisuuwwan isaas isumatu gammoojjii keessa jooree gargaaraa ture jedha obboleessisaa Fayyisaan.

Dhibdee siyaasaatiin naannoo Amaaraatti Oromoota Walloo fi hidhattoota Faannoo gidduutti haleellaa yeroo adda addaatti raawwatamuun miidhaan namoota nagaa irra yoo gahu kan miilanaa kun kan jalqabaa miti.

Ammaan duralleen bara 2021 hidhattoonni Faannoo kunneen namoota wallaansaaf ambulaansiin gara buufata fayyaa deemaa turaniifi dhukkubsachiiftoota waliin turan ambulaansii keessaa buusuun gareedhaan ajjeechaa raawwachuun isaanii ni yaadatama.

Haleellaa Jimaata darbe barsiisota hojiif deemaa turanirratti raawwatame hordofuun mootummaan federaalaa sochii daandii Guddicha gara Dasee geessuu kana yeroodhaaf daangesseera.

Haata'u malee, ajjeechaa namoota nagaarratti raawwatame kana ilaalchisuun mootummaanis ta'e dhaabbiilee mirga namoommaaf falman kamuu irraa wanti jedhame hin jiru.

Jiraataan Godina addaa Saba Oromoo aanaa Harxummaa Fursii irraa BBC’n ajjeechaa kana ilaalchisuun dubbise akka jedhutti, haleellaa barsiisota kanneen irratti raawwatame kanaan booda haalli nageenya naannichaa yaaddessaa ta’eera.

Hidhattoonni Faannoo ammayyuu aanicha qarqara bakka adda addaa qubaatanii akka jiranis himu jiraataan yaaddoo cimaa keessa jiraachu kaasan.

Mootummaafi qaamni dhimmisa ilaallatu akka furmaata barbaaduf gaafatan.