Waldiyaatti haleellaawwan boombii sadii qondaalota mootummaarratti qiyyaafatan raawwataman

Torban kana qofa magaalaa Waldiyaatti haleellaawwan boombii sadii qondaalota mootummaafi dhaabbileerratti qiyyaafate raawwachuu jiraattonni BBC’tti dubbatan.

Haleellaawwan kuni waajjira bulchiinsa godinaafi manneen jireenyaa qondaalota mootummaarratti akka raawwatan jiraattonni afur BBC’f mirkaneessaniiru.

Waa'ee haleellaa kanaa poolisiifi qondaalota mootummaarraa odeeffachuuf yaaliin BBC'n taasise hin milkoofne.

Akka jiraattonni jedhanitti haleellaa bakkeewwan magaalattii garagaraa sa’aatii garagaraatti mudataniiru jedhaman kanaan lubbuun darbe hin jiru.

Haleellaa kanaafis jiraattonni hidhattoota Faannoo yoo shakkan kaanimmoo ''namoota dhuunfaa'' ta'u danda'u jedhan.

Haleellaan jalqabaa hogganaa waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Kaaba Walloo safara Mugaad jedhamuufi mana kireeffatanii jiraatanirratti darbatame jedhan jiraattonni.

Haleellaa kanaan qabeenyi manca’eera. Haleellaa ALI Caamsaa 25/2016 galgala keessa raawwate jedhame kanaan qondaallis ta’e maatii isaaniirratti miidhaan akka hin dhaqqabne jiraattonni lama himaniiru.

Jiraataan biraa garuu qondaalli Paartii Badhaadhinaa miidhamuu akka hin oolle jechuun himaniiru.

Haleellaa sana hordofee sochiin jiraattotaa danqamee ture.

Haleellaan qondaala kanarratti raawwatame yeroo lammataaf akka ta’e hojjetaan mootummaa jiraataa magaalichaa ta’an ibsaniiru.

Kana dura safara Gomaaxaa jedhamutti mana jireenyaa isaanii biraarrati haleellaan raawwatu dubbatan.

Haaluma walfakkaatuun guyyaa Wiixataa barii naannawa sa’aatii 11:00’tti mana jireenyaa Hogganaa I/aanaa Mana Qopheessaa magaalaa Waldiyaati jedhamanirratti haleellaan boombii raawwatuu jiraattonni himaniiru.

‘’Namoota lama irratti miidhaan salphaa dhaqqabeera,’’ jedhaniiru. Kanneen miidhamanis kanneen ollaa isaanii jiraatan akka ta’an ibsan. Jiraataan biraa namoonni lamaan yaala argatuu himan.

Gaafuma Wiixataa galgala naannawa sa’aatii lamatti Waajjira Bulchiinsa Godinaa bakkee Mabraat Haayilii jedhamee argamutti haleellaan bombii biraa dhaqqabuu jiraattonni himaniiru.

Jiraataan BBC’n dubbise haleellaa kanaan konkolaattota mootummaarratti qabeenyi manca’ee akka argan dubbatan.

‘’Ani konkolaattonni jahamoo torba boombiin rukutaman argeera,’’ jedhan. Nami garuu akka hin miidhamne ibsan.

Jiraataan biraa waa’ee haleellaa kanaa dubbatan konkolaataan bulchiinsa godinaa bakkicha turan sadii haleellaa raawwateen ‘’barbada’aniiru’’ jedhan.

Yeroo haleellaan raawwate dho’insa guddaa dhagahuu isaanii kan dubbatan jiraataan biraa, waajjiricha keessatti qondaaltonni mootummaafi paartii olaanoo walgahiirra turan jedhaniiru.

BBC’n waa’ee miidhaa kanaa kantiibaa magaalichaas ta’e poolisiirraa odeeffannoo argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Xumura torban darbe eegalee magaalaa Waldiyaa keessatti qondaalonni magaalicha dhimma nagaarratti marii taasisuu godinichi gama fuula Fesbuukiin ibseera.

Haleellaa kana eenyutu raawwate jedhamuun BBC’n kan gaafataman jiraattonni kuni, ‘’qaama kanadha’’ jechuuf akka rakkatan dubbatan.

Haa ta’u malee, hidhattoonni Faannoo humnoota mootummaa federaalaa lolaa jiran ta’uu akka danda’an jiraattonni tilmaama kaa’u.

‘’Anatu haleellaa raawwate qaamni jedhe hin jiru. Haa ta’u malee, naannoo magaalattii [Faannootu] jira,’’ jechuun isaan ta’u akka danda’an himan.

Jiraataan biraa immoo abaluutu raawwate jechuuf ‘’wanti qabatamaa hin jiru’’ jechuun ‘’namoonni dhuunfaa’’ raawwachuu malu jedhan.

Akka jiraattonni ibsanitti taanaan, waqtii haleellaan raawwatetti humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduu walitti bu’iinsi hin turre.

Magaalaa alatti garuu walitti dhukaasuun darbee darbee akka jiru ibsan.

Haleellaa irra deddeebi'e

Haleellaan bombii magaalaa Waldiyaa keessatti irra deddeebiin kan mudatu yoo ta’u kunis qondaalota mootummaafi nageenyaarratti akka xiyyeeffatan jiraattonni dubbatu.

Torban darbees bulchiinsa Aanaa Gubbaa laaftoo teessumni isaa magaalaa Waldiyaa ta’eefi buufata poolisii magaalatti tokkoorratti haleellaan wal fakkaataa akka raawwate ibsaniiru.

‘’Amma torbaniin yookiin guyyoota shan yookiin afuriin [haleellaan raawwataa jira],’’ jedhan.

Haleellaa boombii erga raawwate booda humnoonni nageenyaa konkolaataan magaalaa keessa sosso’uufi hidhaan jimlaallee akka ture himan.

Yeroo amma garuu magaalattii keessatti sochiin idileetti akka deebi’e himan.

Hidhattoota Faannoo gaaffii daangaa, nageenyaafi eenyummaa kaasan humnoota nageenya mootummaa waliin ifatti walitti bu’uu erga eegalanii wagaa guutuuf deema.

Kana gidduutti qondaalota mootummaafi nageenyaarratti irra deddeebiin haleellaan qiyyaafataa turuun ni yaadatama.

* Jiraattonni magaalaa Waldiyaa BBC'tti dubbatan yaaddoo nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka dhahamu hin feene.