Weellisaa Umar Teenaammuu eenyu? Amma maalirra jira?

Wellisaan Umar Teenamuu sirboota aadaa Oromoo Walloo keessatti daran beekamaniifi miidiyaatti hin mul'anne sirbuudhaan beekama.
Sirba jalqabaasaa kan aadaa sirba warra Jiillee kan 'Teenammuu Teenammuu' jedhu sirbuudhaan maqaa masoo Umar Teenamuu kan argate.
Walloo Aanaa Jiillee Dhummuugaatti kan dhalate Umar Sirboota Teenammuu, bara dargagummaa isaa biyyaa bahuun gara Jabuutii san boodas Yamanifi Sa'udi Arabiyaa deemee achi jiraateera.
Homaa jiruun qajeeluufi didnaan gara biyyaa deebi'e. Harka tokkoon jireenyaan wal'aansoo qabaa harka tokkoon aadaa Oromoo Walloo beeksisuuf hojjechuu eegale.
Aadaa sirba Oromoota Walloo keessaahuu kan Jiillee kuni dhokatee akka hin hafneef jecha sirboota Teenammuufi Washoomillaa jedhaman kan baase Magaala Adaamaatti hojii humnaa fi ba'aa bachudhaan akka ta'e hiriyaansaa BBC'tti himeera.
Wellisaa Umar ammaa dhukkubsatee Hospitaala waliigalaa Kamisee erga galee torba sadii guutuufi waan weellisichi amma keessa jiru hiriyaansaa Hospitaalatti isa gargaaraa jiru Aliyyii Abdallaa Ibraahim BBC'tti himeera.
Umar aadaa uummata Walloo akka beekamuuf aarsaa guddaa nama kanfaledha jedha Aliyyiin.

"Umar aadaan Oromoota Walloo kuni akka beekamuuf aarsaa guddaa kanfaleera. Yeroo rakkinaattis uummata wallootif sagalee waan ta'eef dhiibbaa irra turerraa baqachuun biyyoota akka Jibuutii, Yemenii fi Sa'udi Arabiyaattis baqatee ture," jedha.
Dhihoo kanas sirba aadaa Oromoota walloo 'Heelluwwee' jedhu osoo Kiliippii hojjechaa jiruu dhukkubni akka isa mudates hime.
"Durumaanuu Garaa na dhukkuba jechaa ture. Dhihoo kana itti hammaannaan Hospitaala geessine. Yeroo qoratamu mar'imaan isaa dacha'ee hojii dhaabeera. Amma wal'aansa baqaqsanii yaaluutiin garaachi miidhame muramee keessaa baheefii jira" jedha.
Wellisaan kuni sirboota aadaa kanneenuu kan hojjetu hojii humnaa hojjechuun waan ta'eef maallaqa yaalaa kana namootni akka gargaaraa jiranii fi dhukkubni isaas daran hammaataa ta'uu hima.
Abbaan weellisichaas dhukkuba walfakkaataadhaan rakkachaa akka jirus himeera hiriyaansaa kuni.
Umar Teenammuu yeroo ammaa Hospitaala Kamiseetti ciisee yaalamaa kan jiru yoo ta'u, dhukkubnisaa waan itti hammaateef socho'uus ta'e dubbachuu akka hin dandeenye hiriyaasaa BBC'tti himeera.















