Weellisaa Zarihun Wadaajoo: 'Amma rakkadheen harka uummatakoo eegaa jira'

Weellisaa Zarihun Wodaajoo

Madda suuraa, Social media

Waggoota hedduuf sirboota qabsoo weellisuudhaan kan beekamu Artisti Zarihun Wadaajoo dhukkubsatee ciisuun gargaarsa ummataa gaafachaa jira.

Dararaafi reebichi sababa qabsoo Oromoo keessatti hirmaateef manneen hidhaa keessatti irra gahe dhukkuba amma cimee itti dhufe kanaaf ka'umsa ta'uu Zarihun BBC'tti himeera.

"Kanin dhukkubsachaa jiru dhukkuba narviiti. Ka'umsi isaa ammoo yeroo adda addaatti manneen hidhaa keessatti reebicha narra gaheeni kan nadhukkubuu jalqabee ture.

Yeroos dhokachuu malee lafa itti yaalamnus waan hin qabneef, obsee ittiin deemaan ture. Amma dhukkubichi natti cimaa dhufe," jedha.

Amma dura humna isaatiin mana yaalaatti deddeebi'uudhaan yaalamaa akka tureefi yeroo ammaa garuu yaala fooyya'aa argachuuf humni natti gabaabbateen mana ciisaa jira jedha.

"Waan uummannikoo nagargaaru tokko tokkon alatti diinagdee homaa hin qabu. Mana kiraa kanfalachuufuu guddaan rakkachaa jira. Dargaggummaakoo qabsoottin fixe malee gara dinagdee homaa hin qabu," jedha.

Weellisaa Zarihun Wodaajoo dhukkubsatee sireerra

Madda suuraa, Social Media

'Waa'ee Oromoo sirbuu hin dhiisu'

Artisti Zarihun Wadaajoo sirboota Afaan Oromoo albama torbaa fi sirboota qeenxee hedduus hojjate.

Sirboota hojjete kanarraas gurgurtaarraa birrii tokko akka hin argannee fi uummanni akka dhagahee dammaquuf tolumaan gadhiisaa turuu hima.

Yeroo muraasaaf baqatee Ameerikaa erga tureen booda jijjiirama siyaasaa biyyattii keessatti dhufeen gara biyyaatti deebi'e.

Hanga lubbuun na keessa jirtutti hojii aartii fi dhimma Oromoo sirbuu irraa garuu wanti nadaangessu hin jiru jedha Zarihun.

"Aartii Oromoo hin dhiisu ani hamman du'utti. Ciiseetuman barreessa malee waan walbiraa hafnu miti, hamma biyyikoo bakka tokko geessutti," jedha.

Dhukkubnii fi rakkinni amma harkaa naqabu ummata kiyyatti akka iyyadhuuf nadirqisiiseera jedha.

"Yaa uummatakoo nabira dhaabbadhaa. Hamma umriinkoo jirutti waanan ittiin gargaaramu naaf godhaan jedha. Takkaa rakkadhe jedhee wowwaadhee hin beeku amma humna kiyyaa ol natti ta'e," jechuun dhaammate.

Aarsaa abbaan hin himatu, ani garuu uummata kiyyaaf dargaggummaa kiyya aarsaa gochuun qabsaa'eefii waanin jiruuf uummannikoo yeroon rakkadhe natti akka hin dhiisne nan abdadha jechuun miira isaa ibsate wellisaa Zarihun Wadaajoo.

Zarihun Wadaajoo dhukkuba Narvii fi irratti Kintaarotiinis dabalamee erga sireerra ciisee baatii lama guutuus himeera.