Poolisiin Federaalaa Maqalee seenuun dhaabbilee federaalaa tiksuu eegale

Madda suuraa, Federal Police
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa Naannoo Tigraay Magaalaa Maqalee seenuun dhaabbilee federaalaa tiksuu akka eegale jaarmayichi beeksise.
Poolisiin Federaalaa eega waggaa dura waraanni federaalaa Maqalee gadhiisee bahe booda Maqalee yoo seenu kuni kan duraati.
Akkaataa mootummaafi TPLF baatii tokko dura Afrikaa Kibbaatti waliigalteerra gahanitti Poolisiin Federaalaafi Raayyaan Ittisa Biyyaa Naannoo Tigraay keessa ni bobba'u.
Akkaataa heera Itoophiyaatti, dhaabbilee federaalaa tiksuuf dirqamni kan kennameef humnoota nageenyaa federaalaadha.
Akkaatuma kanaan poolisiin federaalaa buufata xiyyaaraa, humna ibsaa, telekoomii, baankiifi dhaabbilee federaalaa biroo ni tiksa.
Tajaajiloonni kunneen bal'inaan kan torban kana tajaajila eegalanidha.
Poolisiin Federaalaa akka beeksisetti, kana dura bakkeewwan Tigraay adda addaatti bobba'ee ''hawaasa tasgabbeessuu, qe'eetti akka deebi'uu akkasumas nagaafi tasgabbiin akka bu'u hojjetaa tureera.''
Poolisii Federaalaan ala guyyaa har'aa Raayyaan Ittisa Biyyaa magaalaa Maqalee akka seenu ibsamee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hanga yoonaa dhimma kana irratti gama mootummaa wanti jedhame hin jiru.
Haa ta’u malee, raayyaan ittsa biyyaa magaalaa Maqalee dhiheenyatti akka jiru gabaasaaleen ibsaniiru.
Akkaataa waliigaltee mootummaafi TPLF’n deeggarsi namoomaa akka saffisu, qaamoleen humnoota federaalaa ala jiran Naannoo Tigraay keessaa akka bahanis gaafata.
Dabalataan, hidhattooti Tigraay meeshaa akka lafa kaa’aniifi tajaajiloonni bu’uura adda citan akka deebisanii eegalan qaamoleen lamaan irratti waliigalaniiru.
Torban kana erga waliigalteen nagaa raawwatamee as tarkaanfiiwwan jajjaboo fudhatamaniiru.
Baatiiwwan 18 booda balaliin qilleensaa gara Maqalee eegaleera. Tajaajilli bilbilaas Maqaleefi magaalota birootti jalqabe.
Kanaanis maatiin yeroo dheeraaf adda citan wal qunnamuu danda’aniiru.
Guyyaa har’aa aangawoonni jaarsummaarratti hirmaatan Maqalee seenuun hojiirra oolmaa waliigaltee kanaa hubachuu eegalaniiru.
Kunneen Pirezidantii duraanii Naayijeeriyaa Oluseguun Obasaanjoo, Pirezidantii duraanii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataafi Barreessaa Olaanaa IGAD Dr Warqinaa Gabayyoo fa'i.
Kunneenis aangawoota Tigraay waliin marii gaggeessaa jiru.












