Kiim Kaardaashiyaan qormaasa seeraa si'a sadii kuftee afraffaarratti milkoofte

Kiim Kaardaashiyaan

Madda suuraa, AFP

Kiim Kaardaashiyaan yaalii marsaa afuriif taasiteen booda qormaata seeraa marsaa duraa murteessaadha jedhameen milkaa'uu ibsite. Qormaata akka bulchiinsa Kaalifoorniyaatti 'baby bar' jedhamuun beekamu kana darbuun ishee hojii yeroo mara hawwitu argachuutti dhiyaachuushee agarsiisa.

Qophii bashannanaa TV irratti walitti aanee dhiyaatuun hedduu kan maqaa gaarii qabduufi haadha qabeenyaa kan taate Kiim Kardaashiyaan, qormaata kana darbuushee miidiyaa hawaasaarratti ibsuun galma ni geenya jettanii yaaddanirraa gonkumaa abdii kuttanii duuba hin deebiyiinaa jechuun hordoftootasheef ergaa dhaamte.

Dubartii umuriin ishee ganna 41 ta'e kun hanga Waayit Hawusitti deemuun haqa ilaalchisuun haaromsi akka gaggeeffamuuf waggootaaf hojjechaa turteetti.

Bara 2019 keessa ammoo hojii haqaaf dhaabbachuu kana caalaa cimsuuf Seera barachuu akka barbaaddu ifa goote.

Digirii jalqabaa osoo hin fudhatiin ogeessota seeraa dhuunfaan ishee qajeelchaniin hojiirratti karaa shaakalaa deemaniin barachaa jirti Kaardaashiyaan.

Barumsi kun cimaa ta'uu qofa osoo hin taane 'mala barnoota seeraa karaa idilee caalaa ulfaataafi waan danda'amullee akka hin fakkaanne' kanaan dura Kaardiyaashiyaanitti himamee ture.

Haata'u malee, Wixata erga gammachuu ishee qaqqabeen, qormaata seeraa Kaalifoorniyaa kan waggaa jalqabaafi murteessaadha jedhame carraaqqii marsaa afuriin booda darbuu dandeesseetti.

"Warra barumsa seeraa ani barachaa jiru hin beekneef: hojiin kun salphaa akka hin taane ykn akkasumaan salphaatti harkatti akka naaf kennamutti hin ilaaliinaa. Ani qormaata kana waggaa lamaan darban keessatti si'a sadiin kufe, garuu yeroo gara garaatti deeggarsa argachuun cimee qayyabachuun kunoo hangan akkasitti milkeessuurran gahe!" jetti.

Kardaashiyaan ergaa tiwiitarasheerratti barreessiteen namoota qormaata kana keessatti, barnoota guyyaa guyyaan taasiftuufi qormaata hojii qabatamaan agarsiisuu torbanii gara orbaniitti taasiftuun ishee gargaaran galateeffatteetti.

Walumaagalatti carraan qormaata kana darbuu jiru %20 akka ragaa dhiyeenya kana baheetti.

Kaardaashiyaan seeraan eebbbifamuudhaaf ammallee barumsa dabalataafi qormaata birootu ishee eeggata.

Akka shallagaa Foorbsiitti, qabeenyi Kaardaashiyaan Onkoloolessa keessa miliyoona 780 irra gara biliyoona tokkootti guddateera.

Dubartiin beekamtuun kun, hordooftoota hedduu miidiyaa hawaasarratti qabdu fayyadamuun daldalashee beeksifattee jirti.

Hordoftootiishee miidiyaa hawaasarratti (Instagram; miliyoona 213, Twitter miliyoona 69.7) gahu.

Guraandhala keessa, abbaa warraasheee raapparii beekamaa Kaaniyee Weest hiikuuf galmee banteen erga bultii waliin ijaarratanii waggaa torbaan ijoollee afur waliin horataniiru adda bahaniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

1px transparent line