OBN namoota 'Oromoof oolmaa oolan' jedheef beekamtii kenne

Madda suuraa, OBN
Oromia Broadcasting Network(OBN) qophii addaa bara haaraa Finfinnee Galma Gidduu gala aadaa Oromootti qopheesseen ''qabsaa'ota fi hayyoota Ummata Oromoof oolmaa guddaa oolaan'' jedhe badhaasuun beekamtii kenneef.
Namoota qophii kanarratti beekamtiin kennameef keessa kanneen lubbuun jiranii fi hin jirre kan argaman yeroo ta'u namoota kallattii garaa garaan saba Oromoof gumaachantu yaadatame.
Sagantaa kanarratti falmaan mirgaa artiist Haacaaluu Hundeessaaf dhaabbatichi beekamtii addaa kennuun maatii isaaf kennaa qarshii miiliyoona 10 gumaacheera.
Qarshiin miiliyoona sadii bulchiinsa dhaabbatichaarraa miiliyoonni torba ammoo miindaa ji'aa hojjettootni dhaabbatichaa kennan ta'uun sagantaa kanarratti himameera.
''Aartiin waraana ta'ee mo'achuu akka danda'u qabataman kan agarsiise, goota guyyaa xiiqii, waca diinaatiif kan hin jilbeeffanne, kan dhugaa dubbachuu hin sodaanne, goota Itoophiyaan guutuun yaadatu dha'' jechuun artiist Haacaaluu ibseera dhaabbatichi.
Abbaan artiist Haacaaluu Obbo Hundeessaa Boonsa wayita badhaasa kennameef fudhatan qeerroof ergaa dhaaman.
"Oromoon Goota, baayyinas qaba, beekaas qaba, jabeenyas qaba, tokko tokko kana keessa mala malaa galteet nama keenya balleessaa jirti, ijaa kanaa yaa dargaggoo Oromoo yaa qeerroo Oromoo jabaadhaatii falmadhaa biyya keessaniif, biyya keessan jaaladhaa" ergaa jedhu dhaaman.
"Haati ofii biyya ofiiti jabaadhaatii biyya keessaniif falma. Hojjaan itti argisiisaa biyya keessaniif'' jedhan.
Beekamtii dhaabbatichi qopheesse kan pireezidantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Namootni biroo beekamti argatan eenyu?
Gootni baddaa Baalee kan umrii ijoollummaa isaanirraa eegaluun bilisummaa saba isaaniif qabsa'anii fi lola dhoombiriin yaadataman Koloneel Aliyyii Cirrii namoota beekamtii argatan keessaa tokko.
Haati warraa koloneel Aliyyii Cirrii aadde Moominaa Baatiitu waltajjicharratti aragamuun badhaasa qarshii kuma 100 fudhatan.
''Qubee Afaan Oromoo seera qabsiisuudhaan hayyuu saba Oromoof gumaacha taasise'' jedhamuun ammoo Dr. Haayilee Fidaaf beekamtiin kennameera.
Umrii xiqqoo addunyaa kanarra jiraateen ''tokkummaa biyyaa, walqixxummaa sabaaf sablammootaaf qabsaa'uun guddoo gumaachuun isaas ibsameera.
Artistii guddina aadaa fi Afaan isheef bara jireenyaa ishee guutuu gumaachaa jirtu Haloo Daawweefis beekamtiin kennameera.
Albama 18 kan hojjette Haloon erga dhiyootii rakkoon fayyaa ishee qunnameera. Dhaabbatichi badhaasa qarshii kuma 100 gumaacheef.
Barreessaa, hayyuun seenaa fi aadaa Obbo Alamaayyoo Haayilees namoota dhaabbatichi beekamtii kenneef isaan biroodha.
Qorattuu seenaa lammi biyya Jappaan moggaasaan maqaan Oromoo Lookoo Duuba jedhu kennamee fi sirna Gadaa Oromoo qo'achuun kitaabas kana barreessan Dr. Chikaagee Obaais dhaabbatichi beekamtii kenneera.
Barreessaa barsiisaafi ogeessa xiinsammuu kan ta'e dargagoon kitaaba 40 barreesse obbo Eebbisaa Baayyisaas kanneen beekamtiin kennameef keessaati.
Dhaabatichi bara darbes akkasuma namoota Oromoof oolmaa oolan filatee badhaaseera.















