Kiim Kaardaashiyaan dabalatee namoonni beekamoo lagannaa Feesbuukiifi Instaagiraamiirraa jiru

Madda suuraa, Reuters
Kiim Kaardaashiyaan dabalatee namoonni beekamoo biroollee tamsa’ina odeeffannoo sobaafi olola mormuuf miidiyaa hawaasaa isaanii fayyadamuu akka lagatan beeksisan.
‘’Odeeeffannoon sobaa miidiyaa hawaasaa irratt gadhiifamu dhibbaa guddaa qaba,’’ jetti Kaadaashiyaan Weest.
Tarkaanfiin isaanii kun qaama duula #StopHateforProfit –jibba bu’aaf gootan dhaabaa rogeessota mirgaaf falmaniin qophaa’eti.
Namoonni beekamoon kunneen Roobii har’aa sa’atii 24f miidiyaa hawaasaa isaanii hin fayyadaman.
‘’Miidiyaaleen hawaasaa kunneen jibba, ololaafi oduu sobaa facaasuun Ameerikaa yoo qoqqoodan callisee hin ilaalu,’’ jette Kiim.
Namoonni beekamoo kanneen taatoo Li’oonaardoo Diikaapriyoo, Saachaa Baaroon Kooheen,Jeenifar Laawreens fi sirbituun Keetii Peerii duula kanatti makamaniiru.
‘’Jibbaafi oduu sobaa yeroo tamsaasan ija dunuunfadhee taa’uu hin danda’u,’’ jetti Peeriin
Taatoon Ashtoon Kuuchar,hordoftoota miiliyoonaan lakkaa’aman kan qabu,’’miidiyaaleen hawaasaa kunneen jibba tamsaasuuf miti kan kalaqaman,’’ jedha.
Warreen duula #StopHateforProfit qindeessuun baatii Waxabajjii keessa jalqaban Feesbuukii fi Instaagiraam haasaa jibbinsaa fi oduu sobaa dhaabuuf hanga isaan irraa eegamu hin hojjenne jechuun komatu.
Gareen duulaa kun dhaabbata Feesbuukii Instaagiraamiifi WhaatsApp dhuunfatu irratti xiyyeefatan, dhaabbatichi waggaa darbe beeksisarraa qofa galii doolaara biiliyoon 70 galcheera.

Madda suuraa, Getty Images
Daldaloota kumaan lakkaa’aman dabalatee gareewwan mirga siiviilii-kaneen akka Waldaa Biyyaalessaa Guddina Uummata Gurraachaa(NAACP) fi Liigii Farra Maqaa Balleessii dabalatee duula kana deeggaruun mallatteessaniiru.
‘’Filannoo Ameerikaa dhiibbaa seenaa keenyatti garaagarummaa fiduu danda’utti dhiyaachaa jirra,’’ jedhan gareewwan kunneen.
‘’Jijjiiramni Feesbuukiin fidaa jiru kan hin mirkanoofne gatii taheef dimookiraasii keenya tiksuu dadhabaa jira,’’ jedhan.
Waxabajjii keessa Feesbuukiin odeeffannoo sobaa fi miidhuu danda’u mallattoo akka irra kaa’u ibsee ture.
Hundeessaan Feesbuukii Maark Zuukarbarg,beeksisa miidiyaa hawaasaa,’’sanyii,saba amantii,filannaa saalaafi koorniyaafi godaantummaa isaaniin,’’ qoodu nan uggura jedhee ture.














