Qondaalli kubbaa miilaa Ispeen taphattuu hidhii keessa dhungatan aangoo gadhiisan

Pirezidantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ispeen Luwiis Ruubiiyaalees kan taphattuu gareen biyyaaleessaa dubartoota Ispeen, Jeenii Heermoosooniin hidhiirra dhungatanii turan aangoo gadhiisan.

Taphattuu umuriin waggaa 33, Heermoosoon hayyama ishee malee akka ishii dhungatan himuun, Kibxata himannaa banuunshee ni yaadatama.

Ruubiiyaalees pirezidantii Federeshiinii yeroo kan ta’an Peediroo Roochaatti xalayaa aangoo gadhiisuu galfachuu himan.

‘‘Hojiikoo itti fufuu hin danda’u,’’ jechuun gaazexeessaa Ingilaand Piirs Morgaanitti dubbataniiru.

Ga'eessi umurii waggaa 46 Koree Hojii Raawwachiiftuu Waldaa Kubbaa Miilaa Awurooppaa keessaas hojii gadhiisaniiru.

Ruubiiyaaleesiin taphattuu dhungachuu isaaniitti mormii cimaan kan isaan mudatee ture yoo ta’u, irra deddeebiin aangoosaanii akka gadhiisaniif gaafatamanii diduun isaanii ijoo dubbii ta’ee ture.

Heermoosoon hayyamakoo malee na dhungatan jechuu ishee hordofee Jimaata darbe mana murtii olaanaa Ispeeniitti Ruubiiyaaleesiin, miidhaa saal-quunnamtiifi dhiibbaa irraan gahuun himannaan irratti banamu akka danda’u beeksiise.

Ruubiiyaalees ammoo 'hayyamasheefi waliigalteenan' dhungadhee jedhanilleen, bulchaan kubbaa miilaa idil-addunyaa - Fifa’n yeroo hin murtoofneef aangoorraa isaan dhorkeera.

‘‘Sababii Fifa’n murtee battala taasiseen akkasumas himannaawwan warra kaaniin narratti banameetiif gara aangootti waanan hin deebiineedha’’ jedha ibsi Ruubiiyaalees kennan.

‘‘Aangoorra turuuf murteessuunkoo karaa kamiinuu federeshinicharraas ta’e Kubbaa Miilaa Ispeenirraa deeggarsa nan dhabe.’’

Aangoo gadhiisuun isaanii kunis Ispeen kan bara 2030'tti Waancaa addunyaa Poorchugaaliifi Morookoo waliin taphachuuf qopheessuuf oduu gaarii ta’a amantaa jedhu qabaachuu ibsan.

‘‘Ijoolleenkoo dubaraa fi maatiinkoo akkasumas namoonni na jaalatan sababii balaa narra gaheetiin rakkataniiru.

''Himannaan sobaafi haala malee narratti dhiyaatulleen, guyyaa gara guyyaatti dhugaan ifa ta'uunsaa hin hafu,’’ jedhan.

Taphattoota 23 waancaa addunyaa injifatan dabalatee, miseensonni kubbaa miilaa Ispeen 81 Ruubiiyaalees osoo aangoorra jiranii garee biyyaaleessaatiif hin tapahannu jedhaniiru.

Leenjiisaan Garee Biyyaaleessa Dubartootaafi waahila Ruubiiyaalees kan ta’an Hoorgee Viildaa ari'atamuun bakka saanii Moontisee Toomee mudamaniiru.

Namoonni siyaasaa, taphattoonni kubbaa miilaa fi namoonni bebbeekamoon ifatti Ruubiiyaalees qeeqaniiru.

Ji’a darbees namoonni seeraa waajjira mummee Federeeshiniitti argamuun namtichi aangoorra akka bu’uuf gaafatanii ture.

Dhummarrattis aangoorraa maaliif buu’uf akka murteessan Piirsi Moorigaan gaazexessaan Ingiliizi yeroo gaafateetti, sababii gorsa maatiifi hiriyoota isaaniitiin kennameefiin akka ta’e dubbataniiru Ruubiiyaalees.

‘‘Ijoolleenkoo dubaraafi abbaankoo na dubbisaniiru. Dhimmichi waa’eekoo miti.

''Hiriyyoonikoo dhihoos ‘waa’ee ulfinaafi jireenya gara fuulduraa yaaduu qabda. Jireenya namoota jaalattuu balleessuu keeti’ naan jedhan,’’ jedhaniiru.

Manni murti olaanaa Ispeenis ragaawwan dhiyaatan walitti qabuun Ruubiiyaalees irratti himannaa ni bana jedhamee eegama.

Miidhaan saal-quunnamtii haala seera Ispeeniin addabbii maallaqaatii kaasee hanga hidhaa wagga 14 gahu adabsiisuu danda’a.