Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Faransaay Maarseetti poolisii fi mormitootni walitti bu'an
Hokkara guyyaa shanaffaaf Faransaay keessatti gaggeefamaa jiruun magaalaa Maarsee keessatti mormitootnifi poolisiin walitti bu'an.
Hokkara ajjeefamuu ol-adeemaa ganna 17 Kibxata darbee booda, magaalonniifi qarqarri magaalota Faransaay jeequmsaan raafamaa turan.
Magaalaa Marseetti walitti bu'iinsa qaamolee nageenyaafi mormitoota gidduutti dhalate tasgabbeessuuf Poolisiin gaazii imimmaanesssu fayyadameera.
Humni poolisii guddaan naannawaa magaalaa Paarisitti duulchifamuun halkan shanaffaaf hokkarri akka hin dhalanne gargaareera.
Ministirri Dhimma Biyya keessaa Faransaay Jeeraald Daarmaniin tarkaanfiin madaalawaan humnoonni nageenyaa fudhatan halkan tasgabbii qabu akka jiraatu godhee jechuun galateeffatan.
Sanbata galgalas mootummaan biyyattii poolisoota 45,000 bobbaaseera. Galgala kana qofa namootni 486 to'annoo jala oolaniiru. Kamisa namootni 900, Jimaata ammoo namootni 1,300 to'atamuus Ministirichi ibsaniiru.
Magaalaa guddittii Paariis keessatti humni poolisii guddaan bakka uummatni walitti qabamuu mallu jedhaman Champs-Élysées dabalatee bakka kaanittis bobbaafamee ture.
Miidiyaa hawaasaa gubbaatti ammoo bakka sanatti walitti qabamuuf waamichi godhamaa ture. Humni Poolisii achitti heddummachuun mormiif walitti qabamuu rakkisaa godheera.
Poolisiin magaalaa Paaris eda galgala qofa namoota 194 to'achuu ibseera. Bulchiinsi magaalichaa sochii geejiba uummataa baaburaafi baasiin galgala sa'aa sadii duuba akka dhaabatu murteesseera. Kunis galgala lammaffaaf hojiirra oole.
Ministirri Muummee biyyattii Elizaabeet Boorn duula poolisiin rakkoo kana tasgabbeessuuf taasisu bakka ajajoonni jiranitti argamuun daawwataniiru.
Kibxata darbe dhiyeenya magaalaa Paarisitti poolisiin konkolaattota sakatta'uurra jiru dhukaasa ol-adeemaa tokkorratti baneen dargaggeessi ganna 17 ajjeefamuun Faransaay keesssatti dheekkamsa kaaseera.
Dargaggeessi ganna 17 konkolaachisaa ta'e Nahel M, bakka sakattaa tiraafikaatti dhaabachuu didee, konkolaataa ofee sokkuu isaaf rasaasaan rukutamee ajjeefame. Nahel maatii Aljeeriyaa lammummaa Faransaay qaban irraa dhalate.