Chaayinaan mirga Muslimoota Uyiguur sarbuu mirkaneeffadheera-UN

Mana hidhaa

Madda suuraa, Getty Images

Chaayinaan dhiittaa mirga namoomaa Zhinjiyaang keessatti geeggessuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) mirkaneeffadheera jedhe.

UN mootummaan Chaayinaa “sarbamiinsa mirga namoomaa cimaa” geeggesaa jirti jechuun qorachaa turuun gabaasa dhiyeesse.

Chaayinaan Kaaba-Lixa biyyattii mooraa Zhinjiyaang ijaaruun Muslimoota Uyiiguur achitti ukkaamsitee mirgasaanii sarbaa jirti jedhamuun baayyee himatamti, isheen garuu himata kana waakkatteetti.

Asiin dura gabaasni kun akka gad hin dhiifamne Chaayinaan UN gaafattee turte.

Akka Chaayinaan jettutti, gabaasichi oduu sobaa mootumoonni lixaa uumaniidha.

Hataa’u malee, qorattoonni miidhaan geeggeffame ‘yakkoota sanyii dhala namaarratti raawwatamaniin’ kan wal simu ta’uu ‘ragaa amansiisaa’ qabachuu himan.

Chaayinaan seera nageenyaa biyyaalessaa kan qabatamaa hin taanetti fayyadamuun hawaasa xiqqaa ta’an addatti foyee garmalee hidhuun himatamti.

Gabaasa UNtti Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaatin ajajame kana keessatti, hidhamtoonni jal’inni hedduun isaan irratti raawwatamuu himan.

Achittis reebichi hamaan, haleellaan saal-quunnamtii, humnaan qorannoo yaalii fayyaa irratti geeggeessuu, hojii humnaa oliin hiraarsuu, dubartoonni akka dhala hin godhanne gochuu fi miidhaan biroo irra ga'aa jira jechuu gabaasichi ni argisiisa.

Namoonni seera malee bilisummaa isaanii dhaban kunneen akka gad dhiifaman Chaayinaan tarkaanfiiwwan atattamaa fudhachuu qabdi jedha UN.

Dabalataan, gochi Chaayinaa kun yakkoota idil-addunyaa dabalatee yakka haleellaa dhala namaarratti raawwatamu ta’uu ibse.

UN lakoofsa namoota mootummaan hidhamanii beekuu baatus, dhaabbileen mirgoota namoomaa, namoonni miliyoona tokkoo ol Kaaba-Lixa biyyattii mooraawwan Zhinjiyaang keessatti hidhamuu hima.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kongirasiin hawaasa Uyiguur, kan dhaabbilee 60 of keessaa qabu gabaasa kana simatanii, ummanni addunyaa dafani akka deebii kennan gaafatan.

 “Kuni rakkoo hawaasa Uyiguur irratti jijjirama guddaa kan fidudha, kanaaf ummanni addunyaa irratti xiyeeffachuu qaba,” jedha geeggeessaan mirga hawaasa Uyiguur Omer Kanat.

“Mootummaan Chaayinaa waakkachaa turus, amma UN dhugaa jirtu baasuun, sarbamni mirga namoomaa hammaan isaan raawwachaa turan mul’ateeraa.”

Kutaa biyyaa Zhiinjiyaang Kaaba-Lixa, Chaayinaa keessa hawaasni Uyiguur miliyoona 12 ta’an, hedduunsaanii Musliimotadha.

UN garuu namoonni Musliima hin ta’iin, akkasumas dhimmaa gabaasa keessa jiru kanaan miidhamuu mala jedha.

 Asiin dura biyyoonni hedduun gochi Chaayinaa kun yakka duguuggaa sanyii tahuu ibsan.

Chaayinaan kan gabaasa kana duraan argite garuu himanna miidhaa geeggesuu waakkachuun- mooraan ijaarame bakka itti akkaataa shororkeessitoota qolatan itti barataniidha jette.

 Jilli chaayinaa kan mana-maree mirga namoomaa dhaabbata UN Jeneevaatti ergaman argannoo gabaasa kana fudhachuu diduun, gabaasichi Chaayinaa kan ‘maqaa balleessuu’ fi dhimma dhuunfaa biyyattii kan gidduudha jedhan.

 “Wanti hojjetame kun dhugaa jiru kan hin hubanneefi gabaasa siyaasaa kan yaadaa US, biyyoota lixaafi kanneen Chaayinaa jibban guutummaatti ibsuudha,” jedha ibsi Chaayinaa.

UNtti Komishinarri Olaanaa Mirgoota Namoomaa waggoota afuriif kan turte Michelle Bachelet gabaasa kana guyyaa hojiishee xumurtu baafte.

Bulchiinsashee jalaatti sarbamni mirga namooma hawaasa Uyiguur irratti raawwatamuuf bal’inaan kan himatamte yoo ta’u, isheenis himanna duguuggaa sanyii waggaa tokkoo ol qorachaa turte.

Nam-fakii alabaa Chaayinaa godhatan

Madda suuraa, Reuters

Garuu maxxanfamni isaa yeroo dheeraaf kan ture. Gareen mirgoota namoomaa kan biyyoota lixaa jiran, ragaan akka dhokfamu Chaayinaan ishee gaafateetti jechuun himataa turan.

Yeroo dhumaa kan gabaasichi maxxanfames, Chaayinaan akka inni gad hin dhiifamne dhiibbaa cimaa ishee irra ka’uu dubbatti Bachelet

Kamisa darbe gabaasichi akka hin maxxanfamneefi gad hin dhiifamne dhiibbaan cimaan irra gahuu ibsite.

Haata’u malee, tursiisuun gabaasichaa Chaayinaa mariisisuu malee yakka raawwatamee awwaluu miti jetti.

Chaayinaatti daayireektara Hiyumaan Raayit Wooch kan taate Sophie Richardson argannoon gabaasichaa waan Chaayinaan maxxansaasaa yeroo dheeraaf mormaa turte argiisaa jetti.

 “Manni maree mirga namoomaa dhaabbata UN gabaasa kanatti fayyadamee mootummaa Chaayinaarratti qorannoo yakkaa dhiittaa mirga namoomaa hawaasa Uyiguur irratti xiyeeffate geeggessuu qaba,” jetti

 Barreessituun Olaantuun Amnastii Intarnaashinaal Agnès Callamard turuun maxxanfama kanaa qabataman kan hin qabnedha jechuun balaaleffatte.

“Mootummaan Chaayinaa yakkawwan mirga namooma kanaaf itti gaafatamuu qaban, akkasumas namoota yakkaa kana raawwatan too’atamuu qabu,” jetti.

Jalqaba waggaa kana BBCn galmeewwan iccitii kan jal’inna muslimoota Uyiguur irratti raawwatamu argiisuu argate. Guddeeddii hedduminaan raawwatamuu, haleellaan saal-quunnamtii fi miidhan gara garaa mooraa keessatti raawwatamuu gadi fageenyaan walitti qabeera.

 Galmeewwan poolisii Zhiinjiyaang kan jedhamu kun akka argisiisutti, miidhaa isaan irratti raawwatu kana ajajni hogganaa Chaayinaa Xi Jinping irra dhufa.

Bara 2020, erga viidiyoon hawaasa Uyiguur kan ija hidhanii gara daandii baaburaa geeggeffaman argame, ministeerri dhimma ala UK Doominik Raab dhiittaa mirga namoomaa Chaayinaan Muslimoota Uyiiguur irratti raawwatu balaaleffate.

 Viidiyoon sun mormii cimaa addunyaa keessatti kna kaafte yoo ta’u, Chaayinaan waakkatee turte.

Chaayinaan maal jetti?

Himanna sarbamiinsa mirgoota namooma kan Zhiinjiyaang keessatti raawwatame hunda Chaayinaan waakkateetti.

Galmeewwan poolisii Zhiinjiyaang irratti ministirii dhimmaa ala Chaayinaa, kun maqaa balleessii biyyattii irratti oofamudha jechuun BBCtti hime.

 Jiraattonni Zhiinjiyaang tasgabbiin fi badhaadhina qabachuu himuun, jireenyisaanii kan gammachuufi milkaa’ina qabudhayyu jedheera.

 Akka Chaayinaan jetutti, tarkaanifiin Zhiinjiyaang keessatti fudhatame, ittisa shororkeessummaa, akkasumas mooraan ijaarame bakka itti akkaataa shororkeessitoota qolatan itti barataniidha jette.

Hawaasni Uyiguur biyya bilisa taate ijaaruuf hidhatanii hokkara uumuu barbaadu jetti Chaayinaan, garuu kanatti fayyadamuun hacuucca hawaasa sirri gochuun himataman.

 Akkasumas, himanna lakoofsa hawaasa Uyiguur xiqqeessuuf dhala akka hin godhanne taasisuu fi humnaan hojachiisuu mormatan.