Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kufaatii qormaataa barattoota Itoophiyaaf sababoonni maali? Eenyu itti gaafatama?
- Barreessaa, Zelalem Tadesse Duressa
- Gahee, Senior Broadcast Journalist
Itoophiyaatti waggoota sadan darban keessa barattoota qormaata kutaa 12ffaa fudhatan keessaa qabxii seensa yuunvarsiitii kan argatan %5 gadi.
Bara 2023 barattoota qoraman keessaa qabxii seensa yuunvarsiitii [% 50 ol] kan argatan %3.3 qofa ture.
Bara 2024 keessa barattoota qoraman keessaa ammo qabxii seensa yuunvarsiitii kan argatan %5.4 akka tahan Ministerri Barnootaa himeera.
Qabxiin bara 2023 keessa galmaa’e ''rifaasisaa'' tahuu kan hime Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa bara kanas qabxiin galmaa’e isa bara darbeerra fooyyee qabaatus barattoonni kuma 700 ol garuu hin milkaa’iin hafaniiru.
Sababni kufaatii kanaa maali? Rakkoo qulqullina barnootaa baroota lakkoofsisemoo murtoo hoggansi barnootaa amma fudhataa jirudha?
Moo kufaatichi barattoota ilaallata? Kufaatii galmaa’e kanaaf eenyu itti gaafatama fudhata?
_____________________________________________________________________________
Bara darbe barattoota kuma 845 fi 188 qoraman keessaa qormaaticha qabxii darbinsaa %50'n ol kan fidan lakkoofsaan kuma 27 qofa ture.
Haa ta’u malee, hammi barattootaa yunivarsiitiiwwan Itoophiyaa keessa jiran simachuu danda’an kuma 100 olidha.
Bara darbe qabxiin galmaa’e ‘kufaatii’ gama qulqullina barnootaan jiru agarsiisa jedhanii ture Ministirri Barnootaa Piroofeser Biraanuu Naggaa.
Qabxiin kuni ''agarsiistuu rakkoo barootaa as darbaa dhufeefi sadarkaa sirni barnootaa irra jiru agarsiisedha'' jechuun dubbataniiru.
Barana guutuu Itoophiyaatti barattoota kutaa 12ffaa qoraman keessaa kan darban ykn milkaa’an 5.4% ta’uu Ministirichi ibsaniiru.
Ministirri Barnootaa Pirof Birhaanuu Naggaa barattoonni kuma 684 fi 205 qormaaticha fudhachuu ibsuun, kana keessaa kan darbuu danda’an kuma 36 fi 409 akka ta’e himan.
Naannoo Oromiyaa keessatti manneen barnootaa barataa tokkoyyu hin dabarsiin hafan 553 yoo ta’u, Finfinnee keessatti 4, naannoo Amaaraa 56, Somaaliyaa 156, Tigraay 52, Affaar 33, Beneshaangul Gumuz 35 barattoota tokkoyyu hin dabarsine.
Bara darbe ammoo manneen barnootaa 3,106 barattoota qormaataaf dhiyeessan keessaa manneen barnootaa 1,328 keessa barataan tokkoyyuu hin dabarre ture.
Gaaffiin jiru kufaatiin barattootaa kun qulqullina barnootaa milkeessuuf hojii hojjetameef milkaa’ina agarsiisamoo ofumasaa kufaatii tahuu agarsiisa? kan jedhudha.
Gariin hojii qulqullina barnootaa mirkaneessuu waan hojjetameef barattoonni kufan jedhanii amanu.
Ogeessonni tokko tokko ammoo osoo hojiin qulqullina barnootaa mirkaneessuu hojjetameera tahe barattoonni hanga kana hin kufan ture jedhu.
Maatii barattootaa waggootaaf itti dadhabanii ijoollee isaanii barsiisaniifis kasaraadha.
Barataan Godina Horroo Guduruu magaala Kombolchaa maqaan isaa akka hin dhahamneef gaafate tokko ‘’nuyi qormaataaf kan teenye qabiyyee barnootaa nuuf kenname hundaa barannee xumurree miti,'' jedhe.
Yeroo adda addaatti sababa rokoko nageenyaan manni barumsaa keenya cufamaa ture.
Isa irratti ammoo kitaabni erga jijjiiramee maxxanfamee kan nu harka gahe muraasa. Soofti koppii akka dubbisnu nutti himanis barattoonni bilbila ismaartifoonii hin qabne hedduu rakkatu.
Tajaajilli interneetii gahaan hin jiru. Ibsaan yeroo hedduu bada. Haala akkasii keessatti qormaata darbuu dhabuun waan nama raaju miti jedhe.
Sababoonni kufaatii qormaataa fidan maal fa’i?
Yuunvarsiitii Finfinneetti barsiisaa fi ogeessa qorannoo sirna barnootaa kan tahan piroofeser Hanbisaan Qana'aa, qulqullina barnootaa kan fidu ‘’galtee adeemsaa fi bu’aati’’ jedhan.
Galteen barsiisaa, barataa fi manneen barnootaa irratti kan hojjetamudha. Kun guutummaan osoo hojiirra hin ooliinidha qormaata dhumaan kan qulqullina barnootaa madaalaa jiran jedhan.
‘’Qormaanni dhumaa qulqullina hin fidu, murtoo fida malee. Hamma kanaatu darbe hamma kanaatu kufe kann jedhu qofa fida. Garuu kufaatiin kun dammaqinsa fiduu danda’a’’ jedhan.
Kana dura Itoophiyaa keessatti waanti mul’ataa ture fiigichaan kan fudhamtee fi murtoo siyaasaa fakkaata malee hojii qulqullina barnootaa hin fakkaatu jedhan.
Ijoolleen jalqaba irraa eegaluun qabiyyee barbaachisan hunda baratanii miti as kan gahan.
Barsiisaan fedhaan barsiisee miti kan as gahe. Yeroo barnootaa guutummaan hojiirra ooluun isaa hin beekamu,’’ jedhan Piroofeser Hanbisaan.
Dabalataan ‘’balleessaan’’ hojjetame tokko ijoollee qilleensa itti barte, maatii fi ollaa barte keessaa baasanii akka ‘’loltuu kaampii galchuutti’’ gara yuunvarsiitii geessina jedhanii haala akkasiin qoruun dhiibbaa xiin-sammuu qaba jedhan.
Gama mootummaan qulqullina barnootaa mirkaneessuuf akka qormaanni hin hatamneef yuunvarsiitii keessatti akka qoraman gochuu hime.
Piroofesr Hanbisaan ammo jalqabuma barattoonni maaliif qormaata hatu kan jedhu deebisuu gaafata jedhan.
Kutaa gadii irraa jalqabuun osoo haala gaariin barataniiru tahe, hoggansaa fi hordoffii gaariin osoo jiraate maaliif barataan waa’ee hannaa yaada jedhan.
Qormaata darbuun buddeena taheera. Garuu ammoo of danda’anii hojjetanii darbuuf qophii waan hin taaneef hatuu yaadu. Kanaaf barataa qopheessuudha jedhan.
Qulqullinni barnootaa halkan tokkotti kan dhufu miti kan jedhan Piroofeser Hanbisaan barsiisaan hojiikooti jedhee gammachuudhaan hojjechuu qaba.
Qabiyyeen barnootaa qophaa’e yeroo yerootti qulqulleessaa deemuu gaafata. Kun ammoo itti gaafatamummaa gaafata jedhan.
’’Akka biyya keenyaatti ammoo rakkoon itti gaafatamummaa sirrii fudhachuu jira.
Hoggansi barnootaa Itoophiyaa keessaa ilaalamuu akka qabu kan eeran Piroofesr Hanbisaan barattoota akka ijoolleekeetti guddisuuf ogummaa guddaa gaafata jedhan.
Murtoo siyaasaa fi nama siyaasaan hogganuu qofa osoo hin taane nama itti gaafatamummaa fudhatuu fi ogummicha beekuun hogganuu barbaachisa jedhan.
Pirofesr Hanbisaan Ministerri Barnootaa Itoophiyaa paartii mormituu hogganan Pirofesr Biraanuu Naggaa hoggansa barnootaa kanaaf hammam nama gahaadha? Jechuun gaafatu.
‘’Nama heera mootummaa biyya kanaa mormuu fi mootummaa irratti ofiiyyuu qabsaa’u barnoota hogganuun gaaffii kaasa’’ jedhan.
Piroofeser Hanbisaan rakkoo biraati kan jedhan dhiyeessii kitaabaati. Imaammanni barnootaa Itoophiyaa keessaa dhiyeenya jijjiiramuu hordofee hanqinni kitaabaa mudachuu BBC’n barattoota adda addaa irraa iyyaafateera.
Soofti koppiin bilbila ismaartifoonii gaafata. Qonnaan bulaan keenya meeqatu sangaa gurguree bilbila ismaartifoonii ijoollee isaaf bita? Jedhu Piroofeser Hanbisaan.
Miidiyaa hawwaasaa akka malee fayyadamuun kufaatii barattootaaf sababa biraa taha kan jedhan jiru.
Teeknoloojiin akkuma bu’aa qabu miidhaa qaba. Waa’ee kanaa mana barumsaa keessatti hubannoo uumuu barbaachisa kan jedhan Pirofeser Hanbisaan osoo hoggansi jabaan jiraate itti fayyadama miidiyaa hawwaasaa ilaalchisee seeraa fi danbii baasuun hojiirra oolchuu danda’u ture jedhan.
Qormaata dhumaa kana kennuun dura barnooticha qixa sirriin kennuukee mirkaneessuu qabda jedhan.
‘’Waan kennite qorta malee waan barataaf hin kennine akkamitti deebistee gaafatta?’’ jedhan.
Hoggansi barnootaa xiyyeeffannoo argachuu qaba jedhan.
Xiyyeeffannoo manneen barnootaa baadiyaa fi magaalaa wal hin gitne
Manneen barnootaa barattoota isaanii hunda dabarsuu dhagahamaa ture manneen barnootaa buldii addaati.
Manni Barnootaa Bultii Addaa Oromiyaa magaalaa Adaamaa jiruu fi Waldaa Misooma Oromiyaan hojjetame barattoota isaanii guutummaan dabarsuu himan.
Akkasumas manneen barnootaa Yuunvarsiitii Dambi Doolloo fi Wallaggaa jala jiranis guutummaan dabarsuu himaniiru.
Garuu lakkoofsi barattootaa isaan qaban xiqqaadha. Oromiyaa keessaa manneen barnootaa 553 tahan barataa tokkoollee kanneen hin dabarsine keessaati.
Irra caalaan isaani manneen barnootaa mootummaa yoo tahan aanolee adda addaa keessatti kanneen argaman tahuu odeeffanne.
Garaagarummaa kana maaltu uume? Mootummaan akka manneen barnootaa bultii addaatti manneen barnootaa kanneeniif xiyyeeffannoo wal fakkaataa waan kennu miti.
Dhiyeessii kitaabaa, deeggarsa barsiisaa fi teeknoloojiin wal dorgomsiisuun rakkisa. Ammoo qormaatuma tokkoof taa'u.
Barataan Godina Horroo Guduruu magaala Kombolchaa maqaan isaa akka hin dhahamneef gaafatee fi hin milkaa'iin hafuu dubbatu tokko ‘’nuyi qormaataaf kan teenye qabiyyee barnootaa nuuf kenname hundaa barannee xumurree miti jedhe.
Yeroo adda addaatti sababa rakkoo nageenyaan manni barumsaa keenya cufamaa ture.
Isa irratti ammoo kitaabni erga jijjiiramee maxxanfamee nu kan nu harka gahe muraasa. Soofti koppii akka dubbisnu nutti himanis barattoonni bilbila ismaartifoonii hin qabne hedduu rakkatu.
Tajaajilli interneetii gahaan hin jiru. Ibsaan yeroo hedduu bada. Haala akkasii keessatti qormaata darbuu dadhabuun waan nama raaju miti jedhe.
Gama biraan Barsiisaan Mana Barumsaa Haacaaluu Yuunvarsiitii Amboo keessatti argamuu Tasfaayee Fiqaaduu barattoonni isaanii hundi qabxii darbinsaa argachuu himan.
Deeggarsi barsiisotaa fi qophiin barattootaas addatti gaarii tahuu himan.
Barsiisaan mana barumsaa Dirree Incinnii tokko ammoo qabxiin barattoota mana barumsaa isaanii bara kana fooyyee qabaachuu himan.
Waggoota lamaan caalaa bara kana fooyyee qaba. Barnoonni dabalataa addatti kennamaafii ture.
Kanaaf barattoonni mana barumsaa keenya qabxii fooyya’aa fidaniiru jedhan. Barumsi osoo adda hin citiin kennamaa turuus himan.
Kanaaf mana barumsaa isaanii keessaa qabxii 600 keessaa 500 keessa kan fidan akka jiran hime.
Barsiisaan kun barattoonni yeroo qormaataaf bakka adda addaatti geeffaman haalli qilleensaa itti jijjiiramuu mala jechuun rakkoo hubatanis himaniiru.
Osoo danda’ame naannooma mana barumsaa isaanii ykn yuunvarsiitii isaanitti dhiyootti osoo qoraman wayya jedhan.
Kitaabni guutummaan guutuu wal gahuu baatus soofti koppii irra caalaa jiraachuu himan.
Barsiisonni ciccimoon filamanii akka ramadamaa turan kan himu barsiisaan kun kun akka barattoonni qabxii fooyyeffataniif gargaareera jedhe.
Piroofeser Hanbisaan mootummaan gama hundaan manneen barnootaa magaalaa fi baadiyaaf xiyyeeffannoo wla fakkaataa kennuu qaba jedhan.
Ammatti qaawwaan akka mul'atu kaasaniiru.
Naannoolee kaan keessattis rakkoo wal fakkaataan jira. Garuu qabxii olaanaa barataan galmeesse tokko naannoo Tigiraay irraa yoo tahu barattuu Sifeenee Takiluu ammoo Finfinnee irraa 600 keessaa 575 fiduun tokkoffaa taateetti.
Godinaalee akka Shawaa Kaabaa keessaa manneen barnootaa 200 ol barbadaa'uun barattoottni karaa guutuu taheen barachuu hin dandeenye. Aanaa Gooroo Doolaatti ammoo barattoonni 60,000 ol tahan gaaffii caaseffama haaraa godinaaleen mana barumsa malee bahaniiru.
Naannoon Oromiyaa fi naannoon Amaaraa rakkoo nageenyaa jiruun dhiibbaa adda addaaf saaxilamaa turuus himameera.