Aksuumitti barattoonni Musliimaa hijaaba uffatanii akka baratan manni murtii ajaje

Shamarree Aksum Musliima taate

Manni-murtii Waliigalaa Naannoo Tigraay, shamarran Musliimaa magaalaa Aksuum akka mana barumsaa hin seenne dhorkaan irra kaa'amee ture "hijaaba uffatanii akka baratan" murtee kennuu manni-murtichaa ibse.

Manni-maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa, shamarran Muslimaa Aksuum "uffannaa Musliimaa isaaniitiin gara mana-barumsaasaaniitti akka deebiyaniif" murtiin mana-murtiitiin darbe "hojiirra oolmaan isaa akka mirkanaa'uuf" gaafateera.

Ji'a Sadaasaa irraa kaasee barnoota isaanii addaan kutuun qormaatawwan biyyaalessaafi naannoo kan isaan jala darbe barattoonni shamarranii Musliimaa Aksuum gamasaaniiin, "barnoonni isaan darbe akka bakka buufamuuf" gaafataniiru.

Dhaddachi Seera Sivilii Mana-murtii Waliigalaa Naannoo Tigraay murtee kana kan dabarse oolmaa isaa Kamisa ALI Hagayya 15, 2017 tiin ta'uu daarektarri komunikeeshinii mana-murtii Obbo Alamaayyoo Isheetee BBCtti himeera.

Biiroo Barnootaa naannichaarratti himata kan bane Mana-maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa naannichaa akka ta'es ibseera.

Manni-maree Dhimmoota Islaamaa Naannoo Tigraay dhimmicha gara mana-murtii kan geesseef barattoonni shamarranii Musliima ta'an manneen-barnootaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa magaalaa Aksuum keessatti argaman hijaaba uffatanii akka mana-barumsaa hin seenne jalqaba bara kanaa dhorkamuu isaaniitiin ture.

Manneen-barnootaa Aksuum dhorkaa kana kaa'an keessaa manneen-barnootaa sadarkaa lammaffaa Aksuum, Qadaamaawwii Miniliik fi Aluminaay kanneen eeraman turan.

Manneen-barnootaa sadarkaa tokkoffaa Kindeyyaa fi Abirhaa Atsibihaas haaluma wal fakkaatuun barattoota shamarranii Musliima ta'an hijaaba godhatanii akka hin seenne dhorkanii ture.

Dhorkaa kana hojiirra oolchuudhaaf poolisiin karra manneen-barnootaa kanneen irratti ramadamee kan ture ta'uufi, kanaan wal qabatees barattoonni hidhaman akka turan barattonniifi maatiin yeroo sanatti BBCtti himaniiru.

Barattoonni amma BBCn dubbise, barattoonni shamarranii Aksuum Musliima ta'an kutaa ja'aa hanga 12 Sadaasarraa kaasee barnootasaanii addaan kutanii turuu ibsan.

Sababa kanaan, barattoonni kunneen qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kana fudhachuun isaanirra ture, akkasumas qormaatawwan naannoo kutaa ja'aafi saddetii isaan darbuu ibsaniiru.

Barattuun kutaa 2ffaa mana-barumsaa sadarkaa lammaffaa Aksuum tokko, ishee dabalatee barattoonni "250 ta'an" kutaa saglaffaa irraa hanga 12ffaa barnootasaanii addaan kutuu BBCtti himte.

Barattoota Musliimaa shamarranii magaalaa Aksum

Madda suuraa, SM

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara kana kutaa 12ffaa kan qoramtu kan turte barattuun kun, "isiniif hin kenninu, hin qoramtan waan nuun jedhaniif qormaanni nu darbeera".

Hijaaba yoo baafattan malee hin galtan nuun jedhan" jechuun qormaanni biyaalessaa ishee jala darbuu ibsiti.

Barattoonni biraa mana-barumsaa Kindeyyaa sadarkaa tokkoffaatti barattu gamasheetiin, "barnoota addaan kutteetta jedhamuun" kaardii ittiin seentee qoratamtu (admission card) akka dhorkamte dubbatti.

Barattoonni kutaa ja'aa tokko tokko "hijaaba baasanii" barnootasaanii erga itti fufanii booda qormaata naannoo fudhachuusaanii ibsiteetti.

Kana kan morme Manni-maree Dhimmoota Islaamaa Naannoo Tigraay jalqaba himata banee kan ture mana-murtii aanaa Aksumitti akka ture Obbo Alamaayyoon ibseera.

"Manni-murtii aanaa Aksuum 'dhimmi kun dhimma keenya miti, aangoo mana-murtii waliigalaati' jedhee galmee sana cufe. Isaan booda akka haaraatti mana-murtii waliigalaa naannoo Tigraay gale [ilaalame]" jechuun adeemsa ture ibsan.

Maanni-murtii waliigalaa naannoo Tigraay falmii gama lamaaniin jiru ilaalaa kan ture "dhorkaa Heerri mootummaa hijaaba godhachuu dhorku hin jiru," kanaaf, hijaaba isaanii godhatanii akka baratan jechuun murtee dabarsuu ibseera.

Biiroon Barnootaa naannichaa murtee kanarratti "mirga gara ijibbaataatti dhiyeeffachuu" akka qabu dabaluun himaniiru.

Manni-maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaas murtee kana ilaalchisee ibsa kaleessa baaseen yaada wal fakkaataa ibseera.

Manni-marichaa akka jedhetti; "Barattoonni Musliimaa magaalaa Aksuum uffata amantaa isaanii uffachuun gara mana barumsaa deemuuf mirga heera mootummaatiin kennameef akka qaban murtaa'eera."

Murtii manni-murtichaa barattoonni "uffata Islaamaa isaanii uffachuun barachuuf mirga heera mootummaa qabu" jedhus kaasuun isaa ni yaadatama.

Ajaja kana kan beeksiste, "Magaalaan Aksuum barattoonni dubaraa Musliimaa uffata Islaamaa uffachuun gara mana barumsaatti akka deebi'an murtee dabarsiteetti."

Manni marichaa akka jedhetti; "Dhimmicha Mana-maree Waliigalaa Dhimma Islaamaa Naannoo Tigraay waliin dhiyeenyaan hordofaa tureera" jechuun "murtii mana-murtii kana haala gaariin akka ilaalu" ibseera. Murtee-manni Murtii Waliigalaa Naannoo Tigraay "raawwii isaa kabachiisuu" akka qabus gaafateera.

Manni-marichaa akka jedhetti, barattoonni dubaraa Musliimaa Aksum keessa jiran yoo hijaaba hin uffatin barachuu hin dandeenyu jechuun mana-barumsaa irraa akka dhorkaman, kunis qormaata kutaa 12ffaa fi 8ffaa akka hin milkoofne taasiseera.

"Barattoonni kunneen waggaa tokkoof rakkataniiru, gosoota barnootaa baay'ee fedhii qaban barachuu waan hin dandeenyeef, qormaata barbaachisaa ta'e irraa hafaniiru," jedha. ''Miidhaan qaqqabe guddaadha'' jedhee akka amanus ibseera.

Barattootni dubartoonni Musliimaa Aksum keessa jiraatan kanneen BBC'n gaaffiifi deebii taasisees sababa addaan cituu kanaan ''waggaa tokko duubatti hafne'' jedhan.

Haati intalli ishee kutaa 8ffaa barattu Muruhayin Mohaammed, ''waggaa tokko duubatti hafuun ishee baay'ee akka yaaddesse'' BBCtti himteetti.

Barattuun kutaa 9ffaa mana-barumsaa sadarkaa lammaffaa Alumnii Wildaan Adam, "Nuti hiriyoota keenya duuba jirra. Sababa isaaniitiin duubatti hafna. Baay'ee nu miidheera" jechuun kanuma dubbatteetti.

Kutaa sagalffaa irra deebi'uun "dhiibbaa guddaa" kan qabu Wiildaan, "Hiriyyoota keenya waliin walqixa ta'uu barbaanna" jedheera.

Barattuun kutaa 12ffaa kan biraa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Axum yaada ishee qooddee, "Waggaa guutuu [barnoota] xumurree jirra. Hiriyyoota keenya duuba jirra. Waan baranne bakka buusuu barbaanna."

"Nuti kutaa 12ffaa jirra. Hiriyoonni keenya qormaata darbaniiru. Hiriyoonni isaanii kutaa sagalffaa turan amma kutaa 10ffaa keessa jiru. Barnoota isaanii saffisiisuun hiriyyoota keenya waliin wal qixa nu taasisuu barbaanna" jetti.

Murtee kana ilaalchisee BBCn Biiroo Barnootaa Naannoo Tigraay dhaqqabuuf yaaliin godhe hin milkoofne.

Hogganaan Waajjira Barnoota Magaalaa Aksuum Tsegaa Gabremasqel, "waan murteeffame hin beeknu; nutti hin himamne" jechuun murtee mana murtii kanaa "odeeffannoo hin qabnu" jedhan.