Itoophiyaan lammiilen biyya alaa 90 seeraan ala barbaacha albuudarratti bobba'an to'achu himte

Lammiilen biyya alaa 90 fi kanneen isaan waliin ta'uun karaa seeraan alaatiin barbaacha warqii fi albuudawwan biroorratti bobba'an to'achuu humni waloo Tikaa fi Nageenyaa Itoophiyaa beeksise.

Namoonni seeraan ala osoo hayyama hin qabaatiin barbacha albuudaarratti hirmaachuun to'ataman jedhaman kunnennis naanoolee Gameellaafi Beenshangul Gumuuzitti hojjataa akka turan Poolisiin Federaalaa ibsa Kamisa Ebla 6, 2023 fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti beeksise.

Lammiilen biyya alaa barbaacha albuudaa seeraan alaarratti bobba'n biyya kam irraa akka ta'an ibsamuu baatus, biyya keessa galuuf ragaalee barbaachisoo harkaa hin qaban jedhame.

Viizaa galuumsaa, sanada qabatamaa fi hayyama jireenyaa kanneen hin qabne lammiile biyya alaa 45 fi lammiilee Itoophiyaa isaan waliin kan hidhata qaban sadi naanoo Gambellatti to'atamanii qorannoon irratti gaggeeffamaa jira jedhe ibsichi.

Bifuma wal fakaatunis sanadoota Itoophiyaan gaafattu kan hin qabne lammiile biyya alaa 47, waldaalee dhuunfaa 9 fi lammiileen Itoophiyaa 7 to'atamanii qoratamaa akka jiran humni waloo nageenyaafi tikaa beeksise.

“Biyyattiin seektara albudaa irraa fayyadamtuu akka hin taaneef karaa seeraan alaatiin abuuda kontiroaandiin osoo biyyaa baasanii bira gaheera," jedhe humni waloo ibsa baase kanaan.

Lamiilee biyya alaa fi Itoophiya seeraan ala albuuda baasaa turan irratti tarkaanfiin jalqabe naannolee Gambeellaa fi Beenshaangulitti fudhatameen qofa kan dhaabatu mitis jedha ibsichi.

Dhiheenyuma kana namoonni albuuda karaa seeraan alaatiin gara biyyoota ollaatti geessu jedhaman 83 to'atamuu poolisiin federaalaa ibsee ture.

Lammiileen biyya alaa, namoonni dhuunfaa lammiilee Itoophiyaa ta'aniifi waldaaleen dhunfaa Ittigaafatamummaan saanii Murtaa'e (PLC) yakka qabeenyaa albuuda biyyattii irratti xiyyeeffate raawwatan kunneenis harkaafi arkatti to'annoo jala oolchun kan danda'ame haaluma eeruu hawaasaatiin hordoffii fi oppareshinii cimaa humni waloo kun taasiseen jedheera.