Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hookkara Faransaayitti dhalate booda baqattoonni Itoophiyaa haala akkamii keessa jiru?
Hookkara ajjeefamuu ol-adeemaa umrii ganna 17 torbee darbe raawwatame booda magaalonni Firaansi jeequmsaan raafamaa turan.
Mormii cimaa hookkaraan dabaalamee fi guyyoota shaniif ture booda amma haalli biyyattii keessa jiru waan tasgabbaa'e fakkaata.
Haata'u malee Pireezidantiin biyyattii Imaanu'eel Maakroon daandiiwwan gurguddoo biyyattiirraa poolisiin akka hin dhabamne aanga'ootaaf ergaa dabarsaniiru.
Lammiileen Itoophiyaa baqaa fi haala garaagaraan Faransaayi jiran haala akkamii keessa jiru.
Dahaltaan Oromoo baqaan garas imalee handaara magaalaa Paaris jiraatu haalli biyyi keessa jirtu baayyee ulfaataadha jedha.
''Waan hedduutu gubate. Manneen, konkolaataa fi waajjiraaleen mootummaa hedduutu gubatan. Amma waan tasgabbaa'e fakkaata, garuu guutummaatti bakkatti deebisuun yeroo fudhata,'' jechuun yaaddoo qabu ibse.
''Nama arabaa fi gurraacha irraan dhiibbaa geessisu. Ergasaan nama waggaa 17 ajjeesanii warri arabaa ka'aniima gubuu eegalan.''
Akka namni kun jedhutti erga rakkoon dhalatee namuu maqaama baqataa kaasa.
''Kun ammoo yaaddoo keessa nu galcheera. Rakkoon wayii uumamnaan baqataadhaan wal qabsiisan. Jibba guddaa qaban. Biyyi ormaa baayyee nama yaachifti.''
Haata'u malee qabeenyi barbaada'uurraan kan hafe miidhaa guddaan baqataarra ga'e hin jiru.
''Qabeenyi gubate garuu nurratti dhiibbaa qaba. Taaksii nurratti dabalanii nu kaffalchiisu. Hojiinis nurraa dhaabbate. Kanarraan kan hafe garuu nagaa jirra. Amma nagaan baanee galla,'' jedha baqataan Itoophiyaa Faransaayi jiru kun.
Baqataan Itoophiyaa magaalaa Paaris jiraatu kan biraan sababa baaburri fi konkolaattonni gubataniin geejjiba dhabuu hima.
Dhaabbilee mootummaa fi miti-mootummaa kanneen akka baankii, geejjiba, suuqiiwwan baayyee haleelaman kan jedhu baqataan kun, sababa kanaan miidhamni biyyaa isaanis qaqqabuu hima.
''Fakkeenyaaf an hojii Casino'n hojjedha. Supparmaarkeetii guddaa keessan hojjedha. Bakki kun walakkaa Paaris. Sababa kanaan miidhaan biyya mudate anas na qaqqabeera jechuudha,'' jedhe.
''Kana malees konkolaataan geejjiba uummataaf oolu gara konkolaataa kudhanii ta'u bakka tokkotti gubateera. Baaburra gara sadii ta'u gubateera. Qabeenyi faayidaa uummataa ta'e hedduun waan barbadaa'eef danqaa keessa galleerra.''
Magaalaan inni keessa jiraatu Paaris haga tokko tasgabbooftus, magaalonni akka Maarsee fi Moolii ammallee hookkara keessa jiraachuu hime.
Kunimmoo ammas yaaddoo nageenyaa itti ta'uu ibse.
Dura taa'aan Waldaa Oromoo Faransaayi keessa jiraatanii Muusaa Simbirroo haleellaan biyyattii keessatti mudate ammaaf baqattoota biyyattii keessa jiraatanirratti akka hin qiyyaafanne dubbatan.
''Konkolaataa fi dhaabbileen mootummaa gubataniiru. Wanti gaariinsaa haleellaan kun namarratti kan xiyyeeffate miti. Xiyyeeffannaan qabeenya mootummaa, manneen barnootaa fi dhaabbilee garaagaraa irratti,'' jedhan.
Miidhaan addaa baqattootarra ga'uu baatus garuu dhiibbaan geejjibaa ni jira jedhan.
''Geejjiba dhaabanii jiran. Kallattiiwwan hedduunis cufamanii jiru. Sababa kanaan bakkaa bakkatti socho'uun ulfaataadha.''
Torban har'aa gaafa Waxabajjii 27, 2023 ture ajjeechaa ol adeemaa umrii ganna 17 hordofee hookkarri Faransaayi keessatti kan ka'e.
Guyyaa kana dargaggeessi maatii Aljeeriyaa lammummaa Faransaayi qaban irraa dhalate Nahel M jedhamu, bakka sakattaa tiraafikaatti dhababachuu didee, konkolaataa oofee sokkuu isaaf poolisiin rasaasaan rukutee ajjeese.
Hookkara magaalaa guddoo biyyattii Paaris dabalatee magaalota biyyattii kedduu keessatti ka'e booda namoonni 1,000tti siqan hidhamaniiru.
Poolisiin Faransaayi bakka konkolaattota dhaabsisee sakatta'utti seera cimaa hojiirra oolchuun ni komatama.
Bara kana konkolaattota dhaabsisuun bakka sakatta'anitti lubbuun namoota sadii poolisii harkatti badeera. Bara darbe namoota 13tu haala kanaan ajjeefaman.
Hookkara dhalate to'achuuf poolisoonni 45,000 ramadamaniiru.
Hookkara kanaan konkolaattonni 2197 fi manneen 534 barbadaa'aniiru.
Kantiibaan magaalaa handaara Paarisitti argamtu Neuilly-sur-Marne, Zartoshte Bakhtiari erga torbee darbe hookkarri Firaansi keessatti dhalatee halkan sa'atii sadi caalaa rafanii akka hin beeknee fi ammallee yaaddoo nageenyaa akka qaban ibsan.
Guyyaa guyyaa kantiibaadha, halkan ammoo poolisota fi aanga'oota bulchiinsa magaalattii waliin ta'uun waardiyyaa bulu.