Aartii Oromoo: Wellistuu Haloo Daawwee waggoota shaniif dhibamtee sireerra ooltee birmannaa gaafachaa jirti

Haloo Daawwee

'Wal-Hora Warra Keessanii Teessumti Guddoon Shagarii, Baabura Yaabbadheen Dhufaa Na Eegi Yaa Shamarmarii," jechuun gurra jaallattoota sirbaa hedduu keessa jirti. Kan biroos hedduus qabdi. Baha biiftuu Itoophiyaa jiraattuus sirba isheetiin warra Lixa biiftuu jiranis ni faarfatti. Walloollee osoo hin hambisiin warraa kaanis akkasuma. Wellistuu Haloo Daawweedha.

Har'a wellistuu Haloo Daawwee erga dhukkubsattee manatti Haftee waggoota shanii ol ta'eera.

Magaalaa Dirreedhawaatti dhalattee kan guddatte weellistuu Haloo Daawwee umrii ishee wagga 15'tti gara hojii aartiitti kan seente.

Waggoota 40 oliifis sirboota adda addaa dhuunfaadhaan kaaseeta 10 kan namoota waliinii kaaseeta 13 walumaagalatti sirboota kaaseeta 23 tahan hojjechuus BBC'tti himte.Yeroo sanatti magaala Dirreedhawaatti baandii Afran Qalloo booda kan hundaa'e 'Hawwisoo Biiftuu Biyya Teenyaa' jedhamu keessatti sirba jalqabde.

Sirnoota darban keessatti dhiibbaan Afaan Oromoo irra gahu hojii aartii kana keessa akka seentuuf onnachiisuus himti.

"Afaan Oromoo kuni Raadiyoo cabsa jedhu, animmoo mee akkuma inni cabsun ilaala jedheetan sirbatti seenee keessatti guddadhe. Dhiibbaan yeroo sana tures haalan cimtuudha. Bara ce'umsaa ammoo biyya alaatti baqadheera. Jibuutiifi Somaaliyaa keessa baqaan waggaa torba tureen deebi'e" jetti.

Yeroo dhihoo asitti dhukkubni ishee qabe hojii aartii jaalattu kana keessaa akka ishee hambiseefi waggaa dheeraa sireerratti akka dabarsaa jirtus himte.

"Eegiin nadhukkubuu eegalee gara amata 10 nitaha. Amata shanii ol ammoo haalan waan natti cimeef waan hunda dhiiseen ciisaa jira. Hospitaala Dirreedawaattin yaalamaa ture. Adaamaattis akkasuma. Dhukkubni kiyya gama mataa waan ta'eef haasa'uufiyyuu guddoo narakkisa" jetti.

Haloo Daawwee

Guddina aartii Oromoo kanaaf jecha aarsaa guddaan kanfale kan jettu wellistuu Haloo Daawwee, yeroo ammaa kanattis deeggarsa maatii isheetiin alatti yaalaafuu gargaarsa akka hin qabne himti.

"Ani kanin qabu Uummatuma Oromooti. Ammoo ani dhuunfaa kiyyaan mana hin qabu waanin nyaadhee dhugulleen hin qabu. Manuma keessa jiraadhullee dhabeen magaala Adaamaa gaafadhee, mana gandaa siif barbaanna naan jedhan. Waan ittiin yaalamulleen waan tokko hin qabu" jette.

Dhukkuba kana irraa yaalamtee akka fayyituuf gama biyya alaa baatee yaala argachuu akka qabdu hakiimotaan itti himamus kanaaf dandeettii waan hin qabneef itti dhiistee mana ciisaa jirti.

"Biyya alaa osoon deemee yaalamee inuman fayya taha. Garuu dandeettii hin qabu. Oromoon amma durallee nagargaaraa turan nan galateefadha. eegan du'ee abalu du'e yoo jedhan gatii hin qabu.osoo jirruu walhaagargaarru jedheen dhaammadha" jedhan.

Dhukkuba kanarraa fayyuun hojii aartii jaaladhutti deebi'uuf fedhii guddaan qabas jette Haloon.