Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoonni 280 ol osoo hojiif gara Hidha Abbayyaa deemanii Faannoon butaman 'maallaqaan' gadhiifaman
Namoonni osoo hojiif gara iddoo pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa deemanii hidhattootaan butaman tumsa mootummaa fi kubbaaniyyaa hojjettoota erge - Nikootikaa jedhamu, taasisaniin guyyaa 25 booda gadhiifamuu dhaabbati Nikootikaa beeksise.
Dhaabbatichatti hoogganaa pirojektii kan ta'an Obbo Mulugeetaa Allanee hojjettoonni butaman kunneen gadhiifamuu BBC'f mirkaneessan.
Hojjettoonni ugguramanii turan kunneen tumsa mootummaa fi dhaabbata isaaniin walaba ba'uu malee waa'ee maallaqa kaffalame jedhamee dubbachuurraa of qusatan.
Raadiyoon Sagalee Ameerikaan - VOA Obbo Mulugeetaa wabeeffachuun akka gabaasetti hojjettoota kunneen ''birrii miiliyoona ja'a'' erga kanfalame booda bahan.
Akka gabaasa kanaatti Obbo Mulugeetaan namoota butamanii turan kunneen gadhiisisuuf kanaan dura birrii miiliyoona afur kaffaluu fi booda kanammoo birrii miiliyoona lama dabaluun hojjettoota kunneen baasuu akka danda'an dubbatan.
Hojjettoonni maallaqaan gadhiifamuu garuu Obbo Mulugeetaan hin haalle.
''Wanti guddaan ijoolleen kunneen gadhiifamuusaaniiti. Akka oolmaatti waanan hin lakkoofneef waa'ee maallaqa jedhamee dubbachuu hin barbaadu.
''Dhala namaa uggura jalaa baasuuf garuu yaaliin nuti hin taasifne hin jiru,'' jechuun BBC'tti himan.
Dargaggoonni 280 ol ta'an kunneen ALI Bitootessa 18, 2016 kara Naannoo Benishaangul Gumuz bakka Hidhi Abbayyaa jiru osoo deemaa jiranii Naannoo Amaaraa Godina Goojjam Bahaa keessatti hidhattoota naannichaan butaman.
Umriinsaanii waggaa 18 fi 30 gidduu ta'uun kan himamu dargaggoonni kunneen Naannoo Kibba Itoophiyaa Godinaalee Allee fi Gaardulaa keessaa fo'amuun mindeeffamanii garas imalaa turan.
Hoogganaan Kominikeeshinii Godina Allee Obbo Gannisoo Gassaatoo godinasaaniirraa dargaggoonni 38 fi Godina Gaardullaa irraa ammoo dargaggoonni 246 ta'an hojiif gara hidha Abbayyaa imalanii kanneen ugguraman ta'uu BBC'tti himaniiru.
Obbo Gannisoo Gassaatoo dargaggoonni kunneen hidhattoota Amaaraa - Faannoo jechuun of waamaniin yeroo ji'a tokkotti siquuf erga ugguramanii booda Jimaata kaleessaa (ALI Bitootessa 13, 2016) gadhiifamuu ibsaniiru.
Dargaggoonni isaanii erga maallaqi hidhattootaaf kaffalamee booda gadhiifamuu irratti garuu odeeffannoo akka hin qabne BBCtti himan.
VOA'n Goojjamitti dubbii himaa garee Faannoo ta'uu kan himatu Maarisheet Tsahaay dubbisuun maallaqa kaffalame jedhamu ilaalchisee waan gama garee hidhattootaan jiru gabaaseera.
Hoogganaan kun ''namoota to'annaa gareesaa jala turan gadhiisuuf maallaqa akka hin fudhanne,'' VOA'tti himeera.
Gareen kun kanaan dura wayita oduun qabamuu dargaggoota kunneen dhagametti ''dargaggoonni kunneen miseensota milishaati malee hojjettoota miti,'' jedhee ture.
Obbo Gannisoo Gasaatoo garuu hojjettoonni kunneen namoota nagaa hojiif deemaa turan ta'uusaanii ragaa itti agarsiisaa turan jedhan.
Dhimma butamuu dargaggoota hojiif deemaa turanii kana ilaalchisee mootummaa Naannoo Amaaraas ta'e kan federaalaa hanga yoonaa waan jedhe hin qabu.
Naannoon Amaaraa ji’oota darban keessa hidhattoota Faannoo fi humna waraanaa gidduutti dirree walitti bu’insaa ta’eera.
Hojjettoonni bakka pirojektiin guddichi Hidha Haaromsaa Itoophiyaa jiru deemanii bosona ciruun akka qulqulleessaniif mindeeffaman kunneen, kallattiin isaan irra imalaa turan haleellaa hidhattootaaf kan saaxilameedha.
Obbo Gannisoo Gassaatoo daandiin hojjettootni kunneen irra imalaa turan rakkoo nageenyaaf kan saaxilame ta'uun osoo beekamuu eegumsa ga'aa malee garas ergamuurraa komii akka qaban ibsan.
''Naannoo sana rakkoon nageenyaa jiraachuun osoo beekamuu akkamiin eegumsa malee deeman kan jedhu gaaffii nutti ta'eera.''
Dhimma kana ilaalchisuun abbaa qabeenyaa hojjettoota garas erge (Nikootikaa) wayita gaafatan, ''hojjettoonni nagaadhaan garas darban jiru, kanneen qabaman garuu sababa konkolaataan daandiirraa maqeef,'' deebiin jedhu kennamuufii himan.
Akkasaan jedhanitti dargaggoonni kunneen naannoo Amaaraa, bakka dhiheenya magaalaa Dabra-Maarqos ta'etti ugguraman.