Marxoo fuulaa Kardaashiyaan: Ganama bareeduuf galgala fokkisanii buluu

Madda suuraa, Skims
Bareedinaaf gatiin bahu eessa gahaa jira? Boca fuula ofii surreessuuf jecha biyyoota addunyaa adda addaa keessatti wallaansi baqaqsanii hodhuu godhamuu balaa bayyee fidaa akka jiru gabasneerra.
Dubartootni ganama bareedanii mul'achuuf galgala dibatoota adda addaa fayyadamu. Kaan rifeensa xaxatu. Wanti fuulatti godhatanis baayyeedha.
Bocaa fi fuula ofii eeguuf wantootni godhaman garam deemaa jiru kan nama jechiisiisu tokko omisha Kiim Kardaashiyaan dhiyoo kanaati.
Dubartiin beekamtuun US Kiim Kardaashiyaan shaakala TikTok gubbaatti dubartootni hedduun maasikii silikoonii xaxatanii, afaanittis haguggatanii buluun ganama isa galgala gogaa ofii eeguuf dibatan yeroo kaasan isa viidiyoon waraabanii qoodan bizinasatti jijjiirteetti.
Dubartiin miidiyaa hawaasaa gubbaa dhiibbaa uumuun beekamtu kun karaa maqaa omishashee beekamaa ta'e (brand) Skims jedhamun haguuggii fuulaa halkanii tolchitee gabaatti baafteetti.
Hanga Adoolessa bara 2023 tti kaampaniinshee huccuuwwan qaama dubartootaatti maxxanan oomishu akka barruun Forbis jedhutti doolaara biliyoona afuritti tilmaamama.
Maaskiin haaraan omishte kun ammoo tokkichisaa paawundii 52tti gurgurama. Hangi omishame hangam akka ta'e ibsamuu baatus, omishni jalqabaa sa'aatii 24 keessatti gurguramee dhume.
Warri bitate boca fuulaa barbaadamuufi bareedaa jedhamee amanamu akka qabaatan abdatu.
Omishichi yeroo beeksifamus boca fuulaa miidhaa uuma jedhameeti.
Haata'u malee, haguugguun fuulaa kun intarneeta gubbaatti yaada deeggarsaa fi mormii simateera. Warri deeggaru haala salphaa boca fuulaa itti eeggatanii jedhu.
Warri mormu ammoo dubartootni amantaa ofirraa akka dhaban godha jedhu.
Marxoon fuulaa waan haaraa miti. Dizaayinuma kan Kardaashiyaan kana fakkaatuun omishamee beeka.
Garuu kan hojiirra oolaa ture namoota fuula isaaniif waldhaansa baqaqsanii miidhagsuun hojjetataniif ture.
Skims, biraandiin Kardaashiyaan garuu isa fooyyessee guyyuu haala keewwatamuufi boca eeguu danda'uun oomishe.
Ogeettiin kunuunsa gogaa namaa Laawuraa Poorter yaada BBCf kenniteen omishni marxoo fuulaa kun dubartoota umriinsaanii mana 20 keessa jiran irratti xiyyeefate jetti.
Addatta ammoo moodeelota. Dubartootni miidiyaa hawaasaa gubbaatti dhageetti qaban kan akka Keeylii Janner ammoo omishicha akkaan dhaadhessaa jiru.
Dubartootni TikTok gubbaa dhiibbaa uumuun hordoftoota hedduu qaban marxoon fuulaa kun yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama agarsiisuu himu.
Ogeeyyiin fayyaa garuu fayidaafi dhiibbaa marxoo kanaa ammatti ibsuun dhibaa ta'uu himu.
Dr Anna Andrienko, an aesthetic doctor specialising in cosmetic
Dooktarri miidhaginaa fi kosmootiksiirratti ispeeshalaayiz goote Aanaa Andiree'ankoo bu'aansaa dhaabbataa miti jechuun BBCtti himteetti.












