Humnoonni Tigraay meeshaalee jajjaboo ifatti waraana Itoophiyaatti dabarsuu jalqaban

Loltoota TPLF

Madda suuraa, AFP

Humnoonni Tigraay waggoota lamaaf waraana Itoophiyaa lolaa turan ifatti meeshaalee gurguddoo waraana Itoophiyaaf dabarsuu jalqaban.

Kunis akkaataa waliigaltee mootummaa Itoophiyaafi TPLF waliin irra gahame bu’uura godhachuuni.

Gareen to’annoo Gamtaa Afrikaa gaafa Kibxataa ibsa Maqaleedhaa kenneen qaamoleen lamaan waliigaltee Pirotooriyaafi Naayiroobii irra gahan hojiirra oolchuu eegaluu dubbate.

Meeshaa lafa kaa’uun ala humnoota alaa Naannoo Tigraay keessa jiran baasuu eegaluu ibsan.

Gareen to’annoo Gamtaa Afrikaa ‘’meeshaaleen waraanaa yeroo kennaman taajjabneerra,’’ jechuu isaanii Televijiniin Tigraay gabaaseera.

Sagantaan meeshaa lafa kaa’uu yookiin waraana Itoophiyaaf kennuu magaalaa Maqaleerraa 30km fagaattee argamtu, Agulayeetti eegaluu Rooyitars gabaase.

Aanga'aan TPLF fi marii nagaa irratti bakka bu'aa kan ta'e Obbo Getaachoo Raddaa ergaa fuula Tiwiitara isaarratti barreesseen Tigraay waliigaltee nagaa buusuu Piritooriyaatti mallattaa'e amanamummaan hojiirra oolchuuf meeshaalee waraanaa gurguddaa qabdu dabarsitee kenniteetti jedhe.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Kanas gareen to’annoo Gamtaa Afrikaa qaamolee lamaanirraa babbaheefi kan aangawoonni dhaabbata IGAD keessa jiran taajjabuu gabaafame.

Sagantaa kana irratti bakka bu’aan humnoota Tigraay Mulugeetaa G/Kiriistos adeemsi meeshaa lafa kaa’u eegaluun nagaa buusuuf ijoo akka ta’e dubbachuu isaanii Rooyitars gabaaseera.

‘’Yoo nagaa akka qabaannu barbaachise, kanneen dubbiif karra banan mara jiraachuu hinqaban amantaa jedhuun socho’aa jirra. Nagaan hunduma keenyaaf barbaachisa,’’ jedhan.

Bakka bu’aan waraana Itoophiyaa Alamee Taaddasaa gama isaaniin sagantaa kallattiin darba tureerratti tarkaanfii gama isaanii fudhatame himan.

‘’Nuyi qaama Itoophiyaa tokkodha. Lamaan keenyayyuu lafa dahoo keenyaati nagaa, hubannoofi jaala bu’uura godhachuun sochoone,’’ jedhan.

Akkaataa waliigaltee nagaa Afrikaa Kibbaatti irra gahameen humnoonni Tigraay meeshaa waraanaa jajjaboo waraana Itoophiyaatti dabarsanii kennuu qabu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ibsa kana irratti Raayyaan Ittisa Biyyaafi humnoonni Tigraay meeshaa hiikachiisuu, loltoota bittimsuufi deebisanii ijaaruu ifatti eegaluu isaa dubbachuun isaanii himameera.

Dabalataan, meeshaa hiikkachiisuu biratti humnoonni waraana Itoophiyaan ala jiran naannicha keessaa bahuu eegaluun isaanii ibsame.

Qaamoleen lamaan erga waliigaltee nagaarra gahanii baatii lama ta’eera. Haa ta’u malee, meeshaa hiikkachiisuufi humnoota kaan naannicha keessaa baasuun yeroo jedhameen ol fudhate.

Torban muraasa darban waraanni Ertiraa magaalota Tigraay keessaa bahuu isaa jiraattonni ibsaniis naannicha gadhiisee bahuun isaa hin beekamu.

Qaamoleen lamaan walgahii si’a lama Naayiroobiitti taasisaniin waliigalticha hojiirra oolchuuf waliigalteewwan garagaraa irratti wal ta’aniiru.

Sirni to’annoo, hordoffiifi mirkaneessuu waliigaltichaa torban lama dura ture Maqaleetti kan ifa taasifame.

Waliigaltee tumsa Gamtaa Afrikaan gahame kana akka raawwachiisan qondaaltonni olaanoo Afrikaa sadii muudamaniiru. Kanneenitu Maqaleedhaa ibsa kenne.

Sirni to’annoo Gamtaa Afrikaa Meejar Janaraal Raadinaa Istiifan (lammii Keeniyaa), Koloneel Umar Maayiraagaa (lammii Naayijeeriyaa) akkasumas Koloneel Tefoo Sakooliin (lammii Afrikaa Kibbaa) durfama.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti waggaa lama dura eegale kumaatama galaafatee, miiliyoonaan kan lakkaa’aman qe’eerraa buqqiseera.

Kan gargaarsa namoomaan jiraachuuf dirqamaniis hedduudha. Eega baatii lama dura waliigalteerra gahame as garuu deeggarsi namoomaas gara Tigraay seenaa jira.

Tajaajiloonni bu’uuraas suuta suuta gadhiifamaa jiru. 

Humnoonni Tigraay waggaa lamaaf waraana Itoophiyaa waraanaa turan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Humnoonni Tigraay waggaa lamaaf waraana Itoophiyaa waraanaa turan