Kaardaashiyaaniifi West erga wal hiikanii booda ijoollee waliin guddisuuf waliigalan

Kiim Kaardaashiyaan fi Keeniyaa West bara 2020

Madda suuraa, Getty Images

Keeniyee West fi Kiim Kaardaashiyaan erga wal hiikanii booda ijoollee waliin hortan afran waliin guddisuuf walii galan.

Dubartii agarsiisa TV irratti beekamtuu taateefi biizinasii gara garaa kan akka meeshaa miidhaginaafi beeksisaan duroomte Kiim Kaardaashiyaan torban darbe keessa tarree biliyeeneroota addunyaatti makamteetti.

Keeniyee West ammoo raapperii beekamaa yommuu ta'u, innis qabeenya horateen tarree warra dureeyyii keessatti argama.

Kiim Kaardaashiyaan abbaa warraa ishee Keeniyee West waggaa torba gaa'elaan waliin turte waliin wal hiikuudhaaf Guraandhala 19, himannaa banteetti.

West amma ijoollee waliin guddisuuf walii galuun isaas deebii himannaa isheen dhiyeessite kanaati jedhameera.

Himannaa gaa'ela waggaa torbaa kana dhiisuuf dhiyeeeffataniin lamaanuu garaa garummaa fayyuu hin dandeenye akka qaban walii galaniiti.

Kana malees, ijoollee isaaniitiif malee walii walii isaaniitiif gargaarsa akka walirraa hin eegne waliif galaniiru.

West fi Kaardaashiyaan ijoollee durba lama - Noorz fi Chikaagoo jedhaman umuriin isaanii waggaa torbaafi sadii ta'an, akkasumas ijoollee dhiiraa Sayint fi Saalm jedhaman umuriin isaanii waggaa shaniifi lama ta'an waliin qabu.

Akka himannaa gaa'ela hiikuu Kaardaashiyaan dhiyeesitetti, turtii isaanii gaa'elaa keessatti qabeenya isaanii osoo walitti hin makiin tursiifataniiru. Kanas kan godhan bu'uura waliigaltee qabeenya adduma addaan hortan gargara tursiifachuu jedhuun ture.

Odeessaaleen biroo kana waliin deeman:

Jarri lamaanuu addunyaarratti namoota beekamoo kan ta'aniifi mirgoota isaanii kabachiifachuufis hedduu namoota milkaa'anidha.

Gaa'elli isaan lamaan gidduu tures gaa'ela hunda caalaa addunyaarratti namni xiyyeeffannoo itti kennuun hordofudha.

Kaardaashiyaan dubartii umuriin ishee waggaa 40 guute yommuu taatu, bara 2007 keessa agarsiisa TV waa'ee maatiishee irratti fuulleeffatuun gurra horatte.

Agarsiisa TV kana irrattis ishee qofa osoo hin taane obbolaanshee dabalatee beekamtii ittiin horataniiru.

Agarsiifni TV kun bara sanarraa eegalee hedduu beekamaa kan ta'e yommuu ta'u, kutaa dhumaa isaa TV E! jedhamurratti bara dhufu dhiyeessa.

Kiim Kaardaashiyaan fi Keeniyee West bara 2019

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kiim Kaardaashiyaan fi Keeniyee West bara 2019

Umuriin isaa ganna 43 kan ta'e West ammoo industirii muuziqaa addunyaa keessatti hedduu kan beekamu ta'ee, sirboota akka Stronger, Jesus Walks fi Gold Digger jedhamaniin tarree duraa qabachaa tureera. Diyaazinii faashinii hedduu milkaa'aa ta'es hudeeffateera.

Bara darbe keessa, West pirezedaantummaa US dorgomee hin milkaa'iin hafeera. Yeroo duula gaggeessaa turettis, amala hin baramiin walitti aansuun yeroo waltajjiitti ba'aa ture inni agarsiisuufi toora interneetaa irratti inni maxxansaa ture yaaddoo uumuun hanga Kaardaashiyaan baatee dubbatutti geessiee ture.

Isheenis yeroo sanattti abbaan warraa ishee dhibee sammuu 'disorder' jedhamu akka qabu himte. Rakkoon sammuu akkasii kun nama akka malee cimaa garuu amala walxataa qabaatu jechuudha. Kanarraa ka'uun Kaardaashiyaan, ummanniifi miidiyaan rakkoo isaa kana akka cimsanii hubataniifillee dhaamteetti.