Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maanguddoo Arsii Haadha Warraa shan, ijoollee 52 fi horii 800 qaban
Oromoon waan ittiin beekamu hedduu keessa tokko loon ykn horiidha. Oromoon loon ni jaalata, ni horsiisa, ni faarsas.
Dur qabeenyi namaa hamma horii qabuufi saawwan elmatuun adda baha ture. Amma sababoota adda addaan haalli kun jijiiramaa dhufeera.
Godina Arsii Aanaa Ajjee keessa garuu maanguddoon tokko ammallee horii dhibbootaan horanii yaafatu.
Waggaa waggaan saawwa hanga sadeettamaa dhalanirra aannanii fi bu'aan aannanii argatan ollaafuu ni hafa.
Sangootni cimdii hedduu lafa ollaafi firaa qotuurra darbanii waggaa waggaan gabaatti bahu.
Obbo Jaarsoo Daksiisoo jedhamu. Godina Arsii aanaa Ajjee-Shaallaa keessa jiraatu. Obbo Jaarsoon maanguddoo ganna 75'ti.
Yaada BBC'f kennaniin ''horii adeemaa miilaa 800 qaba. Loon jabbuma waliin kan miilaan deemu'' jedhan.
Maanguddoon kun horii hangana akkamiin horuu danda'an, eessa bobbaasu?
Obbo Jaarsoon handhuuraan(dhaala abbaa irraa argamu) horiin argatan jiraatus ofiillee horii hedduun qaban wal-horanii hangana gahuu dubbatu.
''Wal horee, waljalaan horee, kan abbaan naa dabarse hin jiraa, kan ofii horsiise hin jiraa, walumatti qabamee asiin bahe. Abbaan koo hoorii hanga 42 ta'uu na dhaalchise.''
Obbo Jaarsoon lakkoofsa sangoota isaanii loon elmatanii, harrootaa fi fardeenii, hoolotaafi re'ootaa qaban nibeeku.
''Re'ee, hoolota waliin 150 qaba. Harreeniifi fardi 50.''
Horiin isaanii garuu heddummachuu isaaniirraa kan ka'e qe'eerraa fagaatanii jiraatu, kan qe'eetti tiksan muraasa.
''Dhidheessa keessa ollaa paarkii qorkee, Boorannellee hin jedhama achi jirra. Bona as deebi'u malee ji'a gannaa ganda keessa jiraachuu hin danda'an.''
Obbo Jaarsoon loon isaanii kanaaf tiksee torba qabu.
''Qonnallee waan qabnuuf maatinillee guddaa waan ta'eefi mootummaafi waaqa waliin akkasitti jiraachisuu dandeenyeerra'' jedhu.
''Haadha warraa shan qaba'' kan jedhan Obbo Jaarsoon, ijoollee 52 qabaachuu dubbatu.
Ilmi isaanii hangafaa qofti maatii guddaa kan isaaniitti siiqu qabaachuu dubbachuun, ilmaan ijoollee isaanii dabalatee lakkoofsi maatii isaanii 100 ol ni ta'a jedhan.
Naannoo isaan jiraatan godina Arsii naannoo Ajjee-Shaallaa kana namootni kaan horii dhibbootan horan biroon baayyeen akka jiran obbo Jaarsoon ni dubbatu.
Ilmi isaanii hangafaayyuu hanga horii 300 akka qabu dubbatu.
Haata'u malee naannichatti akka isaanii namni horii hanga 800 qabu isaanuma (ykn muraasatu jira).
Horii hanga kanaan maal godhu?
Saawwan isaanii dhalan waggaa waggaan lakkoofsi isaanii hanga 95 yeroon itti gahuufi yeroo biraa ammoo sanaa gadis akka ta'u kan dubbatan Obbo Jaarsoon, bu'aa aannanii kana maatiin isaanii guddaan kun itti fayyadamee isa hafu gabaatti akka baasan himan.
''Aannan namaa hin kennina, tikseen hin dhuga, keessummaan hin dhuga. Shalalaan hin baha. Sun magaala Ajjeettii bahee gabaarra oola. Haawwonni dhadhaa bahuu qabu buusee torban torbaniin gabaarra oolchu.''
Gurgurtaa bu'aalee aannanii torban torbaniin argatanirraa galii guddaa akka argatanis himana.
Sangoota dhibbaa ol kan qaban maanguddoon kun sangootni isaaniis lafa isaanii fi kan firoota isaanii mara akka qotan dubbatu.
''Kaan firaa kennee, kaan maatii kiyyaa qoodee, lakkoofsaan kiyya haa ta'an malee nama baayyeetu itti fayyadama. Warra rakkatan, fira kiyya ta'anii warra ijoollee koo fuudhan kanaaf loon kudhan digdama godhee isaantu itti fayyadama.''
'Qonna guddaan qaba'
Obbo Jaarsoon qabeenya horii gudda qabaniin cinaatti hojii qonnaa lafa bal'aarratti qotaniinis milkaawoodha.
Isin sangoota hedduu qabdu tiraaktaraan moo sangaan qottu? jennee gaafanne.
''Sirriittin qota. Tiraaktara kireeffadheen qota. Yeroo facaasaa ammoo sararaan facaasuuf sangaaniin qota'' jedhan.
''Haawwotaan ala kan kiyya qofa, lafa hektaara gara 40'n qota. Omishini guddaan Boqqolloodha.''
Boqqolloon cinaatti Boloqqee, Dinnicha fi Daagussaa fa'aa qotanii gabaatti baasuudhaanis guddoo akka irraa fayydaman himaniiru.
'Killa hin lixne'
Aadaa Sikkoofi Mandoo keessa dur agarsiiftuun qabeenya horii killa lixuudha. Abbaan sawwii 100 fi isaa ol waggaa tokko keessatti dhalteef sirna killa lixuu jedhamu raawwata.
Sirni kun abbaan qabeenya hore kun dheerina isaan boolli qotameefi boolli sunis aannaniin guutee namni sun keessa itti lixee bahuudha.
Obbo Jaarsoon horii 800 qabaatanii ''hanga ammaa Killa hin lixne'' jedhan.
''Hin lixne, hin lixne. Lixuu kan nu dhoorge, akka abbootiirraa dhageenyutti killa kan lixan yoo goromsi duudaan bichaan 100 dhale'' jedhan.
Goromsa isaan horsiisan keessaa waaggaa tokko keessatti 100 waan hin dhalleef Killa akka hin lixne dubbatan.
Ammantaa Islaamaa keessa seera Shariyaatiinis hedduu akka hin jajjabeeffamne kaasan.
Sana gochuu dhabaniyyuu horii hanga kanaa qabaatanii miidiyaaleen dubbifamuu isaaniittis gammachuu qabaachuu dubbatan.
'Magaalatti galuu barbaada'
Obbo Jaarsoon magaalaa Ajjee keessatti gamoo ijaaruu eegalaniiru. Gamoo isaanii kan ammallee ijaarsi isaa darbii dabalachaa jiru baankiin kireeffatee keessatti hojjechaa jira.
Mana nyaata isaan ''bunnaa beetii'' ittiin jedhanis magaaluma Ajjee keessa jira.
Mankuusaa guddaas ijaaranii qabaachuu dubbatan. Magaalaa Shaashamannee keessas lafa bitatanii qabachuu dubbatu.
Ijoolleen isanii magaalota akka Ajjefi Shaashamanneetti barnootaarra akka jiran himanii, qabeenya horii isaanii kana haadholii warraa isaaniif ramadanii akka jiraniifi akkuma abbaa isaaniirraa dhaalan isaaniis hamma dhaalchisan adda baasanii akka jiran dubbatan.
Horii isaanii kanaaf bishaan dhiyeessuun garuu qormaata guddaa ta'uu dubbatu. Horii hanga kanaa bobbaasuuf iddoon mijataan waan hin jirreef horii isaanii hir'isanii magaalatti galuuf yaada qabaachuus himan.
''Waggaa tokko keessa horii hanga kanaa fi jabbiloota bishaan obaasuuf maallaqa guddaa baasna. Bishaan Konkolaataa tokko kuma 7-10 binna'' jedhan.
Ijoolleen isanii barnootaafi hojii biroof magaalota keessatti boba'aanii waan jiraniif ko'oomachaa jiraachuus himu.
''Hojiin horsiisa loonii kun dadhabbii baayyee qaba. Amma hunduu gara barnootaa, kuun gara daldalaa, kuun gara konkolaachisummaa filacha jira. Kanaafuu gara magaalatti gallee jiraachuu filataa jirra. Horii kanallee yoo rabbi jedhe maallaqatti jijjiiruu yaadna.''
Lafa bal'aa horsiisa isaaniif tolu mootummaarraa yoo argatan ammoo kana caala bal'isuu akka danda'aniis dubatan.