Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhaabbilee nageenya federaalaafi humna addaa Amaaraa gidduu muddamni uumameera - ABIN
Naannoo Amaaraa bakkeewwan tokko tokkotti humnoota nageenyaa federaalaafi humna addaa Amaaraa gidduu dhibdee uumameen muddani dhalatuu dhaabni mormituu ABIN hime.
Dhaabichi ibsa gaafa Kamisaa baasen waliigalteen kan dhibe ''sochiin meeshaa hiikkachiisuu dirqamaan waan taasifameefi,’’ jedhe.
Tajaajilli kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa ibsa Kamisa galgala baasen humnoota addaa naannolee hunda caasaa nageenyaa garagaraatti galchuuf sochii eegaleera jedheera.
Ta’us, kutaalee Humna Addaa ‘’muraasa keessatti gama tokkoon hojiifi kaayyoo deebisanii ijaaruu sirnaan hubachuu dhabuun, gama biraan kanneen oduu sobaa facaasaniin butamanii sochiin adeemsicha danqu mul’ateera,’’ jedhe.
Haa ta’u malee, wantootni adeemsicha danqan jedhe ifatti hin ibsine.
Mirga ummata Amaaraa kabachiisuuf kan sosso’u dhaabi ABIN, murteen kuni yeroo isaa kan eeggate miti, mariin barbaachisaa irratti hin taasifamne jechuun mormee ture.
Bakkeewwan Naannoo Amaaraa tokko tokkotti yeroo kaanirraa addatti guyyaa har'aa sochiin raayyaa ittisa biyyaafi poolisii federaalaa mul’atuu BBC’n odeeffateera.
Addatti waan adeemaa jiru garuu adda baafachuuf dhaabbilee nageenyaa naannichaa irraa odeeffachuuf yaaliin taasisne hin milkoofne.
Magaalaa guddoo naannichaa irraa daandiin gara magaalaa Gondar geessu sa’aatii muraasaaf cufamee akka ture jiraattonni ibsaniiru.
Humnoonni federaalaas naannichatti mul‘achuu jiraattonni dubbataniiru.
Akkasumas Godina Kaaba Walloo, Qobbootti ganama keessa dhukaasi yeroo gabaabaaf ture dhagahamuufi jiraattota gidduutti rifaatuu uumuu jiraattoti BBC’tti himaniiru.
Haa ta’u malee, shakkiirraan kan hafe sababi isaa hin baramne.
Dhaabi mormituu naannichatti sosso’u ABIN, kana hordofee ibsa baasen garuu Humna Addaa Amaaraa ''dirqamaan hiikkachiisuuf sochii keessa waan seenameef bakkeewwan naannichaa adda addaatti humna addaafi dhaabbilee federaalaa gidduu muddamni guddaa uumamuu,’’ ibseera.
Dhaabni ABIN adeemsi deemamaa jiru ''…naannoo Amaaraarra kan darbe biyyattii keessatti muddama olaanaa kan uumudha,’’ jedhe.
Naannoleen Itoophiyaa garagaraa humnoota addaa kan hundeessan yoo ta’u, dhimma meeshaa hidhatan ilaalchisee qaamoleen gaaffii irratti kaasaa turan jiru.
Faallaan immoo barbaachisummaa isaa kan eeranis jiru.
Naannoleen poolisii idileen ala addatti humna addaa leenjisuufi hidhachiisuun kumaatamaan leenjisaniiru.
Dhihoo humnoonni kunneen dhaabbilee nageenya federaalaa kan ta’an raayyaa ittisa biyyaafi kaanitti akka dabalaman yaadi dhihaatee ture.
Dhaabni siyaasaa biraa dhimma kana irratti dubbate Baaldaraas gamasaatiin, ''humni addaa naannolee akka diigamuufi raayyaan ittisa biyyaa akka ijaaramu,’’ akka amanu ibseera.
Haa ta’u malee, haala amma jiruun hojiirra oolchuun garuu fudhatama hin qabu jechuun morme.