Joonii Deep himannaa maqa-balleessoo haadha warraasaa duraaniin dolaara mil. 15 mo'ate

Madda suuraa, Reuters
Tibba kana dubbii ijoo miidiyaa idileefi hawaasummaa addunyaa kan ta'e falmiin mana murtii taatoowwan beekamoo Holywood Joonii Deep fi haadha warraasaa duraanii Hamber Haard amma furmaata argateera.
Hamber Haard abbaa warraashee duraanii Joonii Deep himannaa hacuuccaa mana keessaatiin himattee kan turte yoo ta'u, inni garuu gocha akkasii akka isheerratti raawwatee hin beekne waakkateera.
Taatoon beekamtii guddaa qabu kun haadha warraasaa duraanii kana maqaa na balleessiteetti jechuun miidhaa maqa-ballessii kanaaf ammoo beenyaa dolaara miliyoona 15 gaafatee mana murtii irratti mo'ateera.
Hamber Haard ammoo abokaatoo Deep maqaa na balleesseera jechuun isheenis beenyaa dolaara miliyoona lama argatteetti. Taatoowwan Holywood keessatti gurra guddaa qaban kunneen bara 2017 keessa ture kan gaa'ela waliin ijaarratan diigan.
Dhaddachi kutaa bulchiinsaa Ameerikaa Verjiiniyaa keessatti gaggeeffame kun torbanoota ja'an darbaniif falmii gama lachuu dhaggeeffataa tureera. Lammileen Ameerikaa dhimmoota gurguddoo addunyaa kan akka waraana Yukireen fi murtee ulfa baasuu ittisuu waltajjii addunyaa qabatee jiru caalaa oduu abbaa warraafi haadha warraa duraanii kanaan qabamanii jiru.
Falmiin mana murtii yeroo gaggeeffamaa turetti miidiyaa hawaasummaa irratti kallattii yeroo tamsa'utti namoonni biliyoonaan lakkaa'aman daawwachaa turaniiru.
Abbootiin seeraa dhimmicha ilaalanis saatii dheeraatiif erga mariyataniin booda gaafa Roobii oduu 'maal ta'inna laata' jedhamee hawwiin eegamaa ture kan labsan.
Hamber Haard waa'ee gaa'ela ishee kan dubbatte "sobadha" kana kan gootes "ta'e jettee" akka ta'e himeera manni murtichaa.
Gama biraan ammoo abokaatoo Joonii Deeppiin maqaan ishee badeera kan jedhamte Hamber Haard, beenyaan dolaarri miliyoona lama murtaa'eeraaf.
Dhaddachi miseensota torba of keessaa qabu kun yeroo murtee isaa dhageesisetti, namoonni kutaa dhaddachichaa alarraa "Joonii, Joonii,..." jechuun sagaleen gammachuu qaban ibsachaa turaniiru.
Joonii Deep murtee isa dhumaa dhaga'uudhaaf mana murtiitti argamuu hin dandeenye jechuun abokaatoon isaa ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mana-murtiitti abokaatoo isaa waliin dhiyaatee torbanootaaf falmaa kan ture Joonii Deep, Yunaayitid Kingidam keessatti hiriyyaa isaa lammii Ingiliz muuziqaan beekamtu waliin osoo gitaara taphatuu mul'ateera.
Murtee kennameen boodas ibsa kan baase Deep, "Dhaddachichi jireenya kiyya deebisee naaf kenneera. Dhugaatti kabaja guddaatu anatti dhaga'ame," jedheera.
Itti dabaluunis, "Dhugaan yoomillee hin duutu," jechuun ibsa isaa goolabeera.
Abbootiin seeraa ammoo maallaqa dolaara miliyoona 15 isaaf murtaa'e gara miliyoona 10.4tti akka gadi xiqqaatu murteessuun isaanii dhaga'ameera.
Yeroo murteen sun dubbifamutti miira gaddaatiin fuulli ishee dukkanaa'ee dhaggeeffachaa kan turte Taatoo Hamber Haard ammoo, "onneetu na cabe" jetteetti.
"Dhaddachichi ragaa ani dhiyeesse ilaalcha keessa hin galchine," jetteetti Hamber murtichaan booda ibsa baasteen.
"Caalaa kan ana aarsu murteen kun dubartoota birootiif maal akka ta'e yeroon yaadudha. Akka waan gara duubaatti deebiyaniiti. Bara dubartoonni jabinaan addabaabaayiitti bahanii dubbatan akka qaana'an gochuutti akka deebiyuuti kun."
Dubbi himaan Hamber Haard ammoo ol iyyannoo akka gaafatan beeksisaniiru.
Murteen gaafa Roobii kun Joonii Deeppiif oduu guddaadha.
Waggaa lamaan dura gaazexaan Biritish 'Ze Saan' Joonii Deep nama "haadha warraa isaa reebudha" jechuun baasee ture.
Haata'u malee, Joonii Deep dhaadha warraasaa duraanii kana maqaa na balleessiteetti jechuun kan himate kan gaazexaa 'Waashingiten Post' irratti ba'eenidha.
Deep maqaan kiyya waan na badeef beenyaa dolaara miliyoona 50 na barbaachisa jechuun ture kan himate.
Hamber kitaaba mata-duree, "Dubartii Beekamtuu Hacuuccaa Mana Keessaa Bakka Buutu" jedhuun maxxansiifte keessatti maqaa Joonii Deep kaasuu baattullee inni garuu kitaabni kun hojii kiyya keessatti gufuu anatti ta'eera jedheera.
Hamber Haard himannichi erga ishee qaqqabeen booda dabaree isheetiin beenyaa dolaara miliyoona 100 ta'u anaaf mala jechuun himatteetti.
Deeppiifi Hamber fiilmii 'Ze Raam Dayaarii' jedhamu yeroo hojjetaa turanttidha kan wal argatan.
Bara 2011 michummaa jaalalaa kan jalqaban haati warraafi abbaan warraa duraanii kunneen bara 2015 ammoo gaa'ela ijaarratanii ture.














